Palaasiin 4-0 mo'amuun booda 'salphina' Maan Yunaayitid irratti waan jedhame

Madda suuraa, Getty Images
Kufaatiin Maanchister Yuunaayitid baranaa ni fooyya'a osoo jedhamuu itti caalaa deeme. Wiixata galgala Kiristaal Paalaasiin 4-0 mo'amuun Maanchister Yuunaayitid dorgommii Awurooppaa keessaa baasuu danda'a.
Kun seenaa kilebichaa waggoota dheeraa keessatti isa gadi bu'aadha. Amma sadarkaa 8ffaa irra kan jiru Maanchister Yuunaayitid dorgommii Awurooppaan ala taheera.
Taphoota isa hafan injifatee kilebootni akka Cheelsii fi Niwkastil qabxii hin gatan taanaan Yuunaatitid bara dhufu Awurooppaa Liigiis tahe Konfirensii Awurooppaan ala tahuu isaati.
Taphattootni filannoo jalqabaa tahan kudhan miidhamaniiru. Dorgommii Awurooppaa Liigii argachuu kan danda'u yoo Maanchister Siitii mo'atee waancaa FA mo'ate qofaadha.
Ten Haag, ''kun waanuma beekamu, ifaadha. Gahumsa gadi aanaadha kan agarsiisan'' jechuun taphattoota isaanii qeeqaniiru.
''Akka taphachuu barbaannetti hin taphanne. Baay'ee gahumsa gadi aanaadha.''
Yuunaayitid yeroo jalqabaaf bara dorgommii Piriimer Liigii tokkotti taphoota 13 mo'ame.
Seenaa kilebichaa keessatti ammoo sadarkaa torbaffaa gadi xumuree hin beeku. Amma saddeettaffaa irra jiru.
Erga bara dorgommii darbeen as Nootingihaam Foorest qofatu tapha Piriimer Liigii dirreen ala gaggeeffamu hedduu garaagarummaa galchii afuriin mo'ame. Yuunaayitid sadii haala kanaan mo'amuu isaati.
Bara kana Maan Yuunaayitid irratti galchii 81 lakkaa'ameera. Kun erga bara dorgommii 1989-90 as yeroo jalqabaaf kilebicha irratti galmaa'e.
Erga 1989-90 as tasayyuu galchii negatiiviin dorgommii Piriimer Liigii xumuranii hin beekan. Kana jechuun Maan Yuunaayitid galchii hedduu irratti lakkaa'ame galchii muraasa qofa lakkoofsise.
Piriimer Liigii keessaa garee dadhabaa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ji'ootaaf hireen leenjisaa Maanchister Yuunaayitid maal taha kan jedhu dubbii wal falmisiisaa tahee tureera.
Teen Haag ammayyuu waliigaltee waggaa tokkoo Yuunaayitid waliin qaba. Garuu taphoota 11 darban irraa qabxii 10 qofa argachuu danda'an.
Taphoota akka Fulhaam, Birentiford, Cheelsii, Liiverpuulii fi Barnilee irratti daqiiqaa dhumaa irratti galchiin irratti lakkaa'amuun qabxii gataa turan.
Bara leenjsummaa isaatti kan akkasii na mudatee hin beeku kan jedhe Ten Haag miidhama taphattootaa hedduudhaan filannoo dhabee rakkataa jira.
Abbaa qabeenyaa haaraa Sir Jim Raatkilif hoj-mane eguddaatu isaan eeggata.
Taphataa duraanii Liiverpul Jamii Karager, ''Piriimer Liigii keessatti garee gahumsa gadi aanaa qabu leenjisaa jiru. Kun dhugaadha. Ten Haag gahumsa guddaa taphattota isanaii irraa eegu,''' jechun gahumsa taphattootaa qeeqe.
Gareen Maan Yuunaayitid umurii 23 gadiiyyuu galchii haga kana tahuun hin mo'amu kan jedhu Karager,ani leenjistoota gurguddoo muraasa jalatti leenji'eera, kan akka garee kanaa garuu hin argine jedhe.
Taphataan duraanii Maan Yuunaayitid, Ashili Yaangi haala kanaan taphachuu kan itti fufan yoo tahe dorgommii Awurooppaan ala tahu jedhe.
Ten Hag Paalaas mo'achuun wanauma isanaiif maludha. Rakkina qabnu ni beekna, garuu taphattootni jiraniyyuu waan isaan irraa eegamu kennuu qabu ture, kana ammoo hin agarsiifne jedhan.
Kaazemiiroon bakka isa amalee sarara ittisa airra taphatus Ezzee fi Oliisee dhabuu hin dandeenye. Paalaas leenjisaa haaraa jalatti tapha tokko qofa mo'aman.
Karager ''osoo kubbi sin dhiisiin kubba dhiistee bahuu qabda, amma kubbatu dursee Kaazemiiroo dhiise. Kanaaf kana booda of ilaaluun gara liigota Ameerikaa ykn Sawud Arabiyaa deemuu qaba'' jedhe.












