Namni siyaasaa maariwaanaaf qabsaa'an filannoo pireezidaantii Keeniyaarratti dorgomuuf

Namni siyaasaa baalli sammuu hadoochu maariwaanaan seera-qabeessa akka tahuuf qabsaawan, filannoo pireezidaantummaa Keeniyaa dhufurratti dorgomuuf fudhatama argatan.

Ogeessa fi piroofeesara seeraa ka tahan Joorji Wajackoyah, amma duras pireezidantii biyyattii tahuuf kan dorgomanii turan yoo tahu, hagas mara milkaa'ina hin arganne.

Garuu marroo ammaatiin Guraandhala keessa ergaan isaanii maariwaanaa deeggaran erga gurra horatanii oduurratti haasawamee duuba, beekamtii argataniiru.

Keessaafuu paartii Roots jedhamu erga hundeessanii duuba. lammiileen Keeniyaa hedduun nama kana baraniiru.

Paartiin kun biyyisaanii Keeniyaa isa baala kana seeraan ala goote akka haqxuufi seera qabeessa akka taasistu, akkasumas kaanaabis qonnatti galchuun, liqii guddaa biyyattiin qabdu akka ofirraa kanfaltu barbaada.

Jalqaba torbee kanaatti galmeen pireezidaantummaaf dorgomuuf galchan, komishinii filannoo biyyattiin jalaa kuffifame. Sababni isaas mallattoo gahaa waan walitti hin qabneef jedhaman.

Jennaan guyyaa Kamisaa irra deebiin iyyata isaanii kan galfatan oggaa tahu, angawoonnis iyyanni isaanii guutuudha jechuun simataniiru.

Morkiin teessoo pireezidaantii argachuuf taasifamu gara caalu kan dhuunfatame morkattoota ciccimoo lamaaniini - Pireezidantii Ittaanaa biyyattii Wiiliyaam Ruutoofi Ministira Muummee duraanii Raayilaa Odingaati.

Ta'uyyuu kaadhimamaan paartii Roots seenaa ajaa'ibaa akka qaban himama. Namni kun ijoollummaatti daandii gubbaa kan jiraachaa turan oggaa tahu, achii kahuun abbaa digirii jahaafi ogeessa seeraa kabajamaa tahaniiru.

Dorgommii kana keessa seenuun isaanii morkichatti lubbuu kan horu oggaa tahu, haasawa marijuana irrattis tasifamus akka taasifamu jajjabeessaniiru.