Hubannoon nam-tolchee (AI) hojii namaa saamaa jira jechuun falmii kaase

Hojii aartii keessatti yaadi haaraan uumamuun waan haaraa miti, garuu kan hubannoo nam-tolchee (artificial intelligence) kun waan addaati.

Jeesan M Allan dorgommii Colorado State Art Fair aartii hubannoo nam-tolcheetin dorgomee nama mo’ateedha. “Aartin du’eera,” jechuun Niwu Yoork Taayimsitti dubbate.

Aartin inni ittiin dorgommii mo’ate hubannoo nam-tolchee barreeffamoota muraasa walitti fiduun suuraa uumuu fayyadamuudhaani. Fakkeenyaaf, “astironotii farda yaabee deemu” fa’aa jechuudha.

Artistoonni hedduun hojii hubannoo nam-tolchee kanatti baay’ee aaru, Jeesan garuu yaada isaa hin jijjiiru: “Amma dubbiin dhumeera, hubannoon nam-tolchee (AI) mo’ateera. Namni mo’ameera,” jechuun Niwu Yoork Taayimsitti hime.

Artistoonni hedduun tekinolojiin hubannoo nam-tolchee kun hojii keenyatti balbala cufaa jira, ogummaa waggaa meeqa itti dadhabnee baranne gatii dhabsiisa sodaa jedhu qabu.

"Waanti kun hojii keenya barbaada, kuni farra aartistiiti,” jechuun hima Kaalnifoorniyaatti aartistii fiilmi fi geemii kan ta’e RJ Paalmar.

Hojiin hubannoo nam-tolchee waan ajaa’ibaati, garuu ammoo waanuma dhalli namaa hojjate irratti hundaa’e hojjjata.

Hojiin teekinolojii hubannoo nam-tolchee kun fakkiiwwan miliyeenaan lakkaa’aman namumti foon qabeessi kaase irratti akka leenji’u godhamee hojjata.

Imaad Mostakuu dhaabbata maddeen intarneetii irraa hubannoo nam-tolcheetin suuraawwan garaa garaa fudhatee hojjatu Stable Diffusion jedhamu nama hundeesse yoo ta’u, “suuraawwan giigaa baayitii 100,000” ta’an fudhachuudhan hojjataa.

Saffisa namaa fi hubannoo nam-tolchee

Artistoonni yeroo hunda hojii nama biraa barachuun ykn koppii gochuun waanuma jiruudha, garuu hubannoon nam-tolchee (AI) hojii artistootaa hata jechuun falma Paalmar.

Hubannoon nam-tolchee hojii nama biraa sekandii keessatti hojjata: “Artistiin tokko hojii koo koppii gochuu osoo barbaade, kan kiyya fakkeessee hojjachuuf torban tokko itti fudhachuu danda’a.

''Maashiniin kun ykn AI garuu torbanitti koppii dhibba hedduu hojjachuu danda’a,” jedha Paalmar.

Mostaakun garuu kuni waan nama yaaddessu akka hin taane dubbata. Pirojecktii hubannoo nam-tolchee Microsoft's spreadsheet software Excel wajjin wal fakkeessun falma. Akkuma Excel ogeeyyii herreega maallaqa gabaa keessaa hin baasne kunis akkasuma jedha.

Mostaakun akka jedhutti gabaan tekinolojii kanaa haalaan guddataa waan deemuf, dargaggoonni galii irraa argachuuf baay’ee isaan gargaara.

Dhaabbanni OpenAI akka jedhutti sistamni DALL-E AI isaanii biyyoota 118 irraa artistoonni 3,000 ta’an itti fayyadamaniiru.

Hubannoo nam-tolchee fayyadamuun asoosamawwan giraafikii ta’an hojjachuunis danda’ameera.

Akkaataa teekinolojiin hubannoo nam-tolchee itti hojii artistootaa fayyadame namoota tokko tokko biratti aarii uumus, dhimma seeraatiin wal qabatee rakkoon akka jiru ogeeyyin ni himu.

Yuunivarsiitii Kambirijitti daayireektara Giddu gala Intellectual Property and Information Law kan ta’an Pirofeesar Liyoneel Bantilee, “hojii nama biraa koppii godhanii itti fayyadamuun UK keessatti yakkka miti” jedhu.

Bakkeewwan hojii nama biraa hubannoo nam-tolcheetin fudhachuun yakka ta’ettiyyuu gama seeraan dhaabsisuun rakkisaa akka ta’etu himama.

Dhaabbata Design and Artists Copyright Society (DACS)'tti dursaa dambii seeraa kan taate Reemaa Seelhii hojiin teekinolojii hubannoo nam-tolchee akka ishee yaaddesse ibsiti.

Dhaabbanni DCAS suurri artistootaa gaafa fayidaarra oolu, bakka isaanii bu’uun kaffaltii sassaaba.

DACS hubannoo nam-tolcheetti fayyadamuu mormuu baattus artistoonni suurri isaanii hubannoo nam-tolcheetin hojiirra oole kaffaltii barbaachisu argachuu qabu, akkasumas abbummaan hojii isaanis kabajamuu akka qabu dubbatti Reeman.