Pirezidantiin Keeniyaa Keeniyaattaan itti-aanaan isaanii aangoo akka gadhiisan gaafatan

Pirezidantiin Keeniyaa Uhuruu Keeniyaattaa itti aanaan isaanii Wiiliiyaam Ruutoon, filannoo Hagayya dhufu keessa gaggeeffamuu irratti wal dhabdee cimaan waan umameef, aangoo akka gadhiisaniif gaafatan.

Pirezidant Keeniyaataan Obbo Ruutoon biyyattiin rakkina diinagdee keessa jirtuu akka mo'attuuf baay'ee hojjataa hin jiran akkasumas karaa keessootiin motummaa hin qeequu jechuun himatu.

Ruutoon gama isaaniin waggoota lamaaf oliif kaabineen walgahee hin beeku, kanas pirezidanti Uhuruutti himeera jedhan.

Pirezidaanti Uhuruu itti aanaa isaanii aangoorraa arii'achuuf aangoo hin qaban. Aangoorraa ka'u kan danda'an yoo himataman ykn aangoo dhorkaman qofaadha.

Garaagarummaan pirezidaanti Uhuruu Keeniyaataa fi itti aanaa isaanii jidduu jiru wayita biyyattiin du'a pirezidaantii ishee duraanii Mo'i Kibaakii gaddaa jirtuutti ifatti mul'ate.

Sirna gaggeessaa pirezidaantii duraanii guyyaa Jimaataa taasifamerratti guyyaa guutuu pirezidant Keeniyaataan Obbo Ruutoo harka fuuchuu didan.

Irra caalaan madda wal dhabdee aanga'oota lamaanii filannoo waliigalaa biyyattiin Hagayya dhufaa gaggeessuuf jirtudha.

Obbo Ruutoon pirezidaantii biyyattii itti aanu ta'u barbaadan. Marsaa biraaf dorgomuu kan hin dandeenye Uhuruun immoo mormituu kan turan Raayilaa Odiingaa deeggaraa jiru.

Dhimmi dinagdee dhimma muummee filannoo dhufaaf irratti haasa'amu ta'eera.

Keeniyaatti ammaan tanatti qaala'iinsi sadarkaa olaanaa mudataa kan jiru yoo ta'u, gatiin mi'awwan akka zayita nyaataa fi boba'aa garmalee dabalaa jira.