Buruunoo Fernaandez Maanchister Gadhiisuufii?

Dursaa taphattootaa Maanchister Yuunaayitid, Buruunoo Fernaandez

Madda suuraa, Getty Images

Maanchister Yuunaayitid leenjisaa Erik Ten Haag jalatti bara darbe gahumsa gaarii agarsiisuun hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii argatee ture.

Bara kana garuu miidhama taphattootaa, gurgurtaa kilebichaa fi naamusaan himatamuu taphattootaa akka Mason Giriinwuud, Antoonii fa'aa dabalatee kilebichi hirmaannaa Shaampiyonsi Liigii bara dhufuu osoo hin argatiin xumuruuf jedha.

Ten Haag taphattoota jajaboo 11 filatamoo tahaniin dorgommii tokkollee osoo hin gaggeessiin xumuraa jiru.

Taphataan osoo hin miidhamiin kilebicha tajaajilaa turee fi gahumsa guddaa qabuu fi dursaa taphattootaa tahe Buruunoo Fernaandezidha.

Tujaarri biyya Ingilizii Sir Jiim Raatkiliif dhiyeenya erga %27 kilebichaa bitatanii as taphoota Maan Yuunaayitid taasisaa jiru hordofaa jiru.

Kilebichi aduu torban lamaa keessatti carraa hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii argachuuf kan qabu daqiiqaa xumiuraa irratti qixa bahuu fi mo'amuun dhabeera.

Cheelsii, Bireentifoordii, Barnimaawuzii fi Barnileen as keessatti eeramu.

Kun hundi taphattootaa fi leenjisaa kilebichaa hedduu dhiibbaa jala galcheera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gahumsi taphaa agarsiisanis kan deeggartoota kilebichaa bashannansiisu tahee hin argamne. Kanaaf leenjisaa Maan Yuunaayitid bara dhufu itti fufuun isaanii shakkii guddaa keessa jira.

Dabalataan kilebichi taphattoota hedduu kilebichaaf gumaacha guddaa kennaa hin jirre gurguruuf qophii tahuu himamaa jira.

Isaan keessaa waggaa guutuu osoo hin taphatiin kan ture Antoonii Maarshaal bilisaan kilebicha gadhiisee baha. Taphataan kun kanneen miindaa gddaa argatan keessaati.

Ittisa irra kan taphatu Raafaa'el Vaaraan miindaa guddaa argatu yoo hin hir'isne ykn ammoo gaaffiin kilebota Sawudii yoo dhufe Yuunaayitid ni gadhiisa jedhama ajira. Abbaan qabeenyaa haaraan inumaayyuu walakkaa taphattootaa kilebichi qabu gurguruuf murteessaniiru.

Kaazemiiroo, Aantoonii dabalatee taphattootni ergisaan kileboota kaaniif taphatan hedduun ni gurguramu jedhamee eegama.

Sir Raatkiliif ol adeemtota kilebichaa kan akka Gaanaachoo, Koobii Maayinuu, fi Rasmas Hooyilaandi fa'a irratti garee cima aijaaruu barbaadu.

Arsenaal, Liiverpuul, Maan Siitii fa'aa waliin yoo ilaalamu, Maanchister Yuunaayitid sadarkaa waancaaf dorgomuutti dhiyoo jiru irra miti.

Taphataan hin tuqamu jedhamee eegamaa ture garuu Buruunoo Fernaandez ture. Taphataan sarara gidduu galchii hedduu lakkoofsisee fi kubba mijeessee kenne akkasumas kubba carraa galchii tahuu uume Piriimer Liigii keessaa muraasa.

Roobii darbe garuu ammaas dorgommii kana xumuruu, waancaa FA xumuraa fi dorgommii Waancaa Awurooppaa 2024 irratti xiyyeeffachuun barbaada.

Sana booda garuu fuuldureekoo taa'ee kanan murteessuu taha jechuun isaa Buruunoon kilebicha gadhiisuuf yaada jiera jechisiiseera.

Taphattootni baay'een leenjisaa kilebichaa Erik Ten Hag waliin hariiroo gaarii kan qaban hin fakkaatu. Jalqaba Mallattoo kilebichaa yeroo kamuu kanneen tahan keessatti kan eeramu Kiristaanoo Roonaaldoo salphisuun kilebicha akka gadhiisu taasisan.

Itti aansuun Jeden Saanchoo waliin wal dhaban. Saanchoon Maan Yuunaayitid keessatti gahumsa gaarii hin agarsiisfne.

Buruunoon gaaffiif deebii afaan Poorchugaaliin dhiyeenya DAZN irratti dubbateen, ''waa'ee fuulduree kiyee hedduu yaadaa hin jiru. Bara dorgommii kana akka dhuunfaattis tahe akka gareetti akka yaadnetti hin xumurre. mmas bara a kana waancaa FA mo'annee xumuruu dandeenya. Itti aansuun ammoo Waancaan Awurooppaa jira,'' jedhe.

''Dhugaa dubbachuuf waanti Pirimer Liigii keessaa akkan bahu na taasisu jiraannaan xumura dorgommii Waancaa Awurooppaan booda kanan itti yaadu taha jechuun shakkii kilebicha gadhiisuuf yaadaa jira jedhu dabaleera.

Maanchister Yuunaayitid Tootenhaamii fi Aston Viilaan caalamuun hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigiin ala tahuunxumuraa jira.

Abbaan qabeenyaa haaraan kilebichaa ammoo gaggeesitoota haaraa qacraa jiru. Warra duraan turan hojiirraa gaggeessaa jiru. Jijjiirraa taphattootaa kilebichaaf barbaachisan kanneen raawwachuu danda'an gaggeesitoota jajjaboo gara Yuunaayitid fidaa jiru.

Omar Beradaa Maan Siitii irraa fiduun hojii gaggeessaa kilebichaa haaraa gochuun muudaniiru. Dan Anshiworzi ammoo Niw Kaastil irraa fiduun daariktera olaanaa kilebichaa gochuuf fiixeerra gahaniiru.

Ijoollummaa irraa qabuun deeggaraa Maan Yuunaayitid kan tahan Sir Raatkiliif taphattoota jajjaboo aka Kiliyaan Imbaappee fa'aa mallattesisna osoo hin taane taphattoota akka Imbaappee fa'aa tahan haaraa guddisna jedhan.

Dhimma kubba miilaa guutummaan kan to'an abbaan qabeneyaa kun Yuunaayitidiin irra deebiin haaromsuuf waadaa galaniiru.