Daldalaa lukkuu duraanii amma pirezidantummaa Keeniyaaf dorgomaa jiru

Wiiliyaam Ruuttoo yeroo ammaa ittaanaa pirezidaantii Keeniyaa yoo ta'u, filannoo ji'a lamaan booda gaggeeffamuuf pirezidaantummaaf dorgomaa jira.

Haalli inni daa'imummaan keessa darbes kan jireenya iyyeessota Keeniyaa hedduu fakkaata.

Jalqaba miila qullaa mana barnootaa kan seenee Ruuttoon, yeroo jalqabaatiif kophee kan kaawwate umurii waggaa 15tti.

Akkasumas, qarqara daandii Riifti Vaalii keessaatti lukkuufi acholoonii gurguraa ture.

Kanaaf, duula na fidhallaa filannoo pirezidaantummaa Hagayya 9 gaggeeffamu keessatti akka nama iyyeessaaf dhaabbatuutti of ibsuun isaa kan nama ajaa'ibu hin ta'u.

Ruuttoon filannicha keessatti dhaadannoo 'Kenya Kwanza (Dursi Keenyaaf) jechuun guddina diinagdee fiduuf waadaa seeneera.

Keeniyaa keessatti dargaggoonni umuriin isaanii waggaa 18 fi 34 jidduutti argamuufi hojii hin qabne %40 ta'a.

Haalli diinagdee biyyattii ammaa dargaggoota kuma 800 waggaa waggaan itti dabalamuuf carraa hojii uumuu hin dandeenye.

Kanaaf, Ruuttoon haala kanaan jijjiira jechuun dhaadataa jira.

Ruuttoo diinagdeedhaaf adeemsa dakarraa gara gubbaa (bottom-up) jedhu waadaa seenee.

Lammiilee haalli jireenyaa sababii koronaavaayirasiifi waraana Yukireeniin dabalaa jiru itti cime akka gargaaru waadaa galeera.

Kunis pirezidaantii umuriin waggaa 55'f hojii jalqabaa ta'a. Carraan akka sirratuuf hawwa.

Bara 1997tti yeroo jalqabaatiif Bulchiinsa Kaabaa Eldooreetitti miseensa mana-maree ta'uuf dorgomee yaaliidhuma isaa jalqabaatiin filatame.

Ruuttoon bara 1992tti siyaasatti makame. Yeroo sanattis pirezidaantii Keeniyaa kan turan Daani'eel Araaf Mooy irraa gorsa akka argatan himama.

Tibba tokkottis miseensa Paartii Kaanuu dargaggootaan guutame, kan Araaf Mooyitti makamee ture.

Baruma walfakkaatu keessas ummanni filannoo sab-danneessa yeroo jalqabaatiif biyyatiitti gaggeeffamee ture keessatti akka hirmaataniif namoota hojjetan keessaa tokko ture.

Nama dubbii beekuu akka ta'e himamaaf. Sababii kanaatinis hiriira deeggarsaa irratti namoota heddun ni bahuuf. Gaaffiilee miidiyaaleetiif haalli deebii itti kennunis nama dubbii kan beekuu ta'u mirkanneesseera.

Yeroo baayyees ''hirriyaakoo'' jechuun dubbachuu jaalata. Kunis ummata filatu waliin walitti dhufeenya gaarii ummachuufi qalbii qeeqxootaa hawwachuuf isa gargaareera.

Haala hirmaannaa geeddaruu

Ministirummaa barnootaa dabalatee aangoowwan ministirummaa adda addaa irras turan. Erga bara 2013 as ammoo ittaanaa pirezidaanti ta'uun tajaajilaa jiru.

Ruuttoon filannoo yeroo sanaatiin baayyee naasisee ture. Sababiin isaas, pirezidaantii biyyattii Uhuruu Keeniyaataa waliin ittaanaa ta'uun filatamuu isaati.

Filannoo isa duraatiin Keeniyaataafi Ruuttoon dorgomtoota waliin turan.

Lammiileen Keeniyaa filannoo bara 2007 hin dagatan. Filannoo baayyee wal falmisiisaa ta'ee gaggeeffamee ture hordofees, namoonni gara 1,200 ta'an ajjeefamanii ture.

Ruuttoofi Keeniyaataanis sababii yakka namoomaa raawwatameetiin himannaan mana murtii yakka idil-addunyaa irratti banamee ture.

Ruuttoon yeroo sana dorgomaa mormotaa kan turan Raayilaa Odiingaa waliin hiriiree ture. Amma garuu Ruuttoofi Odiingaan faallaa walii dhaabbachuun pirezidaantummaaf falmu.

Keeniyaataan ammoo Pirezidaanti Miwaay Kiibaakii yeroo lammaffaaf akka filatamaniif deeggaranii ture.

Jarreen lamaanis wayita gara aangootti bahanitti qindoomiinni isaanii bu'aa qabeessa ture. Walitti dhufeenya jaalala cimaa fakaatus uumatanii ture. Waliin ta'unis himannaa ICC ofirraa ittisuu danda'anii ture.

Abbaan alangaas himannaa bara 2014tti pirezidaanti Keeniyaataa irratti banee ture adda kute. Akkasumas, abbootiin seeraa himannaa Ruuttoo irratti banamee ture bara 2016tti dhaaban.

Haata'u malee, walitti dhufenayi isaanii kun itti hin fufne. Keeniyaataan bara 2018tti jijjirama adeemsaa haaraan gadi bahan. Odiingaa waliin haraaraman.

Ruuttoo garuu dugda itti garagalfatan.

Kana malees, Keeniyaataan filannoo Hagaya dhufaa gaggeeffamuun Odiingaan akka aangoosaa dhaaluuf ifatti deegarsa taasisan. Kunis abdii Ruutoo irratti kaaddiduu uumee.

Deeggartoonni pirezidaantichaas Ruutoon hogganaa isaatiif hin abbomamu jechuun himatu. Ruutoon garuu himannicha hin fudhatu.

Haata'u malee, isaafi pirezidaanticha jidduu 'haala siyaasa itti ilaalan irratti garaagarummaan' waan jiruuf wal diddaan jiraachuu hin haalle.

Garaa garummaan jidduu isaanii jiraatulleen sababii heerri biyyattii mirgasaa eeguuf hanga ammaatti aangoo ittaanaa pirezidaantummaa akkuma qabatanitti jiru.

Siyaasa Keeniyaa keessatti sabni gahee olaanaa qaba. Ruutoon baayyinaan sadaffaa kan ta'an saba Kaalaanjii irraa dhufe. Kaalaanjii irraa pirezidaantii tokko qofatu biyya bulche. Isaanis kan biyyattii bara dheeraaf bulchan Araaf Mooy turan.

Ruutoon Raacheel waliin gaa'ela dhaabbataniiru. Yeroo jalqabaatiif kan wal baranis sagantaa waldaa dargaggootaa irratti ture.

Ijoollee jahas godhataniiru. Ilimmi isaa angafaa Niik jaarsoolii Kaaleenjiitiin eebbifamunaa, ittigaafatamummaa siyaasaatiif kaadhimamaa jira tilmaamni jedhu akka jiraatu taasiseera. Intalli isaa Juun ammoo ministeera dhimma alaa keessatti miindeeffamte hojjatti.

Aab Ruutoon qonnaqadhaaf jaalala olaanaa qabu. Kanaafu omisha boqqoolloo, aannaniif horsiisa lukkuu irratti hirmaataniiru.

Gara lixaafi naannoolee baadiyaa biyyatii keessa maqaasaatiin lafa bal'aatu jira. Gama indastirii keessummeessutiinis invastimanii gaggeessaa jiru.

Ruutoo malaammaltummaa motummaa waliinis maqaan isaa irra deddebiin ka'a. Kanaan wal qabatees madda qabeenyaa isaarratti gaaffiin ni ka'a.

Bara 2013 murtee mana murtii olaanaa biyyatiitiin lafa qonnaa heektaara 40 akka deebiisu murtaa'eera.

Qonnaan bulaa hokkara filannoo bara 2007 booda lafa irra fudhateefis beenyaa akka kanfalu itti murtaa'era.