Pirezidaantiin Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ispeen taphattuu Ispeen Hermoosoo dhungachuun qeeqaman

Ruubiyaales taphattuu Ispeen Jeenii Hermoosoo dhungate

Madda suuraa, BBC Sport

Pirezidaantiin Federeeshinii Kubba Miilaa Ispeen, Luwis Ruubiyaales taphattuu Ispeen Jeenii Hermoosoo hidhii ishee irra dhungachuun qeeqaman.

Ispeen erga Waancaa Addunyaa kan dubartootaa mo’attee sirna badhaasaa irratti pireezidaantichi taphattuu cimtuu Ispeen Hermooso hidhii irra dhungatan.

Hermoosoon ergasii fuula Inistaagiraamii ishee irratti ''natti hin tolle’’ jette.

Garuu ibsi sana booda bakka ishee bahe ammoo pirezidaanticha irratti harka qaba.

Ministeerri mootummaa Ispeen Ayiriin Montero, ''Kun gochaama miidhaa saalaa dubartootni guyya guyyaan ittiin dararaman,’’ jette.

''Dhungoon eeyyama abbaa malee waan raawwatudha jennee hin yaadnu,’’ jette.

Ministeerri Ispoortii Ispeen Miguweel Ayiceetaa raadiyoo Ispeen tokkotti akka himanitti, ‘’Rubiyaalsi Hermoosoo dhungachuun ‘’fudhatama hin qbau’’ jedhan.

''Waan jalqaba irratti gochuu qabu tokko dhimma kana irratti ibsa kennuun dhiiifama gaafachuudha. Kun waan nama amansiisuufi adeemsuma tahuu qabudha’’ jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ibsa Federeeshinii Kubba Miiilaa Ispeen baase keessatti, Hermoosoon ''jaalaluma qabu ibsachuuf’’ waan godhedha jechuu eere.

''Gammachuu guddaa Waancaa Addunyaa mo’achuun dhufe keessa waanuma yeroo sana mudatedha,’’ jette taphattuun ganna 31 Ispeeniif galchii hedduu lakkoofsisuun dursitu.

Gochaan pirezidaantichaa miidiyaa hawwaasaa irratti akkaaan qeeqame. Pirezidaantichi aangoo isaanii akka gadhiisaniif gaafataa turan.

Rubayaalsi miidiyaa Ispeen COPE irratti akka dubbatanitti, ''dhungoo hiriyyoota lamaa gammachuu isaanii ibsataniiti,’’ jedhan.

''Namootni akka biraatti hiikkatan namoota gadhee fi ilaalcha badaa qabanidha,’’ jedhan.

''Mee dubbii kana duubatti dhiisnee gammachuu keenya dhamdhamanna’’ jedhan. Booda garuu dhiifama gaafataniiru.

Ruubiyaales Wiixata viidiyoo baasaniin gochi isaa ‘guutummaatti dongogora’ jechuun dhiifama gaafatee ture.

Ministeerri Mummee Ispeen, Pedroo Saanches garuu, gochi Ruubiyaales ‘ sirrii hin taanee’ fi dhiifama gaafachuun isaas ‘ga’aa miti’ jedheera.

“Wanti agarre gocha tasuman fudhatama hin qabnedha. Dhiifama gaafachuun Ruubiyaales ga’aa miti, dhiifama guutudha jedheeyyuu hin yaadu. Wanta agarree sirritti ibsuun tarkaanfii fudhachu qaba,” jedhan MM Pedroo Saancheez.

“Taphattoonni kun injifachuuf waan hunda godhaniiru amalli Ruubiyaales garuu walqixxummaa irratti hojiin hedduu akka hafu agarsiiseera.”

Itti aanuun Ministira Mummee Ispeen, Yolaandaa Diyaaz gama isheen, Ruubiyaales hojii akka gadhiisuuf gaafatteetti.

“Akka sabaabatti wanti isaan dhiyeessaan waan bu’aa hin qabnedha,” jetti. “Gartuun Ispeen ispoortii fi kubbaa miillaa keessatti qofaa hin taanee waa'ee walqixxummaa irratti wantoota hedduu nutti agarsiisaniiru.”

“Biyya keenya keessatti hojiin hedduun akka hafu nutti agarsiisaniiru, dhiiraa fi dubartiin akka qixxee ta’an gochuuf hojii baayyeetu hafa,” jetteetti.

Taphattootni Ispeen leenjisaan isaanii Viildaan akka hojii gadhiisu fincilaa osoo jiranii ture gara Waancaa Addunyaatti kan imalan.

Federeeshinichi garuu diduun Viildaan akka hojii isaa itti fufu godhe.

Bara 2022 ji'a Fulbaanaa keessa taphattootni 22 ergaa wal fakkaataa karaa imeelii erganii ture.

Fayyaa isaanii fi miira isaanii eeguu irratti tarkaanfii gaariin yoo hin fudhatamne Viildaaf hin taphannu jedhanii ture.

Akkasis tahee Ispeen Ingilaandiin 1 fi 0'n mo'achuun yeroo jalqabaaf Waancaa Addunyaa mo'atte.