Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Deevid De Hiyaa: Ga'umsi karra eegaa Maan Yunaayitid gadhiise yeroo madaalamu
Karri eegaa Maanchistar Yunaayitid Devid De Hiyaan waggoota 12 booda kilabicha gadhiiseera.
Lammiin Ispeen kuni kontiraatni kilabicha waliin qabu waan xumurameefi hin haaromfamneef kilabichatti nagaa dhaammate.
Kilabichaafi deeggartoota galateeffateera. Taphataan ganna 32 ga'umsi isaa karra eegdota kaan waliin yeroo madaalamu akkami?
BBC Ispoort ga'umsa taphataa kanaa karra eegdota Pirimiyeer Liigii keessa turan kaan waliin wal bira qabeera.
Waancaa
Yunaayitid keessa waggoota dheeraafis taphatu morkattoota isaatu caalaatti waancaa hedduu kaase.
De Hiyaan waancaa Pirimiyeer Liigii tokko qofa ol kaase. Waancaa FA tokko, waancaa EFL lama akkasumas Yurooppaa Liig tokko kaaseera.
Karri eegaa duraanii Yunaayitid Piitar Shimaayikil akkasumas karri eegaa ammaa Maanchistar Siitii tokkoon tokkoon isaanii medaaliyaa Pirimiyeer Liigii shan shan qabu.
Karra eegdonni lamaan waancaan kaan hedduus kaasuun De Hiyaa ni caalu.
Galchii malee tapha xumuruu
Karra eegdonni De Hiyaa caalaa hamma taphaa osoo galchiin itti hin lakkaa'amin tapha xumuran sadii qofaadha.
Inni duraa karra eegaa duraanii Chelsiifi Arsenaal Piitar Cheekidha. Cheek taphoota 202 galchiin osoo itti hin lakkaa'amin xumure.
Karri eegaa duraanii Liivarpuul, West Haam, Maan Siitiifi Poortismaawuz Deevid Jeemis taphoota 169'n itti aana.
Karri eegaa duraanii Chelsiifi kaan biroo sadii Maark Shiwaarzar taphoota 147'n sadaffaadha. De Hiyaan 147'n afraffaarra jira.
Kuni Pirimiyeer Liigii keessattidha malee De Hiyaan kilabii isaaf taphoota kaan irratti dabalatee taphoota 190 osoo itti hin lakkaa'amin xumure.
Hanga kubbaa baraare
Erga Opta bara 2003 - 04 ragaa galmeessuu eegaleeti hanga kubbaa deebiseen De Hiyaan karra eegdota keessaa ga'umsaan sadarkaa sadaffaarra jira.
Waggoota 19 kana keessatti karri eegaa duraanii Yunaayitid fi kan amma kilaba Weelsi, Reksaam, jedhamuuf taphatu Ben Fosteer kubbaa 1,248 baraare.
Karri eegaa Boltooniifi West Haam Jussi Jaaskelainen galchiiwwan 1,223 baraare.
De Hiyaan 1,157 baraare. Kunis tapha tokkorra galchii 2.8 baraare jechuudha. Kunimmoo Shiwaarzar, Cheek darbees Faabiyaaniskii ni caala.
Hamma hiriire taphate
De Hiyaan si'a 415 Pirimiyeer Liigii irratti hiriiree taphateera. Karri eegdonni isa caalaa liigicha keessa hiriiranii taphatan jaha qofadha.
Kuni inumaa yeroo Laa Liigaa keessa Atileetikoo Maadiriidif si'a 57 hiriiree taphate yaada keessa yoo galchinu yeroo dheeraaf taphatuu isaa ragaa baha.
Reefu umriin isaa 32 waan ta'ef si'achis si'a dabalataaf hiriiree taphatuu mala.
Karra eegaa duraanii Ingilaand Jeemsitu taphoota 572 hiriirun dursa.
De Hiyaan taphoota Pirimiyeer Liigii 415 taphate keessatti galchiin 446 itti seeneera.
Badhaasa dhuunfaa
De Hiyaan cimina isaan haguuggii harkaa (Premier League Golden Gloves) si'a lama fudhateera.
Karra eegdota jaha badhaasa kana si'a tokko caalaa argatan keessaa tokko.
Piitar Cheekiifi Joo Haart si'a afur fudhachuun dursu.
Taphataa cimaa bara dorgommichaa Maan Yunaayitid (Manchester United player of the season awards) jedhamuun si'a afur fudhateera.
Kiristiyaanoo Ronaaldoonis akkuma isaa afur fudhate.
Karra eegdota Yunaayitid kaan waliin
Karra eegdota Maanchistar Yunaayitid cimoo jedhaman sadii keessaa kan jalqabarra argamu lammii Denmaark Piitar Shimaayikilidha.
Itti aanee karra eegaa lammii Neezarlaand Vaan der Saaridha. Lamaanuu kilabii isaanii waliin Waancaa Chaampiyeens Liigii kaasaniiru.
Shimaayikil waancaa Pirimiyeer Liigii shan ol kaase, Vaan der Saar afur. Kan sadarkaa sadaffaa irratti argamu Deevid De Hiyaan immoo tokko ol kaase.
Pirimiyeer Liigii keessatti osoo galchiin itti hin seenin tapha hedduu xumuruun garuu De Hiyaan isaan caala.
De Hiyaan taphoota 147 osoo itti seenin xumure. Vaan der Saar 132 akkasumas Shimaayikil 128.
De Hiyaafi ittisaan kilabichaa Fiil Joons ganna kana kilabicha waan gadhiisaniif taphataan Farguusan jalatti leenji'es ta'e waancaa liigichaa kaase Yunaayitid keessa hin jiru jechuudha.