Meeshaalee Waraana Addunyaa Lammaaffaa garuu qabatamaan hin turre kanneen beektuu?

Madda suuraa, Getty images
Amma Waraanni Addunyaa Lammaffaan erga gaggeeffamee waggaa 80 booda, duula garee waraanaa gutuummaatti kan sobaa ta'e Ingilaandi keessaa haa ilaallu.
Akkuma waraanichi eegaleen dhaabbilee filmii waliin wal ta’uudhaan warra Naazii sobuudhaaf, taankiiwwannii fi xiyyaaroonni sobaa qophaa’anii ture.
Waggaa 80ffaa waraana Addunyaa lammaffaa dhufaa wayita yaadatamuutti, waa’ee gootummaa fi cimina dhiiroora qarqara galaana Noormaandii irratti Waxabajjii 6 bara 1944 bu’aniifi taatee Waraanaa Addunyaa Lammaffaa sirna Hiitilar jijjiree yaadachuuf yeroo gaarii ta’a.
Milkaa’ina sana duuba garuu indastirii fiilmii keessa kan turaniifi gaheensaanii kan hin beekamne hedduutu jira.
Sababiinsaas weerarichi Inglizii karaa chaanaalii Paas-de-Calais jedhamuutiin raawwatama jedhee diinni akka yaaduu dogongorsuuf gargaareera. Akkasumas erga Noormaandiitti bu’anii boodas, Ajajaan Olaanaa Jarmanii, isaan homaa akka hin taaneefi weerarri lammaffaafi inni guddaan ammalleen ganaa akka dhufu amanu itti fufe.
Ofii gowwamsuun attamiin hojjachuu danda’ee laata?
Seenaan isaa bara 1940 yeroo Koloneel Joon Tarnar waraana Biritaaniyaa deebiisuuf diina gowwamsuuf buufata xiyyaaraa sobaa ijaarsiisuu eegalan irraa ka’a.
Tarnar waraanichaan dura, miseensa humna galaanaa Ingliiziifi daareektara ijaarsa buufataalee humna waraanaa turan.
Bara 1939 keessa soorama bahan illeen, sooramasaanii adda kutuudhaan kutaa icciitii olaanaa haaraa dhaabbate akka dursanii fi buufataalee xiyyaara waraanaa sobaa akka ijaaraniif waamaman.

Madda suuraa, Alamy
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hogganaan Ajajaa Waraana RAF kan ta’e, Maarshaaliin Qilleensaa Siir Huug Dowuding, Tarnar hojiitti deebii’usaa mormaa ture. Hojii gowwamsuu hojjachuuf qabeenyaan itti bahu hin barbaanne.
Loltoota dhugaafi buufata xiyyaaraa dhugaa ijaaruu ture kan barbaadan. Dowung ‘’fakkeessoo’’ osoo hin taane waan ‘‘qabatamaa’’ qofa akka barbaadan dubbatan.
Haata’u malee ministirri Qilleensaa tarnar akka itti fufan itti himan. Garuu ammo Tarnar rakkoon tokko mudate. Kunis oomishitoonni xiyyaaraa, xiyyaaroota baayyee wal xaxaa ta’anii fi siriidhaan xiyyaaroota basaasaa fakkaataniifi ol fageenya faana 20,000 irratti balali’an garuu kan sobaa oomishan.
Akkasumas baayyee qaalee turan. Taarnar meeshaalee soobaatiif dhaabbata oomishan barbaachu qaba ture. Noormaan Moodoon yeroo kana as bahe.
Jalqaba bara 1930motaa irratti daldalaan lammii Iskootlaand Loodoon jedhamu tokko lixa Landaniitti mana jireenya lafa heektaara 30 irra jiru bitate.
Qe’ee jireenyaa Sheepartan jedhamu keessatti bara 1932tti istudiyoo filmii saaqe. Waltajjiiwwan sagalee gurguddaa lama ijeeree, teeknolojii sagalee hammayyaa itti tilche.
Kutaa uffannaa, saanduqa uffataa, warkishoppiifi meeshaalee fiilmii hojjachuuf gargaaran hunda dabalee ijaare. Istudiyoo isaas ‘Sound City’ jechuun moggaase.
Istudiyoon kunis osoo hin turiin milkaa’aa ta’e. Bara 1939tti dandeettiinsaa dachaadhaan dabale. Hojjattoonni filmii maqaa guddaa qaban kan akka Aleeksaandar Kordaa fi, daarektaroonni akka Antoonii Askuutiin fi gulaalaan filmii Deeviid Liin fa’i gara istudiyoo kanaatti hawwatamu danda’an.
Akkasumas gareen teeknishaanota filmii dandeettii qaban kanneen akka dizaayinarootaafi kanneen ogummaa qaban ogummaasaanii guddifachu danda’aniiru.
Haata’u malee waraanni dhufuunsaa oomisha fiilmii Biriteen irratti kufaatii guddaa fide. Teeknishaanonni waamamuun waraanaaf duulan, maallaqni hojii fiilmiif oolu ni kufe.

Madda suuraa, Alamy
Bara 1940tti Tarnar erga Loodoon waliin wal arganii boda, indastiriin filmii gutummaa guutuutti meeshaalee nam-tolchee garuu kaameeraan yoo ilaalaman dhugaa fakkaatan hojjachuun muuxannoo akka qaban hubate.
Tarii xiyyaaroota sobaa hojjachuu danda’u laata? Teeknishaanotaaf carraa hojii uumuuf yaaduun, Loodoon caalbaasii keessatti hirmaachuun xiyyaaroota Welingtan 50 fi Bileenhaayiim sobaa 100 tolchuuf dorgomii injifatan.
Baasiin isaas kan dhaabbileen xiyyaara oomishan kanfalchiisan keessaa harka tokko sadii qofaa ture. Humni qilleensaa (RAF) baayyee gammadan. Tarnariis xiyyaaroota sobaa argatan. Loodoon ammo tibba waraanaatti teeknishiyaanootaaf hojii uuman.
Waraanni Ingliizii kilomeetira 3,000 fagaatee Kaayiroo keessatti kutaa waraanaa haaraa hundeesse. Kutaan A-Force jedhamuun beekamu kunis Leetanaal Koloneel Dudilii Kilaarkiin durfama. Gaheensaa ammooXaaliyaanootaa fi Jarmanoota gowwamsuudhaan dandeettiisaanii xiqqeessuudha.
Malliwwan gowwamsuu tokko tokko hojjachu baatan illeen, milkaa’inaafi kufaatii irraa barataniiru. Gochaan gowwamsuu akka milkaa’uuf diinni waan tokko akka yaadu gochuu qofti gahaa miti. Humnsaanii bakka dogongiraatti akka dhiisan ykn loltoota kallattii haleellaa haaraan banamurraa fageessuun barbaachisaa ta’u hubatan.
Ogummaa humnota hinjirree umuutiin saffiisaan beekkamtii argatan. Birgeedii humna qilleensaa tokko uumuudhaan Xaaliyaanoonni karaa boodaatti haleellamuuf akka ta’e akka itti dhagahamu taasifaman.
Kaaba Afriikaatii garuu humni qilleensaa omaatu hin turre. Waraanaa kutaa waraanaa saddeettaffaa irra baayyee ta’e fakkeessuuf raayyaa waraanaa sobaa uuman.

Madda suuraa, Alamy
Waraanaa El Alamein kan Onkolooleessa bara 1942 gaggeeffameen, Kilaarkii fi deeggaroonni isaanii hojiiwwan waraanni gamtichaa akka kallattiin waraanaa karaa kibbaatiin ta’e akka yaadan taasisan hojjatan.
Konkolaataawwan taankii fe’aniifi xiyyaara irraa yoo ilaalaman taankiiwwan fakkeeffamiin tolfama cirracha keessatti qopheessan. Ujummoowwan tajaajilan irraa ammo kusaa boba’aa fakkeessuun hojjatan.
Jarmannoonis yaaddoo kana dhaabuudhaaf kutaalee waraanaa lama karaa kibbaa kaa’an. Yeroo waraanni eegalamuutti Jeeneraal Moontigomariin karaa kaabaatiin haleellaa banan.
Waraanni cimaan kan guyyoota kudhaniif ture ta’ulleen, garuu diina injifachuuf malichii akka gargaare shakkiin hin jiru.

Madda suuraa, Imperial War Museum












