Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Suuraan qorsaa ‘bara keessa takka argamtu’ badhaasa injifatte
Suuraan addaa qorsaa ykn urjii furguggifamaa lamuu deebi’ee Addunyaa irraa hin argamne, badhaasa suuraa guddaa injifateera.
Suuraan kun yeroo eegeen qorsaa Liyoonard jedhamuu foxxoqee yeroo qilleensa solaariin fudhatamee yommuu deemuu mul’isa.
Koomeetiin ykn qorsi kun yeroo gabaabaaf kan mul’ate bara 2021’tti yoo ta’u amma garuu Sirna Soolaarii keenya gadhiisee ba’eera.
Dorgommii Suuraa Astiroonomii Waggaa kan qopheesuu Qorannoo Rooyal Giriinwiich Landaniin gaggeeggeefama. Dhaabbati kunis suuraa kana “ajaa’ibsiisadha” jedheera.
Dabalataanis ijoollee umurii wagga 14, Sichuwaan, Chaayinaa jiran lamaaf, Oggeessota Suuraa dargaggoo wagga kanaa jechuun badhaaseera.
Suuraaleen kunneen agarsiisa Godambaa Maritaayim Biyyaalesaa Landanitti Sanbata irraa eegale ni agarsiifamu.
“Komeetiin sa’aatirra sa’aatitti waan adda fakkatu – wanta baayye nama ajaa’ibanidha,” jechuun oggeessi suuraa badhaasa kana mo’atee fi Viyeenaa, Oostiraa irraa ta’e Geerald Reeman ibseera.
Suuraan kun Mudde 25, 2021 irratti Namibiyaa, biyyaa addunyaa keessatti samii dukkanaa’aa ta’an itti argamu keessaa tokko keessatti kaafame.
Murteessitoonni dorgommichaa suuralee 3,000 ol addunyaa guutuu irraa ergamee ilaalaniiru.
Suuraa isaanii injifateef Yaang Haanwen fi Zawuu Zezen, lamanuu umurii ganna 14, waliin ta’anii suuraa Gaalaksii Andiromedaa, kan Milkii Weeyitti siqee jiru kaasaniiru.
Suuraan armaan oli oggeessa suuraa Isloovaakiyaa, Flip Hirebeendaan, haroo cabbaa’ee gubbaatti ibsaan Kaabaa yeroo calaqqisuu mul’isa.
Piitar Sizaaboon baadhaasa Dargaggoo Astiroonoomii wagga kanaaf kaadhimamee kan ture yoo ta’u, suuraa Baatii magaalaa Dabreekaan, Hangaarii keessaa ta’ee kaaseetu dhiyaate.
Piitar Feltootiin suuraa armaan olii Hangariitii kaase. Suuraa kun yeroo qilleeensi hawaa keessa jiru wanta naannoo isaa jiru afaruun, boca holqa fakkaatu kana yeroo uumu kan mul’isudha.