Asamowaa Jihaan ijoollee haadha warraasaa hiikerraa argate 'kiyya miti' jechuun haaleef beenyaa guddaa akka baasu itti murtaa'e

Madda suuraa, Getty Images
Tapahataa collee duraanii Gaanaa kan ta'e Asamowaa Jihaan haadha manaasaa wal-hiikaniif beenyaa akka kaffaluufi ijoollee sadi isheerraa argate garuu kan koo miti jedhee haales ijoolleesaa ta'uu manni murtii itti murteesse.
Manni Murtii Gaanaa taphataan kun haadha manaasaa wal-hiikan Giiftii Jihaanif mana lama, buufata boba'aa tokkoofi konkolaataa lama akka kennuuf itti murteesse.
Asaamowaa Jihaan haadha warrasaa duraanii kanaaf manni lama akka kennuuf itti murame tokko UKtti kan argamu yoo ta'u, tokko ammoo magaala guddoo Gaanaa kan taate Akiraa keessatti argama.
Asaamowaa Jiyaanifi haati warraasaa duraanii Giiftin waggaa sadiif mana murtii wal-dhaabaa turan.
Giiftii Jihaan Asomaan alatti dhiira biraa wajjin quunamtii qabdi shakkii jedhuufi ijoollen sadi iseerraa godhates kan koo ta'uusaanii shakkiin qaba jechuun himataa ture.
Qarannoon qaccee sanyii (DNA) erga gaggeeffamee booda ijoollen sadan inni haadha warraasaa duranirraa argate kansaa ta'uun mirkanaa'ee jira.
Gama biraan ammoo ijoolleesaa kana sadaniif ji'aan dolaara 2,100 akka kennuuf manni murtii Gaanaa dhaddacha gaafa Onkoloolessa 31 taa'en murteessee jira.
Asaamowaafi Giiftin erga gargar bahanii bubbulanis, iyyata Asaamowaan dhyeeffateen manni murtii kara seera qabeessan gaa'illisaanii diigamuu murteesse.
Yeroo taphataan Gaanaa duraanii kun qabeenya kana horatuhaadha warraasaa kan turte Giiftii Jiyaan qarshii gumaachuu baattus ijoolleesaa guddisuun gumaata gochuushee ibse manni murtii.
Mana akka isheef kennu ittimurtaa'e keessaa magaala Akiraatti kan argamu abbaa ciisicha afurii yoo ta'u, bara 2013 osoo wal-hin fuudhin isheef bitee ture.
Waggaa 10 dura osoo mana hin dhaabbatin durayyuu ijoollee lama waliin godhataniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Asaamowaa Jiyaan garee biyyoolessaa Gaanaf si'a 109 hirmaatee galchii 51 lakkoofsiisera. Biyyasaaf galchii olaanaa lakkoofsisuunis kan isa caalu hin jiru.
Kilaboota akka Yudiniizee, Reensifi Sandarlaandif jifataa ta'uun taphataa kan ture yoo ta'u, ji'a Waxabajjii keessa galchii 51ffaa garee biyyoolessa Gaanaf lakkoofsisuun kubbaa miilarraa soorama bahuu beeksise.












