Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ameerikaan maaliif loltootashee Somaaliyaatti deebisuu barbaadde?
Ameerikaan loltoota ishee 500 caalan deebistee gara Somaaliyaatti erguuf karoorsuun ishee deeggarsa biyyattiin Pireezidantii haaraa Somaaliyaaf qabdu kan agarsiisudha.
Waldhibdeen Pireezidaantii duraanii Somaaliyaa Mohaammad Abdullaahii Farmaajoo fi kan US Doonaald Tiraamp gidduutti dhalatee ture, US loltootashee waggootaaf Somaaliyaa turan akka biyyatti debistu sababa ta'eera.
Kanaaf, Ameerikaan amma loltootashee deebistee Somaaliyaatti erguun murtee bulchiinsi Doonaald Tiraamp dabarse kan diiguudha.
Ameerikaan gocha Pireezidaantii duraanii Somaaliyaa dura dhaabbachuus ta'e, hidhattoota garee Islaamaa ofiin jedhan haleeluun walqabatee duulli gaggeeffamaa ture bu'a qabeessa miti jettee amanti.
Ajaji humna waraanaa US fi Afrikaa Somaaliyaa jiru, U.S. Africa Command jedhamu, Ameerikaan loltoota lakkoofsaan muraasa ta'an gara Somaaliyaa erguuf murteessuunshee, biyya hidhattoota garee Islaamaa ofiin jedhaniin goolamaa jirtu Somaaliyaaf boqonnaa kan kennuudha jedhe.
Murtee Doonaald Tiraamp booda qaawwa nageenyaa Somaaliyaa keessatti mudate furuuf jecha loltoota US buufata Jibuutii irraa Somaaliyaatti deddeebi’uun ergama nageenya eegsisuu raawwataniifis hojii kan salphisuudha jedhe Africom.
Erga loltoonni Ameerikaa Somaaliyaa gadhiisanii ba’anii biyyattii keessatti haleellaan akkaan hammaate.
Jaarmiyaan ‘’The Africa Center For Strategic Studies’’ jedhamu akka ibsetti, erga loltoonni US ba’anii waggoota jiran keessatti haleellaan al-Shabaabiin raawwate kan duraan 1771 ture 2072 ga’eera.
Waraanni hidhattoota waliin taasifamu dhibbeentaa 32n dabaleera. Ji’a darbe hidhatoonni al-Shabaab 450 ta’an Kibba Somaaliyaatti Mooraa Waraanaa Gamtaa Afrikaa haleeluun loltoota Burundii 40 ta’an ajjeesan.
Ogeeyyiin Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii al-Shabaab gareewwan al-Qaa’idaan hidhata cimaa qaban keessaa tokko jedhu.
Gareen kun loltoota kuma 12 qabaachuutu himama. Ji’aan ammoo maallaqa doolaara miiliyoona 10 argata jedhama.
Teessoon isaanii Somaaliyaa, Moqadishoo kan ta’e Daarektarri jaarmiyaa dhimma nageenyaarratti hojjetuu, Hiraal Institute, Samiiraa Gaayid, ‘’Loltoonni Ameerikaa gara Somaaliyaatti deebi’uun jijjiirama guddaa fidha,’’ jedhan.
Africom loltoonni US qaamolee nageenya eegsisuuf tumsaniif leenjii loltummaa ni kenna, ni gorsa akkasumas hanga hidhachiisuutti ni gargaara jedhe.
Hidhattota al-Shabaab lakkoofsaan hedduu ta'an irratti qiyyaafachuun ammoo kaayyoo loltoota US isa ijoodha.
Kanaan dura haleellaan loltoonni US qilleensarraan gaggeessaa turan sochii garee al-Shabaab uggureera, dureewwan garechaa akka walabaan hin sochoone akkasumas gareen kun haleellaa hedduu akka hin qaqqabsiifne gochaa ture.
Gariin ammoo loltoonni Ameerikaa deebi'uutti hin gammadne. Namoonni yaada kana qaban, haleellaan qilleensarraa (diroonii) US, lammiilee nagaa akkaan hubuu danda'a sodaa jedhu qabu.
Haleellaa gareen al-Shabaab namoota badii qaqqabsiisanii lubbuusaaniis balleessaniin gaggeesseen abbaashee kan dhabde barattuun Yuuniversitii Haliimaa Ahmad, ‘’Haleellaa qilleensarraa US gaggeessaa turteen lammiilee nagaa hedduun ajjeefamaniiru,’’ jette.
Gama kaaniin ammoo loltoonni Ameerikaan leenjistee fi hidhachiiste mataansaanii afaan qawwee hanga walitti gargalchuutti ga’aniiru.
Bara 2021 humni faallaa shororkeessummaa Ameerikaadhaan leenji’e biyya gariin of bulchitu, Puuntlaand, keessatti bu’eereffamee ture.
Gareen kun bakka lamatti kan walqoode yoggaa ta’u, gareen lamaanuu meeshaa Ameerikaan hidhachiisteen walhaleelaniiru.
Haleellaa isaan bananiin daa’imman dabalatee namoonni 20 caalan ajjeefamaniiru.
Humnoota nageenyaa Somaaliyaa leenjisaa fi hidhachiisaa kan jirtu Ameerikaa qofa ta’uu dhabuun ammo rakkoo kan biraadha.
Tibbana gara Moqadishoo kan imalte gaazexeessituun BBC, loltoonni fi poolisoonni uffata seeraa fi meeshaalee waraanaa gosa garaagaraa qabatanii walmakanii jiraachuu taajjabde.
Gareen komaandoo US leenjiste, ‘’Birgeedii bakakkaa yookiin Dannaab’’ jedhamuun waamaman akkaan hamoo fi sodaachisoo ta’uutu himama.
Yeroo baayyee haguugduu fuulaa gurraachaa fi meeshaalee waraanaa gurguddaa qabatanii ba’u.
Gareen ‘’Gorgor yookiin Joobira’’ jedhamu ammoo Tarkiidhaan kan leenji’aniidha. Buufata waraanaa Tarkiin Moqadishoo keessaa qabdutti leenji’u.
Yunaayitid Arab Imireetis (UAE), Kaataar, Gamtaan Awurooppaa, Eertiraa, Yugaandaa, Keeniyaa, Jibuutii fi kaanis as keessaa qabu.
Haalli kun humnoota nagaa eegsisan gidduutti qindoominni akka hin jiraanne godheera.
Yeroo kaan ammoo loltoonni hedduun siyaasa biyya isaan leenjisee tajaajiluurratti xiyyeeffatu.
Ebla 2021 keessa magaalaa Moqadishoo keessatti humnoota nageenyaa jiran gidduutti lolli banamee ture.
Haalli kun ammoo waraana waliinii bara 1990oota keessa ture deebisuu danda’a jedhamee sodaatama.
Chaayinaa fi Raashiyaarra Ameerikaa filachuu
Fedhiin US loltoota ishee Somaaliyaatti bobbaasuu qofaa miti. Waggaa 31 dura Somaaliyaarraa kan fottoqxee fi sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii osoo hin argatin kan jirtu Ripaabilika Somaaliilaandi irra erga ija buufattee turteetti.
Ministirri Dhimma Alaa Somaaliilaandi Iisaa Kaayid, Bitootessa darbe gara US'tti affeeramanii akka turanii fi imala bu'a qabeessa akka tures ibsaniiru.
''Xiyyeeffannoon keenya gama nageenyaa fi odeeffannoo wal jijjiiruutiin hariiroo keenya cimsuudha,'' jedhan.
Ji'oota lama booda ammoo Ameerikaan deebii kenniteetti.
Ajajaa Africom fi Afrikaatti ajajaa waraanaa ishee olaanaa kan ta'an Jenaraal Isteefan Taawunsend gara Somaaliilaandi ergite.
Ameerikaan Barbaraatti buufata waraanaa guddaa ijaaruuf oduun jedhus akkaan qoodamaa jira.
''Amma kanan jechuu danda'u Ameerikaan daawwannaa heddummeessaa jiraachuusheeti,'' jedhan qondaalli Somaaliilaandi kun.
''Humnoota nageenyaa eegsisanii fi handaara galaanaa eegan akka nuuf leenjisan ni eegna. Chaayinaa fi Raashiyaa dabalatee biyyoota jajjaboon hedduun Somaaliilaandi keessa ashaaraasaanii kaa'uu fedhu. Nuti garuu, waan waliin qabnu irratti hundaa'uun, hundarrayyuu Ameerikaa filanna,'' jedhan.
Africom akka ibsetti, kaayyoo gooroon daawwannaa jenaraalichaa, yeroo balaa tasaaf qophii taasisuu, iddoo leenjiif yookiin ammoo akkaataa barbaachisummaa isaatti loltoota qubachiisuuf haala dandeessisu qorachuudha.
Fedhiin US Somaaliilaandi keessatti akka dabalu haalonni taasisan hedduudha.
Naannoon kun bakka tarsimaawaa waan hedduuf mijataa ta'eedha. Handaara galaanaa kiilomeetira 800 dheeratuu fi galaana dooniiwwan hedduun irra yabalan qabdi.
Ollaashee kan taate biyyi xiqqoon handaara galaanaa, Jibuutiin, teessoo humna waraanaa Ameerikaa, Chaayinaa fi biyyoota addunyaa humna qaban hedduuti.
Barbaraan yeroo ammaa bakka akkaan filatamtuudha. Biyyoota goolama keessa jiran Yaman, Somaaliyaa fi Itoophiyaatti dhiyaattee argamti.
Biyyoonni kunneen farra-shororkeessummaarratti Ameerikaa waliin michummaa qabaatanis, keessoon isaanii garuu akkaan jeeqamaadha.
''Biyyi keenya xiqqittiin kan beekamtii hin argatin jirtu biyyoonni addunyaa hedduun akka tasgabbii argataniif ga'ee olaanaa gumaachaa jirti. Naannawa hookkarri itti heddummaatu keessa teenyee fakkeenya tasgabbii ta'aa jirra,'' jedhan Aab Kaayid.
US biyya Somaaliilaand waliin hariiroo cimsachuu yoo feete of eggannoon deemuu qabu.
Bulchiinsa kooti jettee kan falmaa jirtu Moqadishoo waliin dhibdee keessa seenuu dandeessi waan ta'eef.