Pirezedantiin Federeeshinii kubbaa miilaa Ispeen taphattuu dhungate waggoota sadiif hojirraa dhorkame

Madda suuraa, Getty Images
Pirezedantiin Waldaa Kubbaa Miilaa duraanii Ispeen Luwiis Ruubiyaales waggoota sadiif sochiiwwan kubbaa miilaa waliin walqabatan hundarraa dhorkaman.
Rubiyaales tapha xumuraa Waancaa kubbaa miilaa dubartootaa addunyaarraatti Ispeen Ingilaandii injifachuu hordofee taphattu sarara fuulduraa Ispeen Jeenii Hermoosoo hidhiisheerra dhungate ture.
Pireezidantichi sirna badhaasaa Waancaa addunyaarratti taphattuu kana hidhiirra dhungachuun isaa tarkaanfii amala badaa isa jedhu adda baasuuf FIFA’n qorachaas ture.
Sana booda yeroof FIFAn hojiirraa dhorke, garuu jalqaba aangoo gadhiisuu dide, sududaan Fulbaana keessa aangoo gadhiise.
Wixata kanammoo Waldaan Kubbaa Miilaa Idil-Addnyaa (FIFA)’n seera naamusaa keewwata 13 cabsuu isaatiin waggaa sadiif ugguruu beeksise.
Ruubiyaales, namtichi umurii ganna 46 dhungannaan kun ' fedha waloorratti kan hundaa’en'' akka dhungate hime, garuu Hermosoon fedha ishee akka hintaane himtee, himannaa seeraa dhiheessite.
Taatee kun injifannoo seena qabeessa Ispeen Awustiraaliyaa Siidnii keessatti galmeessite golgee ykn dhoksee ture.
FIFA’n dhimmicha taateewwan xumura Waancaa Addunyaa dubartootaarratti Hagayya 20, 2023 kan Obbo Ruubiyaales raaawwatetti yaadda’u mirkaneesse.
Ruubiyaales sababa kanaaf guyyoota 90’f hojiirraa ugguramee ture.
FIFA’n kabajaa namoota hunda eeguu fi seera bu'uuraa naamusa gaarii akka kabajamu mirkaneessuuf kutannoo akka qabu irra deebi’uun ibse.
Ji'a darbe dhaddachi mana murtii biyyoolessaa Maadriiditti geggeeffame himannaa yakkaa miidhaa saalaa fi dirqisiisuun walqabatu Ruubiyaales irratti dhiyaate qorateera, boodarra Hermosootti 200m dhiyaate akka hin deemne dhorkame.















