Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Karri eegaa haaraa Yunaayitid dirree keessa Maaguweeritti cooke
Karri eegaa haaraa Maanchistar Yunaayitid Andiree Onaanaa ga’umsa kubbaa miilaa eegun dabalata faayidaa biraa garee Erik ten Haagitti akka fidu agarsiiseera.
Taphataan lammii Kaameroon ganna 27 ta’e kuni tapha bara dorgommii duraa Yunaayitid 3fi 2’n Borusiyaa Dortimundiin mo’ameerratti jijjiirame seeneera.
Taphataan Deevid De Hiyaa bakka bu'uun karra eegaa Yunaayitid kan ta'e Onaanaan waan mufate ifatti ibsuun beekama.
Tapha Dortimund waliin taasifame irrattis ittisaa Yunaayitid akkaan qeeqamu Haari Maaguweer itti cookaa ture.
Kunis kubbaan Kiristiyaan Eriksaniif dabarse harka taphataa Dortimuund erga seente boodadha.
Kubbaa taphataan Dortimund Sebaastiyaan Haaler rukute eega deebisee booda Maaguweeritti cooke.
Leenjisaan Maanchistar Yunaayitid dhihoo Maaguwer harkaa itti-gaafatama dursaa taphattootaa qabu fuudhaniiru.
Yeroo ammaa Biruunoo Fernaandesitu dursaa taphattoota Yunaayitid ta’e tajaajilaa jira.
Leenjisaan Seexanoota Diddiimtuu murteen kuni taphatichi ga’umsa duriitti akka deebi’u isa dammaqsuu mala jedhanii yaadu.
Inni garuu waggoota sadiif erga itti gaafatama kanaan tajaajile booda harkaa fudhatamuu isaatti ‘’baay’ee akka mufate’’ ibseera.
Maaguweer bara 2019 ture Leestar Siitii irraa paawundii miiliyoona 80’n Maanchistar Yunaayitid kan seene.
Amajjii 2020 immoo leenjisaa yeroos Oliganar Solshaayeeriin dursaa taphattootaa taasifame.
Guyyoota muraasa darban Maaguwer gara West Haam imala jedhamee odeeffamaa ture.
Ta’us, Paawundii miiliyoona 20 kilabichi taphataa sarara ittisaa lammii Ingilaand kanaaf dhiheesse Maanchistar Yunaayitid tole hin jenne.
Deklaan Raayis Arsenaaliif paawundii miiliyoona 100’n kan kennan leenjisaan West Haam Deevid Mooyes qarshiin dhiheessan xiqqaadha jedhe Yunaayitid.
Taphataan sarara ittisaa Yunaayitid yoo fedhii gadhiisuu agarsiise tarii dhimma maallaqaa irratti kilabichi marii taa'uu danda’a.
Yeroo ammaa taphatichi torbanitti paawundii 200,000 Yunaayitiditti argachaa jira.
Maallaqi kunimmoo kilabii West Haamitti qarshii guddaa taphataaf kanfalamuyyuu ni caala.
Sababa kanaaf egereen Maaguweer Yunaayitid waliin qabu hin beekamu.
Barri dorgommii baranaa osoo hin eegaliin dura Yunaayitid walitti aansee taphoota sadii taphate injifatus, kan boodaa lama mo’ameera.
Ammallee ga’umsa isaanii itti ilaaluuf Pirimeer Liigiin eegaluun dura Old Tiraafold irratti Lens waliin akkasumas Atileetik Bilbaawo waliin Dabliinitti taphata.
Liigiin eegaluun dura Yunaayitid waliigaltee taphataa lammii Denmaark garee biyyaalessaa keessatti michuu Eriksan ta’e, Rasmus Hojlund, ni xumura jedhamee eegama.
Taphataan liigii Xaaliyaanii Atilaantaa irraa Yunaayitid seenuuf jedhu kuni paawundii miiliyoona 72 baasuu mala jedhameera.
‘’Denmaark keessatti xiyyeeffannoo miidiyaa gahaa ta’en hin argannu,'' jedha Eriksan yoo dubbatu.
''... sababa kanaafi namoonni Denmaark waa’ee (Hojlund) baay’ee kan hin beekneefi,‘‘ jedhe utubaan duraanii Tootanhaamiifi Inter Miilaan yeroo ammaa Yunaayitid jiru.
‘’Nama gaariidha, taphataa cimaadha. Ergan jalqaba garee biyyaalessaa keessa isa argee booda waggaa darbe ga’umsi isaa dabaleera. Amma lakkoofsa sagal godhata,’’ jechuun ibse.