'Ten Haagiif dhumateera, wanti boodatti deebi'uu danda'u hin jiru'-Kiriis Satan

Leenjisaa Erik ten Hag

Madda suuraa, Getty Images

Bara 1995tti kilaba Bilaakbaarn waliin Piriimiyeer Liigii kan injifateefi amma kubbaa miilaa kan xiinxalu Kiriis Satan hireen leejisaa Erik ten Haag Old Tiraafoord turuuf qabu ''dhumateera'' jedhe.

Dilbata darbe Maanchistar Yunaayitid xumura FA Cup'f darbuu mirkaneeffateera. Morkii garee shaampiyoonshiippii waliin morkatee rukattaa peenaalitii gahuun isaa garuu qeeqa ture jabeesseera.

Liigicha keessatti ammoo tokkoffaarra kan jiru Arsenaal irraa qabxii 24n fagaatee sadarkaa torbaffaarra jira.

Tilmaama taphoota piimiyeer Liigii hunda kan BBCf tilmaamu Satan, yaada BBC Radio 5 irratti kenneen ammaan booda hireen ten Hag mana ''Yunaatid keessatti akkamiin akka itti fufu naaf hin galu'' jedhe.

''Isaaf dhumateera, amma booda wanti boodatti deebi'uu danda'u hin jiru'' jedhe.

Goolii eegaan Niiwkasiiliifi Siitii duraanii Shaay Giveen yaada Satanitti waliigala. ''Murteen badaan itti dhiyaachaa jira'' jechuun yeroon ten Hag Yunaatid keessaa ari'amu gahuu dubbate.

''Haalli jiru gaarii miti. Ammaan tana kilabicha marsee kan jiru waca guddaadha.''

Abbootii qabeenya Yunaatiid warra ta'an keessaa hiree olaa dhiyoo kan bitatan Sir Jiim Raatkliif deeggartootni obsa dhabuuf dhugaa qabu jedhe.

Ammoo ''kuni adeemsa qaba, jaalatanis jibbanis obsuu qabu. Akka bantuufi cuftuu ibsaa takkaatti wanta jijjiiramu miti'' jedhe.

Tapha Dilbataa booda yaada kan kenne, ten Hag guyyichi gareesaa taphattootaa gatii qaaliin quutaniif qaanessaadha jedhamuu ni morme. Gahumsi mul'ate agarsiistuu turtiiisaa leenjisummaa Yunaayitid akka hin ibsine hime.

''Inni guddaan waggaa lama keessatti walitti aansuun xumuraaf darbuun milkaahina argannedha. Dogoggoroota hojjenne argeera garuu qaanii miti'' jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ten Hag bara darbe akkuma Yunaayitid dhufeen waancaa Karaba'oo injifate. Xumura FA Cup irrattis waancaaf morkachuu danda'e.

Caamsaa 25, 2024 dhuftu kana ammoo Maanchistara Siitii waliin waancaa FA injifachuuf Wembileetti beellama qabateera.

Bara darbes akkasuma Siitii waliin kan morkate Yunaayitid, 2-1n injifatame. Siitiin injifannoo kanaan bara tokkotti waancaa sadii injifachuun seenaa haaraa galmeessuu danda'e.

Amma yaadni hiree ten Hag waliin walqabatee ka'aa jiru tarii waancaa FA injifachuun turtiisaatti lubbuu horaa kan jedhuudha.

Daanii Muurfii osoo injifateellee hireensaa waan muramee fakkaata jedha.

Ittisni Yunaayitid duraanii Gaarii Neevil garuu ''waancaa injifachuun salphaatti hin ilaalamu'' jedha.

''Bara darbe Karabaa'oo injifatan, Amma FA Cup ni injifatu taanaan isa ari'achuun baayyee ulfaataa ta'a.''

Leenjisaa ten Hag waancaa FA Cup injifachuuf carraa gaarii qabaachuu dubbateera.

Leenjisaan kun ji'a Caamsaa bara 2022 kilaba biyya Neezerlaands Ayaaksirraa gara Yunaayitid dhufe.