Baasii daangessuun kilaboota Itoophiyaa harki gabaabbate oolchaa?

Madda suuraa, Ethio-Premier league
Gareewwan kubbaa miilaa Itoophiyaa keessa jiran maallaqa waliin walqabsiisee qormaata hedduu akka qaban yeroo hedduu ka’a. Kilaboonni sababa maallaqaatiin qoramaaa jiru.
Taphattootaafillee miindaa kaffaluu dhabuu isaaniitiin himannaawwan irra deddeebiin irratti dhiyaata. Kilaboonni kunneen kaffaltaa raawwachuu dhabuu isaaniitiin qabeenyisaanii jalaa qabamuun yeroo itti dhaga’amus jira.
Baasii kilaboonni baasan waggarraa gara waggaatti dabalaa jira.
Fakkeenyaaf, baasiin kilaboota Piriimer Liigii Itoophiyaa kan bara darbeerra dhibba keessaa harka 38 dabaluun isaa beekameera.
Rakkoo kana furuuf, akkasumas bulchiinsa faayinaansii kilabootaa qixa qabsiisuuf jecha Waldaan Aksiyoonaa Piriimer Liigii Itoophiyaa qajeelfama haaraa qopheesseera.
Akka qajeelfama kanaatti kilaboonni Piriimer Liigii Itoophiyaa daangaan baasii kilaboonni taphattootaaf, akkasumas miseensota garee leenjistootaaf baasu kaa’ameeraaf.
Obbo Mulugeetaa Dassaaleny Waldaa Aksiyoonaa Piriimer Liigiitti itti-gaafatamaa sabaa-himaadha.
Kora waliigalaa hatattamaa Waldaa Akisiyoonii Piriimer Liigii Itoophiyaa 4ffaa tibba kana gaggeeffamerratti, qajeelfamni bulchiinsa sirna kaffaltaa kilaboota Piriimer Liigii Itoophiyaa raggaasifamuu dubbateera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qajeelfama kanaaf ka’umsa kan ta‘e wagga lama dura qorannoon Waldaan Aksiyoonichaa qorachiise sababa tokko akka ta’e hima. Qorannichi yeroo kan fudhateefi birria miliyoona sadii ol baasii kan itti ta’e ta’uu yaadate.
Qorannichi rakkoowwan kubbaa miilaa ilaalchisuun kan gaggeeffame ture. Sadarkaa Piriimer Liigichi irra jiru, hariiroo inni Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa waliin qabu, caaseffama kilabootaa, bulchiinsi faayinaansii kilabootaa maal fakkaachuu qaba dhimmoota jedhaniifi kaan kaaseera.
Bulchiinsi sirna kaffaltaa kilabootaa, “kan kilabootaa qofa osoo hin taane, jiraachuufi jiraachuu dhabuu taphattootaatis” jedha. Kanaaf jecha kallattii furmaanni ittiin argamu akka qophaa’uuf sababa ta’eera.
“Bulchiinsi sirna kaffalataa kun qajeelfama boordiin qopheessedha. Qajeelfamni kun Federeeshinii Kubbaa Miilaa waliinis mariin irratti taasifameera,” jedha Obbo Mulugeetaan.
Qajeelfamichi kilabootaaf dhiyaatee mariin irratti taasifamee, kora waliigalaatiin sagalee guutuun raggaasifameera.
Dhimmoota Gurguddoo
Adeeemsa keessa kan itti dabalaman akkuma jiranitti ta’ee, qajeelfamichi keewwata 10 qaba.
Kaayyoo kan godhate ammoo A L I bara 2017 irraa kaasee hojiirra oolchuudha.
Adda durummaan wanta inni kaasu, „eenyuyyu miindaa taphataa daangessuu hin danda’u; leenjisaafis miindaa kana kaffalaa, sana hin kaffaliinaa jedhee daangessuu hin danda’u,” jedha.
Kaayyoon isaa inni guddaan baasii waligalaa taphattootaafi miseensota leenjistootaaf kaffalamu isa olaanaa kaa’uuf qofadha.
Qajeelfamichi kilaboonni baasii hin barbaachifneef akka hin saaxilamne, baasiiwwan qaamolee sadaffaatiif kaffalaman hir’isuufi walumaagalatti baasiin kilabootaa iftoomina qabu akka diriiru gochuu ilaalcha keessa kan galchedha.
Haala akkanaatiin baasiin dandeettii qofa bu’uura godhate akka jiraatuufi sirna kaffaltaa itti fufinsa kilabootaas ilaalcha keessa galche akka ta’e itti-gaafatamaan kun BBCf ibseera.
Bu’uura kanaan A L I 2017 kaffaltaan kilabootaa inni guddaan birrii miliyoona 57 akka ta’u raggaasifameera.
“Kana jechuun kilaboonni Piriimer Liigii Itoophiyaa keessatti hirmaatan taphattoota isaanii warra ijoofi miseensota garee leenjistootaaf baasiin miindaafi faayidaa isaanii ilaachisuun baasan ta’a jechuudha.”
Baasii waliigalaa isa guddaa kaa’uudhaaf, keessattuu baasii kilaboonni bara 2015 fi 2016 baasan ilaalcha keessa galchuun kan qophaa’edha.
Kilaboonni taphattoota gareesaanii isa guddaaf, akkasumas miseensota garee leenjistootaatiif miindaafi faayidaa waliigalatti birria miliyoona 57 ol baasuun hin hayyamamuuf.
“Kana jechuun hoteelotaaf, geejiibaaf, akkasumas dhimmoota bulchiinsaa birootiif baasiin baasan itti hin dabalamu.”
Kilaboonni Awurooppaa itti-gaafatamummaa maallaqaa akka jiraatu gochuuf ‘Faayinaanshiyaal Feer Pilaay’ jechuun kilaboonni galiifi baasii isaanii hojmaata ittiin daangessan ni qabu.
Piriimer Liigiin Itoophiyaa kana ka’umsa godhatus guutummaan guutuutti hojiirra ooluu dhabuusaa ni beekna.
“Nuti galiis, baasii to’achuu osoo hin taane, dhimma kaffaltaa taphattootaafi miseensota leenjistoota gareetiif baasanirratti [xiyyeeffata].
Kaffaltaan baasii ta’u karaa sirrii hin taaneen akka ta’u irra deddeebiin himama. Taphattoonni, kilabichiifi leenjisaan fayyadamaa hin jiran. Kubbaan miilaa biyyattiis kanarraa fayyadamaa miti. Kana dhimma toora qabsiisuuti,” jechuun ibsa.
‘Rakkoo keenyadha’ jechuun yaadni kun kan dhiyaate kilabootaan yoo ta’u, “kan qorachiises, kan raggaasises kilabootumadha” kan jedhu Obbo Mulugeetaan, “hojiirra oolmaasaa ilaalchisee koreen ijaaramu ni jiraata,” jedheera.
Koreen hojiirra oolmaasaa hordofu ogeessota seeraa, nageenya faayinaansii, komishinii farra-malaammaltummaafi kanneen biroo qabatee kan ijaaramedha.
Miseensota koree ja’a ta’anis kan qabaatu ta’a.
Koreen kun Waldaa Aksiyoonichaa waliin ta’uudhaan kan to’atu ta’a.
Taphattootas ta’an miseensota garee leenjistootaa guyyaa kilaba tokkoof mallatteessanii kaasanii hanga dhuma bara dorgommichaatti hordoffiin ni jiraata.
Kilaboonni kana hojiirra hin oolchine ammoo adabbiitu isaan eeggata.
“[Adabbii] maallaqaa, qabxii hir’isuu … ta’uu danda’a. Isaan kun yeroo danbicha ifa goonu kan ibsamanidha,” jedha Obbo Mulugeetaan.
Dhimmi guddaan baasii kilabootaa daangessuu miti. Daangaan baasii kan kaa’ame baasii waliigalaa miindaafi faayidaa taphattootaafi leenjistootaarra qofa yoo ta’u, baasiiwwan kaan garuu daangaan tokkollee isaanirra hin jiru.
Baasiin waliigalatti kilaboonni miindaa taphattootaafi leenjiftootaaf baasan miliyoona 57 hin caaliin malee taphattootaafi leenjiftootaaf kaffaluu ni danda’u. Tokkoo tokkoo taphattootaafi leenjiftootaaf hanga kanaa kaffalaa kan jedhu hin jiru.
Baasiiwwan kaan garuu kilaboonni akka dandeettii qabaniitiin carraan baasuu danda’an banaa ta’eera.
Kanaan dura miindaa taphattootaa daangessuudhaaf yaalamee ture. Miindaan taphattootaa ji’atti kuma 50 akka hin caalle hojmaata jedhu waggoota muraasa dura bahee hojiirra oolchuudhaaf yaalamee ture.
Haata’u malee, seerri hojmaata kana deeggaru akka jirri itti-gaafatamaan kun dubbateera. Kana waan ta’eef, “ hanga kanaa kaffali jettee dirqisiisuun dhimma itti-gaafatamummaa kan fidudha,” jedha.
Kanaan dura kan ture miindaa taphattootaa daangessuu ture. Amma garuu Hojmaataaf rakkisaa waan ta’eef qorannoorratti hundaa’uun “kaffaltaa waliigalaarra daangaa kaa’uudha. Kun sadarkaa raawwiitti addadha. Dhimma sirna qopheessuudhas,” jechuun ibsa.
“Kanaaf, daangaa maallaqaa kana keessatti socho’aa; isa hafe ammoo misooma kubbaa miilaatiif oolchaa kan jedhudha,” jedha.
Sirni maallaqaa ammaa kun taphattootas ta’e kilaboota fayyadamoo akka taasisu kaaseera.
Hangi maallaqaa amma raggaasifame kun A L I bara 2017fidha.
Tilmaamma kanaaf ka’umsa kan ta’e ammoo baasii kilabootaa waggoota lamaan darban ilaalcha keessa akka galu gochuudhaanidha.
A L I bara dorgommii 2018 ammoo qaala’insaafi dhimmoota biroo ilaalcha keessa galchuudhaan daangaan baasii akka fooyyaa’u dubbateera.
Qajeelfamni kun osoo hin raggaasifamiin dura jijjiirraan akka hin raawwatamnes Federeeshiniin Kubbaa Miilaa kilabootaaf xalayaa barreesseera.
Kun kan ta’eef ammoo taphattoonni waliigaltee qabaniifi daangaa baasii haaraa ilaalcha keessa galchuudhaan gara jijjiirraa taphattootaatti akka seenan taasisuuf yaaduudhaanidha.
Kilaboonni bara kana keessa taphattootaafi leenjistoota isaaniitiif daangaa kaa’ame birria miliyoona 57 ol kaffalanilleee, bara dorgommii A L I bara 2017 ammoo daangaa baasii isaanii kan kaa’ame keessatti akka ijaarratan kan dirqisiisu ta’a.
Baasii daangessuun kun karaa biraatiin galii taphattootaafi leenjistootaa kan daangessudha komii jedhu hin kaasuu jechuun gaaffii dhiyaateef Obbo Mulugeetaan, “Qajeelfamichi kaffaltaa taphattootaafis ta’e leenjistootaaf kan kaffalamu ilaalchisuun daangaa hin baasu. Taphattoota keessaniif hanga kanaa kaffalaa waan jedhus hin qabu. Kan kaa’e daangaa kaffaltaa waliigalaa isa guddaadha. Kanaaf, bajataasaa sirreeffachuun dhimma kilabichaa ta’a,” jechuun deebise.
Qajeelfama haaraa ilaalchisee yaada Waldaa Taphattoota Kubbaa Miilaa argachuuf yaaliin irra deddeebiin taasifne hin milkoofne.












