Arsenaal tapha darbii Kaaba Landan irra aana moo adabbii mersiisaayid irratti Liivarpuul mudatetu isa eeggata?

Madda suuraa, Getty Images
Liivarpuul tapha darbii mersiisaayidiin Evartaniin mo'amuunsaa carraa waancaaf qabu itti dhiphiseera.
Arsenaal dirreesaatti Chelsii, Maanchistar Siitiin ammoo direen ala Biraayitaniin amansiisanii mo'atan.
Bu'aan taphoota torbee kana taphataman irraa argamu waancaan bara kanaa garam akka deemu agarsiisuu keessatti ga'ee guddaa qaba.
Liivarpuul kilaba dorgommii waancaa Awurooppaaf mudhii hidhatee jiru West Haam waliin morkata.
Arsenaal darbii Kaaba Landan- Tootanhaam waliin dirreen ala falmata, kun qorumsa Arsenaal isa cimaadha.
Siitiin ammoo kilaba liigicha keessa bu'uu dhabuuf ijibbaata falmatu Foorast waliin taphata.
Xiinxalaan kubbaa miillaa BBC Kiriis Suutan taphoota Piriimer Liigii Ingilizii torbee kanaa akkanaan tilmaame.
West Haam fi Liivarpuul

Torbee lama dura Liivarpuul fi Arsenaal dirreesaaniirratti adabaman. Liivarpuul Anfiilditti Kiristaal Paalaasiin mo'ame, Arsenaal Emireet irratti Astan Viilaadhaan adabame.
Abdiin Liivarpuul waancaaf qabu daran kan dukkanaa'e ammoo wayita inni Gudisan Paark irratti Evartaniin mo'amedha.
Sadarkaa saddeettaffaarra kan jiru West Haam bara itti aanu dorgommii Konfiraansi Liigii keessa seenuuf mudhii hidhatee waan falmatuuf Liivarpuuliin qoruu danda'a.
Erga Evartaniin mo'atamee carraan waancaa of harka galfachuuf qabu kan shakkii keessa gale Liivarpuul tapha kana injifachuun dirqama itti ta'a.
Yargan Kilo bara dorgommii isa xumuraa isaanii kanatti kan isaaniif malu argachuu qabu jedheen yaada jedhe Suutan. Taphi kunis goolii 1 fi 2n olaantummaa Liivarpuuliin xumurama jedhee tilmaame.
Fulhaam fi Kiristaal Paalaas
Warri Paalaas dhiheenya kana raawwii fooyya'aa agarsiisaa jiru. Gooliiwwan hedduu lakkoofsisaa jirus. Maateetaan taphoota saddeet darban irratti gooliiwwan torba galcheera.
Faallaa kanaan Fulhaam ammoo raawwii gaariirra hin jiru, taphoota darban afur keessaa sadi mo'ameera.
Tapha alanaa kanarrattis Paalaas raawwii fooyya'aa agarsiisa jedheen yaada jedhe Suutan. Taphichi garuu goolii 2 fi 2n walqixa xumurama jechuun tilmaame.
Maanchistar Yunaayitid fi Barnilii

Yunaayitid ta'e jedhee haalota waan ofitti jabeessu natti fakkaata. Tapha ni shakkii malee ni mo'ata jedhamee eegamerratti yeroo lama kilaboota daka jiraniin mo'ame.
Morkataansaanii ammaa kunis gabatee liigichaa keessaa daka jiraatus, garuu Sheefiildii caalaa raawwii fooyya'aarratti kilaba argamudha.
Dirree Tarfi Moor irratti garaagarummaa raawwii taphaa akkaan dhiphaa ta'een Yunaayitidiin kan injifatame Barniliin ammas akka mo'atamu tilmaamama.
Ta'us ijoolleen Viinsant Koompanii Seexanoota diddiimootti qormaata ta'uun waan hin oolle. Taphicha Yunaayitid goolii 2 fi 1n akka mo'atu tilmaame Suutan.
Niwukasil fi Sheefiild Yunaayitid
Sheefiild tapha kana yoo mo'ame liigicha keessaa bu'uunsaa mirkana.
Toora taphattoonni irratti hiriiran mara irrattuu qindoomina dhabuun kan qoramaa jiran warri Sheefiild liigicha keessaa akka bu'uu danda'an erga galeefii waan bubbule fakkaata.
Tapha kanaan duraan Niwukasil goolii saddeet irra galchee ture. Kana alanaa kanas Niwukasil akka mo'atu shakkii hin qabu.
Taphichi goolii 3 fi 1n olaantummaa Niwukasiliin xumurama akka tilmaama Suutanitti.
Woolvis fi Luutan
Woolvis raawwii akkaan nama qaanessurratti argama. Liigicha keessa turuuf ijibbaata falmataa kan jiru Luutaniif kun carraa guddaa ta'uu mala.
Luutan dirreesaaniirratti 5 fi 1n wayita Bireentifoordiin mo'aman bakkatti argamee daawwadheen ture. Tapha sanarratti garee faallaa hubuuf wayita yaalan salphaatti ofiisaaniitii hubamaa turan.
Luutan Piriimer Liigii keessatti kan hafu yoo ta'e leenjisaan kilabichaa Roob Edwaardis leenjisaa cimaa bara kanaa jedhamuun badhaafamuu qaba.
Akka tilmaama Suutanitti tapha kana Woolvis 3 fi 1n mo'ata.
Evartan fi Bireentifoord

Tapha Evartan Liivarpuuliin mo'aterratti dandeettiin Doominik Kaalvart-Luwiin ajaayibsiisaa ture.
Evartan milkaa'ina Liivarpuul irratti argatan kana booda dhiibbaan liigicha keessaa bu'uuf jala ture irraa salphateera.
Tapha kana eenyu akka mo'atu tilmaamuun salphaa miti, garuu lameenuu goolii akka galchan tilmaamama. Taphichi goolii 1 fi 1n walqixa xumurama.
Astan Viilaa fi Chelsii
Yeroo lamaa-sadi Maanchistar Siitii kan qore Chelsiin akkamitti salphaatti Arsenaaliif akka gadi jedhe tilmaamuun natti ulfaateera.
Taphoota hafan irratti wanti fedhe yoo mudatellee leenjisaan kilabichaa Maariyoo Pochatiinoo kilabicha waliin turuu qabu.
Tapha waancaa FA irratti Chelsiin Viilaa Paark irratti Astan Viilaa mo'atee ture. Amma garuu haalli sunii fi kun wal hin fakkaatan.
Tapha kana Viilaan 2 fi 1n ni mo'ata jedheen tilmaama jedhe Suutan.
Boornimaz fi Biraayitan
Biraayitan dorgommii tapha Piriimer Liigii bara kanaarratti akkaan dadhabaa ture.
Yeroo darbe wayita Siitii waliin taphatan kubbaa akka gaariitti waliif dabarsaa turan, garuu taphi isaanii 4 fi 0 dhaan mo'amuurraa isaan hin oolchine.
Bara dorgommii kana keessa yeroo kanatti Boornimaaz sadarkaadhaan Biraayitan caalee argama jedhanii yaaduun ulfaataadha.
Tapha kanarratti goolii hedduun ni gala. Hedduun irratti waliigaluu baatanis an garuu tapha kana Boornimaz ni mo'atan jedha. Taphichi 4 fi 3n xumurama jedhe Suutan.
Tootanhaam fi Arsenaal

Taphi torbee kana akkaan eegamu isa kana. Arsenaal erga dirreesaatti Viilaadhaan haala hin eegamneen mo'amee booda walitti aansuun Woolvis fi Chelsii injifateera.
Arsenaal raawwii taphaa amma irra jiru yoo itti fufsiise dirree Isparsi irratti mirgaan galuu danda'a.
Warri Tootanhaam ammoo taphoota armaan dura dabarsaniin dandeettii wayyuu qabu agarsiisaa hin turre.
Tapha morkiin jabaan irratti mul'atu ta'a. Arsenaal jifattoota kan Tootanhaam irra fooyyee qaban hedduu waan qabuuf tapha kana mo'achuun Siitii irratti dhiibbaa dabala jedheen yaada.
Gareen Mikeel Arteettaa garuu taphoota sadan itti aanee qabu hunda ni mo'ata jedhee hin yaadu.
Tapha kanaan Arsenaal goolii 2 fi 1n Tootanhaam mo'ata akka tilmaama Suutanitti.
Nootingihaam Foorast fi Siitii
Dorgommiin kun garee imala chaampiyoonaa ta'uurra jiruu fi liigicha keessaa bu'uu dhabuuf qabsaa'u gidduu morkii taasifamuudha.
Siitiin tapha Biraayitan waliin taphaterratti raawwii ajaayibaa agarsiisee ture.
Dandeettii amansiisaa akkanaa agarsiisaa kan jiru Siitiin kanaan booda eenyu akka isa qoruu danda'uyyuu gaaffiidha.
An gama kiyyaan Foorast akka Siitii qorutu natti dhagahama.
Foorast dirreesaatti salphaatti harka hin kennu. Kan kanaan duras argeera.
Bara darbe wayita dorgommiin xumuramuu ga'etti Siitii waliin walqixa ba'anii ture.
Tapha kanarrattis waan danda'an hunda ni godhu, dhumarratti garuu harka kennuun isaa hin oolu.
Taphicha Siitiin 2 fi 1n injifata.












