Taphattuun goolii Ispeen Waancaa addunyaa ittiin injifatte galchite abbaan ishee du'uun itti himame

Olgaa Karmoonaa

Madda suuraa, Getty Images

Dursituun garee kubbaa miilaa Ispeen, goolii biyyi ishee yeroo duraaf waancaa addunyaa dubartootaa akka injifattu gargaarte galchite, Olgaa Karmoonaa erga taphni raawwatee abbaan ishee boqochuun itti himame.

Karmoonaan Waancaa Kubbaa Miilaa Dubartootaa Addunyaa irratti dursituu taphattootaa yeroo taatu, tapha xumuraa Ingilaand waliin taphatan irratti goolii takkittii seenaa Ispeen keessatti shaampiyoonaa addunyaa akka ta'an gargaare galchiteetti.

Kilaba dubartootaa Ispeen Riyaal Maadriid keessatti ittisarra kan taphattu Karmoonaan, abbaan ishee Jimaata wayita isheen tapha waancaaf qophiirra turte boqotan.

Abbaan ishee yeroo dheeraaf dhibamaa turan boqochuun garuu atattamaan itti hin himamne.

Ispeen shaampiyoonaa akka taatu gahee isa guddaa baatee yeroo gammachuu isheerratti gadda abbaan ishee boqochuu dhageesse.

''Galgala kana na daawwachaa, naan boonaa akka jirtus nan beeka. Nagaan boqodhu daad.'' jechuun taphattuun kun fuula miidiyaa hawaasa itti fayyadamtu irratti maxxansiteetti.

Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Ispeen gama isaan abbaan Karmoonaa boqochuu ibseera.

Taphattuun kun abbaan ishee boqochuun kan itti himame tapha xumuraa booda akka ta'es beeksise.

Miidiyaan Ispeen Relevo akka gabaasetti, Jimaata boqochuun abbaa ishee akka itti hin himamne maatiifi hiriyyoota isheetu murteesse.

Sababni ammoo tapha xumuraa irratti haa xiyyeeffattu kan jedhuudha. Sanbata ammoo obbolessii fi haati ishee deeggaruuf gara Awustiraaliyaa imalaniiru.

Taphattuun kun goolii Ispeen waancaa addunya ittiin injifatte erga galchitee booda tiishartii jalatti uffatte irratti barreeffama ''Merchi'' jedhu agarsiisteetti.

Kunis hiriyyaa ishee haati jalaa duute(du'e) yaadachuuf akka ta'e Karmoonaan boodarra ibsiteetti.

Gareen Kubbaa Miila Ispeen waancaa Addunyaa 19ffaa Awustiraaliyaafi Niiw Ziilaand waliin ta'uun qopheessan kan injifattee, Dilbata kaleessaa tapha xumuraa garee Ingilaand waliin taasisan 1-0'n mo'achuuni.