Maan Yunaayitid itti fayyadamuu dadhabee ergisa kan kenne Saanchoon Dortimandiif 'qoricha' ta'e

Yaadoon Saanchoo

Madda suuraa, Getty Images

"Aarii", "gammachuu, of haaromsuu", fi "of tuulummaa" – Jaadan Saanchoo Roobii galgala oduu ijoo Shaampiyoons Liigii ta'ee buleera.

Taphataa Maanchester Yunaayitid itti fayyadamuu hanqatee warra Boruusiyaa Dortimadiif ergisaan dabarsee kenne kun tapha xumura walakkaa Shaampiyoons Liigii Dortimand PSG waliin taphaterratti gahee guddaa taphateera.

Tapha Boruusiyaa Dortimand dirree ofiisaarratti simatee PSG goolii 1-0n mo'aterratti Saanchoon naqa baayyee sarara ittisaa kilaba warra Faransaay kana darbee lafa itti dhiphisaa tureera.

Ciminni Jaadan Saanchoo deeggartoonni Maanchester Yunvaayitid kilabni isaanii taphataa sarara fuula duraa kanatti maaliif fayyadamuu dadhabe akka gaaffii kaasan taasiseera.

Tapha Roobii xumura walakkaa Shaampiyoons Liigii marsaa jalqabaa kanarratti Saanchoon deeggartoota Dortimand dirree miila tokkoon dhaabaa turan duratti 'akka ajaa'ibaatti kubbaa kommokaa' ture.

Saanchoon taphoota 58 Piriimer Liigii keessatti hiriiree taphate kamiyyu caalaa ga'umsa agarsiisuun sadarkaa taphataa Maanchester Yunaayitid Hagayya bara 2021 maallaqa guddaa Paawondii miliyoona 73 itti baase ta'ee mul'ateera.

Taphataa cimaa maallaqa hanga kana ga'uun gara Oold Tiraaafoord kan deeme Saanchoon ga'umsa irra eegamu agarsiisuu dhabuu isaatiin taphoota 82 taphateen goolii 12 qofa lakkoofsisuu danda'e. Kun ammoo manaajera Maanchester Yunaayitid Erik Teen Haag waliin akka waldhaban taasiseera.

Warri Boruusiyaa Dortimand garuu erga inni Amajji keessa ergisaan achi deebiyee taphaa biraa cimina ajaa'iba ta'e agarsiisaa jiruun hedduu gammachuu qabu.

Deeggartoonni Dortimand amma taphataan tapha xumura walakkaa Shaampiyoons Liigi kana darbanii waancaa Riyaal maadiriid ykn Baayer Muniik waliin Istaadiyeemii Wanbileerratti gaggeeffamurratti isaan boonsu akka ta'etti ilaalaa jiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taphataan sarara fuula duraa duraanii Iskootilaand Alii Maakooyist TNT Sports: "Saanchoon guutummaan guutuutti taphataa addaa fakkata. Sochiin qaama isaa ni dubbata; taphataa Maanchester Yunaayitid bitee ture fakkaata.

"Waan qaamni isaa dubbaturraa waan hedduu himuu dandeessa. Namoota hawwachuun taphachaa ture. Dhugaa dubbachuudhaaf waan of haaromse fakkaata.

“Ofiti amanamummaasaarra jira, waan ajaa'ibaa hojjechuusaatti deebiyeera. Amma bakka warra isa jaallatan waan jiruuf taphataa biraa fakkaata."

Saanchoon tapha kanarrati kubbaa qabate milkaa'aa si'a 12 bakkaan gaheera. Kun tapha Piriimer Liigii bara kanaarratti kubbaa hunda caalaa bakkaan gahame jedhameera.

Kubbaa bakkaan gahuun kun tapha xumura walakkaa Shaampiyoons Liigii irratti kan Ebla 2008 Liyooneel Mesiin tapha Maanchester Yunaayitid irratti milkaa'ee as isa jalqabaati. Taphattoota lammii Ingiliziif ammoo kun rikkardii haaraati jedhameera.

Ga'umsa ajaa'ibaa kanaan gaaffii tokko malee Dortimand Saanchoon bara dhufu akka turu barbaada.

Haata'u malee, waliigalteen ergisaa kun bara dhufu irra deebiyamuuf ykn gara jijjiirraa guututtii ceesisuuf gama hundaan wal hubacuurra ga'uu barbaachisa.

Dortimand miindaa Saanchoon maanchester Yunaayitid irraa argatu qixxeessuuf hin danda'u. Maan Yunaayitid garuu dhiibbaa danbii maallaqaa Piriimer Liigii hordofuu qabu irra jiruun taphataa maallaqa hanga kana baasu dabarsuus hin danda'u.

Erik Ten haag hanga manaajera ta'ee itti fufettis Oold Tiraafoord keessatti bakki akka hin jirre ifadha.