'Maatii koo beela'aniif maallaqa erguu hin dandeenye'-Dr Teediroos

Madda suuraa, World health organization
Daayireektarri Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Teediroos Adihaanoom firoota isaanii naannoo Tigraay jiran ''jiraachuufi du'uu isaaniillee beekuu hin dandeenye'' jedhan.
Teediroos ibsa waajira isaanii Jenevaarraa kennan keessatti ''maatiin koo Tigraay jiru, maallaqa erguufii nan barbaada. Garuu ammoo erguufi hin dandeenye'' jedhaniiru.
Haalli qabatamaa naannoo Tigraay dhuunfaanis isaan miidhaa jiraachuu kan dubbatan, waraanni mootummaa federaalafi humnoota Tigraay gidduutti gaggeefamu deebi'ee hammaachuun gabaafamuu hordofeeti.
Naanoon Tigraay tajaajiloota akka baankii, teelekoomiifi ibsaa malee yeroo waggaa lamatti siiquuf addunyaarraa adda baatee jirtii jedhan bulchaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa kun.
Ministeerri Fayyaa duraanii Itoophiyaa Dr Teediroos dhimma Tigraay irratti yeroo dubbatan kun kan jalqabaa miti.
Erga waranni Kaaba Itoophiyaa eegalee ejjennoo Dr. Teediroos qabataniifi haasaan isaanii mootummaa Itoophiyaa mufachiisee ture.
Kana dura aangawoonni Itoophiyaa qondaalli kuni humnoota TPLF'f meeshaa waraanaa bituun deeggaraa jiru jechuun himatani. Isaan garuu haalan.
Torbee darbes haalli Tigraay ''kan Yukireen irraahuu hammaataadha. Addunyaan Yukireeniifi Tigraayiin qixatti kan hin ilaalle, gargaarsa gahaa kan hin laanne sanyummaan waan jiruufi'' jedhanii turan.
''Gurra guddisuu malee gaaga'amni namoomaa Tigraay kan Yukireeniin ol ta'uu isinii mirkaneessuun barbaada. Ji'oota duras kana dubbadheen ture. Tigraayiif xiyyeeffannoon kan hin laatamne sababa bifa gogaa isaaniin'' jedhaniiru.
Himannaa irra-deddeebiin loogii akka qabaniifi siyaasa TPLF deeggaru jedhamuu ilaalchisee deebii kennaniin ''gabaasni akka ani loogutti dhiyaatan dhugaa miti'' jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haala Siiriyaa, Yamaniifi Yukireen irratti cimsanii dubbachaa fi hojjechaa turuu kan himan Dr Teediroos uummata Tigraay miiliyoona 6 ol ta'u uggura jala jira, deeggarsi danqaa hin qabne dhiyaachuufi qaba jedhaniiru.
''Rakkoo Tigraay hammaataa kan godhu humnoota mootummaa Itoophiyaa fi Eertiraatiin ugguramuu isaaniiti.''
''Ergan maatii kootti dubbadhee yeroo dheeraadha. Bilbilaan dubbisuu hin danda'u. Eenyu akka jiruufi eenyu akka du'e hin beeku. Addunyaarra bakki haala akkanaa keessa jiru jiraa?'' jechuunis komatan.
Addunyaan uummata miiliyoona jahaa ol ''walitti qabaan adabamaa jiru kanaaf fala kennuu danda'aa'' jechuunis dubbatan.
''Uummatni miiliyoona jaha nyaata sooratu akka qabatu, qoricha ittiin waldhaanamu akka argatu, telekoomii ittiin maatii isaa dubbisu akka argatu, baankii maallaqa isaa ittiin fayyadamuu, miindaa akka argatu gochuu danda'a.''
Waraanni ji'oota shanii oliif humnoota TPLF fi mootummaa federaala gidduutti qabbanaa'ee gara marii araaraatti qajeelaa ture guyyoota sadii dura deebi'ee karaa Kibba Tigraay hammaateera.
Humnoonni TPLF boba'aa Litira kuma 500 ol Sagantaa Nyaataa Addunyaa Maqaleetti argamu jalaa fudhachuunis gabaafameera. Isaan garuu waakkatan.
Kana hordofees mootummaan deeggarsa namoomaa dhaabbilen idila addunyaa dhiyyeessan dhimma barbaadameef oolaa jiraachuuf wabii akka barbaadu ibseera.
Waggaa darbe waraanni federaalaa bahuu hordofee addunyaarraa kan cite Tigraayitti, ummanni walakkaa deeggarsa nyaataa barbaada jedheera UN.
Waraana Tigraayitti baatiiwwan 20 ol dura eegaleefi boodarra Amaaraafi Affaaritti ce’een namoonni kumaan lakkaa’aman akka du’an amanama.
Lammiileen miiliyoonaan lakkaa’aman immoo qe'eerraa buqqa’aniiru.












