Gaazaatti abbaan haleellaa takkaan miseensota maatiisaa 11 dhabe waan himu

Madda suuraa, COURTESY OF KHALIL KHADER
Kaliil gaheessa abbaa ijoolleeti. Manasaa haleellaan daaraatti geedarame BBCtti agarsiisuuf deeme. Agarsiisuudhaaf yeroo tuullaa manasaa jijjigetti ol ba'u miirri jirachuuf qabu gadi bu'aa ture.
Yeroo inni gara hojii deemetti uffata mucaan isaa tokko uffachaa turte cittuusheee tuullaa manasaa diigame keessaa arge.
Kun bijaamaa mucaa koo ishee xiqooti’ jedhee harkisee baase.
Mucaansaa ijasaatti dhufte. Micaan isaa kun waggaafi ji'a ja'a hin guunnee turte. Maqaanshee Roozaa jedhama. Uffatasheeti kan jijjigaa keessa harkisee baase.
Achins bilbila harkaasaa baasuun suuraa Roozaa gabaasaa BBCtti agarsiisuu eegale. Dhugaadha Roozaan uffata inni jijjigaa manaa keessaa baase sana uffattee turte.
Kolfaa taphataa turan. Amma garuu jijjigaagamoo jala jirti. Sababii waraanaatiin naannichi barbadaa’eera.
Abbaa Roozaa, Kaliil Kadiir gaheessa wagga 36ti. Ogeessa Kompitar Injinariingiiti. Hosptaala Naajaar Al-Raafaah keessa hojjeta. Ijoollee afur qaba ture. Mucaansaa angafaa Ibraahim waggaa sagali, Amaan waggaa shan, Kiinaan waggaa lamaafi walakkaa, Roozaan ammoo waggaa tokkoofi j'a ja'a turan.
Kaliil jijjigaa manichaarra suuta of eeggannoon tarkaanfata. Akka waan hin du’iinii akka isin irra hin dhaabannetti sodaataa tarkaanfata fakkaata.
Hospitaala keessa hojjeturraa dhihootti argama. Wayita imaltuutti kan argus bakka ijoolleensaa itti taphataa turanidha. Jijjigaa manichaa keessattis ashanguliitiin, piyaanoo, ciccitaan uffataa asiifi achitti kukkufee mul’ata.
Torban keessaa guyyaa tokko yoo misaa’elli manasaarratti kufu inni bakka hojiisaa ture. Hospitaala hojjeta. Dhiheenyasaatti dhohinsii cimaan dhagahame. Garuu ammoo gonkumaa manasaa rukkutee maatiisaa jalaa fixa jedhee yaadee hin beeku ture.
Ijoolleen gammachuudhaan utaalaanii taphataa turan. Hundi isaanii geengoo hojjetanii shubbisaa turan. Waraabbiin viidiyoo bilbila isaarra ture kana agarsiisa.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka tasaa warra ollaasaa miidhaan irra gahe wallaansaaf gara hospitaalichaa deeman argee ‘‘dhohinsiicha "eessatti mudate?’’ jechuun gaafate.
Isaanis itti himan. Yeroo sana ture naannoo manasaa ta’uu kan hubate. Fiigunis gara manasa deeme. Osoo fiiguus bilbila bilbilaa ture. Kan bilbilasaa kaasee deebisu garuu hin turre.
‘‘Akkuma tasaatti gara daaraatti jijjirame’’ jechuun gabaasaa BBC dawwachiise. Haleellaa sanaanis miseensoota maatiisaa 11 dhabe.
Isaanis ijoollee isaa afur, obbolaasaa lama, abbaasaa kan umuriin wagga 70 fi obboleettii haadha warraasaa, akkasumas ijoollee obbolaa haadha warraasaa lama, waluumaa galatti namoota 11 haleellaa sanaan dhabe.
Haati warraasaa miidhaa olaanaan irra gahee lubbuun baatee turte. Ammattis wallaansa argataa jirti. Kaliil waraan kan beeku amma hin turre.
Qaxanaa waraanni keessaa hin dhaabanne kana keessatti ijoollee guddiisuun siriidhaa? Jedhee ofi gaafatee ni beeka.
‘‘Nan yaadadha waraana bara 2014 sanatti haati warraakoo ulfa turte,’’ jechuun gaddaan yaadata.
‘‘Mana ollaa keenyaarratti dhohinsi qaqqabee ture. Haati warraakoo ulfa baatii torbaa turte. Haleellaa sanaanis darbiirraa kuftee du’arraa hanga xiqqootti baate. Guyyaa sana maal ta’etan ilamaan namaa gara lafa kanaatti fidaa jira,’’ jedheen of gaafadhe ture’’ jedha.
Isaan booda ammoo yaada akkasii qabaachuutti gaabbee. Tarii maaltu beeka gara fuulduraatti addunyaa gaarii qabaanna ta’a jedhee abdii godhate.
‘‘Waa’ee egeree ijoollee koo hundaatiin abdii ifaan qaba ture. Ibraahim yoo guddate doktara ta’a. Amaan gaaffii tokko malee nama fakkii kaasuu taati. Fakkiiwwan kaaftu natti agrsiifti. Waliin faa kaafna turre.
“Kiinaan baayyee waan taphatuuf maatii maratu isa jaalata ture. Obboleettii isaa xiqqoo baayyee kunuunsa ture. Keessattuu, Roozaa baayyee kunuunsa ture. Roozaan kan kooti jedhee, eenyumti akka jalaa tuqu hin fedhu ture. Amma garuu hunduu hin jiran.’’
Kaliil ammalleen jijjigaa jalaa nama barbaada. Obboleettiin isaa tokko baddee jirti. Akkasumas, hospitaalatti haadha warraasaa dhukkubsachiisuu qaba. Ijoolleen isaa bakka irraa hin deebi’amneetti godaananiiru. Ammalleen inni jijjigaa jalaa nama barbaadaa jira.












