Oliiseefi Ezee kan barbaadu paawundii miliyeena 120 haa kaffalu jedhe Paalaas

Madda suuraa, Getty Images
Kilbani Ingilizii Kiristaal Paalaas taphattoota collee lamaan Ebereechi Ezeefi Mikaa'el Oliiseef gatii baaseera. Tokkoon tokkoo isaanif paawundii miliyeena 60 mure.
Keessumaa taphattoonni kun lamaan gaafa wal-faana hiriiran kubbaa waan harkaan taphatan fakkaatu.
Ofitti amanamummaafi dandeettin kubbaa qabatanii galchii galchuu, kubbaa kennuuf isaanii adda.
Xinxalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Saatan: "Ezeefi Oliiseen gaafa wal-faana hiriiran Kiristaal Paalas dura dhaabbachuun rakkisaadha," jedhee ture.
Kiristaal Paalas amma yaaddoo liigicha keessaa bu'uu waan qabu hin fakkaatu. Gabatee Pirimer Liigiin 14ffaa qabatee jira.
Taphattoonni gurraalen kun keessumaa tapha kilabichi yeroo dhiyoo as gaggeesse irratti gahuumsa addaa agarsiisaa jiru.
Lammanuu gama bitaafi mirgaan goranii sarara gubbaa taphatu.
Dilbata darbe, Ebla 21, Kiristaal Paalas Weest Haamin 5-2n mo'ate irratti Oliiseefi Ezeen galchii tokko tokko galchaniiru.
Gahuumsi taphattoonni keessumaa gaafa wal-faana hiriiran agarsiisan gabaa jijjiirraa taphattootaa ganna dhufuu ho'isuunsaanii waan hin oolledha.
Ezeen dargaggeessa ganna 25 yoo ta'u, Oliisen ammoo reefu ganna 22 guuta.
Kiristaal Paalas ammatti rakkoo maallaqaa isaan na gurgursiisu hin qabu jedhus, jijjiirraa ganna kanaan barbaadamuunsaanii waan hin oollef, durseen gatiisaanii baase jedhe.
Bara darbe Maan Siitin Ezee ni fudhata osoo jedhamee eegamuu, Wolvis irraa Maatiyaas Nuunez fudhate.
Cheelsin ammoo Paawundii miliyeena 35 baasee Oliisee mallatteessuuf yaalin inni godhe hin milkoofnef.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ammatti colleewwan kun lachuu turtii Paalaasitti qabanitti gammadoodha jedhame.
Ni deemus yoo ta'e kilaba dandeettii isaanii akka agarsiisaniif carraa isaanif kennuufi kontiraata kana isaanif mirkaneessu yoo argatan qofa Kiristaal Paalaasii bahu.
Tapha Weest Haam 5-2n ittiin mo'atan irratti gahuumsa Ezeen "taphataa pilaaneetii biraa irraa dhife fakkaata ture" jechuun jaje taphataan duraanii garee biyyaalessa Ingilizii Daanii Marfii.
"Ezeen taphataa Chaampiyeensi Liigiiti. Na oofkalchaa deeggartoonni Paalaas. Bara dhufu isa [Paalas] keessatti hin argitan," jechuun dandeettii addaa akka qabu jaje.
"Waan guddaa gochuu waan danda'uuf kilaboonni hedduun kana booda isa barbaadu. Taphataa addaati, dhuguman jedha taphataa addaati inni," jedhe Daanii Marfii.
Kiristaal Paalas taphattoota kana lameen bitaa mirgaan wal-faana camadee gaafa galche taphi kilabichaa simboo addaa qaba.
Kan yeroo kaanirras jijjiirama guddaa akka agarsiisu himu xinxaltonni kubbaa miilaa.
Tapha Pirimer Liigii jaha lamaansaanii wal-faana ykn tokkoonsaanii hiriiran irratti galchii 14 gale keessaa 13 isaan lamaantu galche ykn bareechee kenne.
Taphataan biraa kilabichi ganna kana gurguruu danda'u lammii Ingilizii Maark Guhiidha.
Taphataan ganna 23 kun bara 2021 erga gara Paalaas dhufee as gahuumsa cimaa agarsiisaa jira.












