Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namoonni bara 1995 waa'ee bara 2025 maal raagan, maaltu dhugoome?
Bara 1995 sagantaan raadiyoo BBC- Tomorrow's World Program jedhamu waggaa 30 booda bara 2025 addunyaan maal akka fakkaattu raaga hojjetee ture.
Sagantaan yeroo ammaa qilleensarra hin jirre kun yeroo sana saayintistii beekamaa addunyaa kan ture Pirofeesar Stephen Hawking dhiyeessuun hojetaa ture.
Saayintistichi ''Bara 2025 addunyaarratti jijjiirama guddaa eegna,'' jedhe.
Gareen sagantaa kanaa yaada kanarratti waliigala. Guddina saayinsii fayyaa akkaan ammayyaa'e hanga wal'aansa baqaqsanii yaaluu teeknooloojii 3Dn deeggarameetti akkasumas teeknooloojii hawaa madda dorgommii addunyaa ta'eetti jijjiramni guddaan addunyaarratti mudateera.
Kanaafuu sagantaa waggaa 30 dura darbaa tureerratti wantoota raagaman keessaa kan yeroo ammaa milkaa'an kam fa'i?
Wantoota waggoota kurna sadi dura raagamanii fi yaadota ogeeyyii fayyadamuun dhimmoota ijoo akkanaan qixeessineerra.
Bara 2005 intarneetiin hookkara uuma
Bara 1995 yeroo itti guddinni teeknooloojii haaraan-World Wide Web (www) lafaa ka'aa jiru ture.
Sagantaan raadiyoo Tomorrow's World jedhamu yeroo sana teeknooloojiin kun fuulduratti addunyaatti akka rakkoo fiduu malu raagee ture.
''Namoonni dureeyyiin (tujaaronni)'' fi baankonni bara 2000tti intarneetii olaantummaan akka to'atan sagantaa kanarratti raagamee ture.
Namoonni sagantaa kanarratti hirmaatan tujaaronni fi baankonni intarneetii of harka galchuun gara ''supernet'' geeddaranii carraa fayyadamasaa danagessuu akka malan raaganiiru.
Kun ammoo vaayirasii fi haakaroonni akka uumaman ka'umsa ta'uun hookkara gama intarneetiin mudatuuf sababa ta'uu mala akka raaga sagantaa kanaatti.
Kan ta'e- Interneetiin garri caalu banaa ture, daangaan irra kaa'ame hagas mara miti. Hookkarri uumames hin turre. Gochaan haakarootaa namoota hedduutti rakkoo uumuu ilaalchisee shakkii tureen alatti wanti ifaan hin turre.
Wanti sagantaan kun hin raagne yoo jiraate biyyoota hojii haakarummaan addunyaarratti beekaman kanneen akka Kooriyaa Kaabaa irrattidha.
Nageenyi saayibarii kubbaaniyyaawwan mootummaaf akkaan murteessaadha, kanneen sirna baankotaa hatuun shakkaman ammoo maallaqoota kiriptoo kanneen akka Bitcoin qabatanii as ba'an.
Asterooyidoota aduu marsanii jiranii fi caccabaawwan sibiilaa hawaa keessaa walitti qabuu
Sagantaan kun hawaa keessaa meeshaalee gati-jabeeyyii walitti qabuun indastirii akkaan bu'aa qabu akka ta'u raagee ture.
Kubbaaniyyaawwan asterooyidoota dacheetti siqanii fi aduutti marsanii jiran irraa meeshaalee gatii qaalii hojjechuu eegalaniiru.
Caccabaan sibiilaa hawaa keessa faca'ee jiru qorattoota hawaatti rakkoo guddaa uumuu akka danda'u sagantaa kana keessatti raagamee ture.
Kanaaf deebiin- wanti akka ispoonjii caccabaa sibiilaa fi dhagaa ittisu ni jiraata.
Kan ta'e- Wanti akka ispoonjii (super foam gel) hin turre, caccabaan hawaa keessaa ammoo akkaan hammaataa ture. Indastiriin hawaa keessaa meeshaalee gatii qaalii qaban oomishus hin turre- kun garuu jijjiiramuu danda'a.
Namni waa'ee egeree raagu Tom Cheesewright albuuda baasuun pilaaneetii dacheen alattillee raawwatamuu akka danda'u abdii qaba.
''Kuufama jiru bira guutummaatti ga'uun dandeettii keenyaan oli, kana gochuuf teeknooloojiin dandeessisu ammoo harka keenya jira,'' jedhe.
Wal'aansa baqaqsanii yaaluu roobootiidhaan
Sagantaan Tomorrow's World bara 2004tti hospitaalonni UK keessa jiran hundi sadarkaa raawwii wal'aansa baqaqsanii yaaluu gabateedhaan akka agarsiisan seerri ni ba'a jedhee ture.
Ogeessi baqaqsanii yaaluu fiixeerra jiru akkaan beekama, kanaafis kaffaltii guddaa argata.
Gara dhukkubsataa deemuun hagas mara barbaachisaa hin ta'u. Suuraan 3D dhukkubsataa gara isaaniitti erga ergamee booda ogeeyyiin golgaa harkaa adda ta'e ''Spacial gloves'' jedhamu fayyadamuun wal'aansa baqaqsanii yaaluu raawwatu.
Dhukkubsataa bira kan turu roobootii qofa. Roobootiin sosocho'uun ogeessa baqaqsanii yaaluu akkeessa. Waan ogeessi achii godhu asii sochiidhaan mul'isa jechuudha.
Kan ta'e- Kun akka raagametti hin raawwanne, garuu roobootiiwwan wal'aansa baqaqsanii yaaluu gargaaraa jiru.
Maashina ammayyaa mataa namaa qilleensa keessa bololi'utti dubbatu
Sagantaan raadiyoo Tommorrow's World jedhamu kun nama egeree- man of the future jechuun (eerfoonii teeknooloojii wantoota fakkeessee agarsiisuun dabaalame- VR headset godhatee), haadha manaa fi daa'imasaa waliin dhiheessee ture.
Kun Landan ammayyooftuu keessatti akka ta'u raage.
Bakka tokkotti namichi maashina namatti dubbatu- Smart Speaker keessaa mataa namaa ba'ee fuuludrasaa qilleensa keessa bololi'u arga.
Mataan kun kan dubartiiti. Isheenis erga ayyaana ''Indo Disbey'' as waggaa guuteera jettiin.
Fageenya daqiiqaa afurtama qofa fudhatu hanga Bangalore baasiidhaan imaluun ayyaana akka dabarsu itti himte.
Kan ta'e- Fageenya baayyee dheeraa ta'e yeroo akkaan gabaabduu keessatti qaqqabuun milkaa'ee argamus miirri fageenyummaasaa akkuma yeroo kaanii namatti dhagahama.
Garuu teeknooloojiin suuraa 3D, maashina namatti dubbatu fi eerfoonii teeknooloojii wantoota fakkeessee agarsiisuun dabaalame- VR headset guyyaadhaa gara guyyaatti irruma caalaa mul'ataa jira.
Chiippii irree keenya keessa awwaalameen maallaqa baankii baafachuu
Sagantaa keenya keessatti toorri waa'ee egeree baankii irratti xiyyeeffatus tureera.
Waa'ee dubartii tajaajila baankii argachuuf deemtu tokkooti. Dubartiin kun baankii keessa namni hin jiru jettee komatti. Duuba ammoo yuuroo 100 baafatti.
Baankichi erga chiippii irree ishee keessa jiru ilaalee (scan) godhee booda maallaqa kennaaf.
Kan ta'e- Sirni baankii keessatti deeggarsi teeknooloojii akkaan hojiirra ooleera. Maayikiroo chiippii qaama namaa keessa kaa'amuun kaffaltii namaaf raawwachuunis dhugaa ta'eera.
Garuu teeknooloojiiwwan biroon kanneen akka ashaaraa qubaa fi fuulaa irruma caalaa hojiirra oolaniiru.
Yaadannoo gaazexeessaa
Nama sagantaa Gardner jedhamu daawwataa tureef fuulli Monty Don haaraa miti. Waggaa 30 dura sagantaa Tomorrow's World irratti oduu dhiheessaa ture.
Sagantaasaa keessatti akkaataa lafti bosonaa Biriteen ittiin deebi'uu danda'u dhiheessa, kun ammoo bineensonni bosona galanis akka bakkatti deebi'an haala mijeessa.
Ammarra taa'ee wayita yaadasaa sanarratti duub-deebii kennu sagantaasaa ''sadarkaa yaadaatti'' akka ta'ee fi ''muuxannoo fi beekumsa ga'aa malee'' akka darbaa ture BBCtti hime.
Waan waggaa soddoma duuba ta'uuf jiru har'arra dhaabbatee wayita ilaalus, dhaloonni ammaa ''jijjiirama qilleensaa waliin jireenyisaanii akkaan hidhata godhateera,'' jedhe.
Kanaafuu bara 2055tti dhalli namaa soorata ofiisaa filatee akka oomishatu raage.
''Sagantaan Tomorrow's World dhalli namaa jijjiirama guddaa keessa akka galuu fi addunyaa akka fooyyessu kan raagu ture. Ergasii kan hubataa jirru ammoo dhalli namaa haalota akka hammeesseedha, keessattuu qilleensa naannoo. Naannoo keenya jijjiirree gara feenetti bocuuf rakkachuu haala uumamaa eegnee waliin jiraachuu qabna,'' jedha gaazexeessaa gameessi kun.
Waggaa 300 booda, 2055, ammoo addunyaan maal fakkaachuu malti?
Ogeettiin waa'ee egeree qorattu Tracey Follows yaadonni sagantaa bara 1995 irratti dhihaatan hedduun dhugaa ta'aniiru jettee yaaddi.
Garuu waa'ee guddina teeknooloojii fi miidiyaa hawaasummaa dagateera jetti.
Bara 2055 ammoo namni ''yaada sammuun walitti hidhama'', dhalli namaa fi teknoolooljiin sarvariidhaan walquunnamu jette.
Kun ammoo salphaatti yaadota wal jijjiiruuf fayyada.
Tom Cheesewright waggoota 30 itti aanan keessatti waan haaraa gurguddaa lama eega: maateeriyaal saayinsii fi baayoo injinariingii.
Meeshaaleen teeknooloojii saayinsii ammaayyaan deeggaraman (materials science) akkaan jaboo, salphaa fi haphii ta'u, kun addunyaa akkaan geeddara.
Baayoo injinariingi ammoo ammoo qajeeltoo akkaan cimaa ta'een deeggaramee yoo hojiirra oole haala dawaa ni geeddara, kun ammoo qormaata dhala namaa mudatan kanneen akka aara gubataa qilleensatti makamu, bishaan dhugaatii fi nyaataa ni fura jedhee amana.
Isin waggaa 30 booda addunyaa maal fakkaatti jettu?
Deebiin keessan waan fedheyyuu yaa ta'u, waan Pirofeesar Howking waggaa kurna sadi dura sagantaa Tomorrow's World irratti dubbate dhageeffachuun bayeessa.
''Jijjiiramoonni kunneen gariin ajaayibsiisoodha, kaan akeekkachiisa kan qabaniidha. Kan nuti amanuu qabnu garuu haalonni akka jijjiiramaniidha. Ammoo akka nuti itti eegne ta'uu dhiisuu malu.''