Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Israa'el waggaa tokkotti Gaazaa bakka buqqaatonni qubatan si'a 100 haleelte
Israa'el lammiileen bakka waraana irraa bilisa jechuun lammiilen Gaazaa akka itti baqatan adda baaste si'a 97 haleeluu BBCn qorannoo gaggeesseen mirkaneeffateera.
Israa'el kaampii baqattoonni Gaazaa keessa qubatan hamma kana kan haleelte ji'a Caamsaa irraa ka'uuni.
Bakki lammiilen Gaazaa akka qubataniif itti himame kun "naannoo deeggarsi namoomaa" jedhamuun kan beekamu yoo ta'u, akkuma Israa'eliifi Hamaas gidduutti waraanni Onkoloolessa 2023 eegaleen Israa'el naannoo waraana irraa bilisa ta'e jechuun kan adda baastee namoonni garasitti akka baqatan gochaa turtedha.
Caamsaa 2024 keessa ammoo Waraanni Israa'el bakkeewwan namoomaa jedhe kana gara kaampiwwan Kaan Yuunisiifi Daar al-Balaah jedhamanitti babal'isee ture.
Bakkeewwan namoomaa jedhamuun adda baafaman qarqara Galaana Meditiraaniyanii irratti kan argamaniifi namoonni miliyeena tokkoo ol lafa baay'ee dhiphaa ta'etti walitti heddummatanii akka jiraatan dhaabbileen namoomaa akka jedhanitti.
Humni Waraana Israa'el yaada BBC Verify dhaaf kenneen, warraannisaa miseensota hidhattoota Hamaas bakkee qubsuma namoota buqqa'anii keessa mandheeffatan irratti malee namoota nagaa irratti akka hin xiyyeeffanne ibse.
Dabaluunis, Hamaas seera idil-addunyaa cabsuun namoota buqqa'an gidduu dhokachuun namoota nagaa dahoo akka godhatus ibse.
Waraanni Gaazaa keessatti gaggeffamu bu'uuraalee kan mancaase yoo ta'u, namoonni miliyeenan lakkaa'aman buqqa'anii rakkoo hamaaf saaxilamaniiru.
Onkoloolessa 2023 irraa eegalee hanga ammaatti namoonni 46,6000 ol Gaazaa keessatti ajjeefamaniiru.
Erga Caamsaa 2024 asi ammoo naannoo namoomaaf adda bahe keessatti haleellan Israa'el gaggeessitu cimeera. Erga ji'a Caamsatii asi yoo xiqqaate haleellaa 22 gaggeessuu ishee qorannoon BBC Verify bira gaheera.
Dhaabbata tola-ooltummaa Norwegian Refugee Council (NRC) damee Gaazaatti hojjataa kan ta'e Gavin Kelleher akka jedhutti, Israa'el guyyaadhan haleellaa garaa garaa naannoo namoomaaf adda baherratti akka raawwattu hima.
Israa'el haleellaa kana kan raawwattu doonii waraanaafi dirooniwwan fa'aa fayyadamuun akka ta'e dubbata.
Jiraattota naannoo koriidara namoomaaf adda bahe keessa jiraatan keessaa kan ta'e Kaalid Abdeel BBCtti akka himetti, jiraattonni guyyaa guyyaadhan haleellaa Israa'eliif kan saaxilamanii ture.
"Sababa zoonii nagaadha jedhameef gara Kaan Yuunisitti baqanne, dhugaansaa garuu asitti kan agarre yaaddoo nageenyati...sodaatu jireenya keenya dhuunfate," jedha Kaalid.
Midiyaaleen biyya biraa Gaazaa seenanii bilisaan akka gabaasan hin hayyamtu. Yoo hayyamtes, to'annoosheefi waraana duukaa buusteeti kan hayyamtu.
Israa'el naannoo namoota buqqa'aniif adda bahe keessatti haleellaa gaggeessuushee mirkaneeffachuuf BBCn chaanaliwwan miidiyaa hawaasaa lammiilee Filisxeem, akkasumas chaanaliwwan Inistaagiraamii, Telegiraamifi X Humna Waraana Israa'el fayyadame.
Gabaasaaleen haleellaa bakkeewwan namoomaaf adda bahan keessatti gaggeeffamanii, gabaasaalee miidiyaalee naannoo wajjin wal-bira qabuuni dhugummaasaa kan qorate.
Lakkoofsi namoota du'anii viidiyoowwaniifi gabaasa miidiyaa hawaasaa qofaan kan mirkanaa'u akka hin taane beekamaadha.
BBCn viidiyoowwan 300fi suuraalee hedduu erga ji'a Caamsatii maxxafaman qorateera.
Viidiyoowwaniifi suuraalee kanneenirraa akka mul'atutti bakkeewwan namoonni buqqa'an qubatan ykn naannoo namoomaa jedhamee adda baafame keessatti haleellaa gaggeeffameen nammoonni heddu, keessumaa daa'immaniifi dubartoonni du'aniifi madaa'an jijjiga keessaa yeroo baafaman ni mul'ata.
Haleellawwan galmaa'an torba tokkoon tokkoonsaanii namoota 20fi isaa ol akka ajjeessan, keessumaa ammoo gaafa Adoolessa 13 kan gaggeeffame isa hamaadha. Haaleellaa gaafa sana bakka buqqaatonni qubatanitti gaggeeffameen namoonni 90 du'uu ministiirri fayyaa Gaazaa ibsee ture.
Waraanni Israa'el gamasaan hogganaan damee waraana Hamaas Mohaammad Daa'if kanneen du'an keessaa tokko ta'uu ibsuun, haleellaan sun "shororkeessitoota irratti kan xiyyeeffatedha" jedhe.
Jiraattonni naannoo deeggarsa namoomaaf adda bahe sana keessa jiran dhaabbataan yaaddoo keessa jiraachuu himatu.
Waraanni Israa'el daangaa bakka deeggarsa namoomaf adda baafamee si'a 20 ol akka jijjiire himatu jiraattonni.
Waraanni Israa'el garuu yeroo yaaddoon nageenyaa jiru namoonni akka baqatan akka ajajuufi erga yaaddon nageenyaa sun furamee iddootti akka deebisaa ture BBCtti hime.