‘Kana dubbannaan har’a ibiddatu bu'a’-Mo Saalaa waldhabdee Kiloop booda

Madda suuraa, Getty Images
Taphataan sarara fuuladuraa Liiverpuul Mohaammd Saalaa waldhabdee isaafi leenjisaasaa Yaargen Kiloop gidduutti uumameen booda gaafatamee, “kana dubbannaan har’a ibiddatu bu'a” jechuun sababa waldhabuu isaaniifi maal akka waliin jedhan dubbachuu dhiisuu filate.
Mohaammad Saalaah fi leenjisaan Liiverpuul tapha Weest Haam waliin Sambata 2-2 walqixee bahan irratti jarri kilabichaaf murteessoo ta’an kunneen lamaan walitti bu’uun ijoo dubbii ta’eera.
Tapha kanarratti Mo Saalaah’n dura hin hiriirsifamne. Taphni dhumuuf daqiiqaan 10 yeroo hafutti ykn daqiiqaa 79ffaa irratti jijjiiramee galuuf yeroo gara sarara istaadiyeemiitti dhiyaatetti ‘gochaafi jechaan’ leenjisaa isaa Yargen Kiloop waliin waan waliif ta’an akka hin fakkaanne viidiyoowwan bahan ni mul’isu.
Kiloop maalirratti akka waldhabaniifi maal akka waliin jedhan hin ibsu jedhanis, taphataan sarara duraa duraanii Piitar Kirooch garuu TNT Sport irratti dubbii dubbateen “Kilabichaaf gaarii hin fakkaatu” jedhe.
“Saalaah taphataa Liiverpuuliif yeroo hedduu jalqabarraa hiriiree taphatu waan ta’eef teessuma eeggataarra taa’uu isaatiin ‘garaan isa wacuu’ danda’a,” jedhe Kirooch.
“Haata’u malee, eenyuyyu leenjisaa tokkoofi taphataa murteessaa ta’e tokko gidduutti arguu kan jaallatu miti.”
Mo Saalaah jijjiiramee seenuuf yeroo bahetti waan Yargen Kiloop jedhetti waan aareeru fakkaata.
Osoo taphattoonni gareesaa isa waliin jijjiiramanii galuuf bahan-Daarwiin Nuunez fi Joo Gomez dhufanii gidduu seenanii achi isa hin butne ta’ee Saalaan Kiloop waliin dubbuu wal barbaachuu kan itti fufuu barbaade fakkaata.
Liiverpuul Weest Haam waliin walqixa ba’uun dorgommii shaampiyoonaa Piriimer Liigii ta’uutiin ala isa gochuutti dhiyeesseera.
Liigicha keessatti sadarkaa sadaffaarra kan jiru Liiverpuul, abdii dorgommii shaampiyoonaa ta’uu kana keessa turuu kan argatu Arsenaaliifi Maanchester Siitiin yoo qabxii gatan qofaadha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka viidiyoo miidiyaa hawaasaarratti mul’atetti, Saalaan taphaan booda naannoo miidiyaa keessa darbutti akkas jedhe: “Yoon dubbadhe ibiddatu dhalata.”
Rippoortarri tokko “Ibiddaa?” jedhee gaafannaan, Saalaan akkas jechuun deebise: “Eyyeen, kun dhugaadha.”
Kiloop gamasaatiin booda akkas jedhe: “Dhimmicha kutaa itti uffatan keessatti waliin dubbanneerra. Ani gama kootiin fixeera.”
Kiloop dhuma bara dorgommi kanaa Liiverpuuliin gadhiisa. Bakka isaa ammoo Kilabichi torban kana keessa Feyenoord irraa Arnee Siloot fudhachuuf waliigaleera.
Turtii Liiverpuul wagga torbaa keessatti taphoota 346 irratti hiriiree goolii 210 kan galche Saalaah irrattis hireen isaa gara fuula duraa maal ta’a kan jedhurrattis tilmaamni kennamaa turan.
Konturaanni Saalaah Liiverpuul waliin qabu garuu bara achi aanudha kan xumuramu.
Bara dorgommii darbe keessa gara Sa’ud Arabiyaa deema jedhamee oduun odeeffamaa ture ammas irra deebiin dubbatamuu jalqabeera.
Jifataan duraanii Reenjars waa’ee Mo Saalaah akkas jechuun TNT Sport irratti dubbate: “Taphattoota filatamoo Piriimer Liigii keessatti argine keessaa tokkodha. Liiverpuuliif taphataa ajaa’ibaati yoo jedhame itti hin xiqqaatu.
Haata’u malee, ciminni isaa bu’aa dhufeera waan ta’eef ani waan deemu natti fakkaata.
“Lamaaniifiyyu waan ta’udha-Saalaaf deemuun ni ta’a, Liiverpuul ammoo maallaqa isa gadhiisuurraa argatuun deebiyee invast godha.”
Saalaan bara kana keessa dorgommiiwwan hunda irratti Liiverpuuliif taphoota 41 irratti goolii 24 lakkoofsiseera.
Taphataan sarara ittisaa duraanii Liiverpuul Isxifaanos Waanok BBC Raadiyoo 5 Live irratti akka dubbatetti, falmiin isaan gidduu ture “walitti bu’insa of jaallachuuti [egos]”.
“Namoota lama walqixa kilaba kubbaa miilaa kanaaf barbaachisaa ta’anidha,” jedhe.
“Hariiroon isaan lamaan gidduu jiru wal kabajuu ta’uu qaba. Hojiisaanii keessatti tokko isa kaan akkamitti akka gargaare kabajuu ta’uu qaba.












