Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hubannoon nam-tolchee(AI) kaansarii harmaa adda baasuun hakiimoota caale
Hubannoon nam-tolchee(Artificial intellegence) hakiimota caalaa dhukkuba kaansarii waraqaa maamoogiraafii irraa sirriitti dubbisuu danda'uun hakiimota caaluusaa qorannoon joornaalii Neecharii irratti ba'e mul'isa.
Gareen qorattootaa Google Health fi Imperial College London irraa walitti babba'an samuuda X-ray dubartoota 29,000 irraa fudhatameen koompiitara leenjisan.
Shallagni (algorithm) argame maammogiraafii dubbisuudhaan raadiyoolojistoota jaha akka caale agarsiisa.
Hubannoon nam-tolchee(AI) kuni hanga hakiimota lamaatis jedhameera.
Waanti namarraa adda isa taasisu immoo dadhabbii tokko malee hojjechuu danda'uusaati. Dhukkuba adda baasuu irratti foyya'insa fidas jedhameera.
Hangam gaarii dha?
Sirni tajaajila fayyaa biyyaalessaa UK, X-ray dubartii tokkoo dubbisuuf raadiyoolojistoota lama fayyadama. Yoo lamaan isaanii waliigaluu dadhaban immoo hakiimni sadaffaan akka dubbisu taasifama.
Qorannoo kanaan, samuuda hubannoo nam-tolchee kanaaf suuraa dhukkubsataa kana dura hin beeknetu kennameef.
Akka hakiimaa, seenaa dhukkubaa nama tokkoo otoo hin qabaatiin X-ray sana akka dubbisu taasifama jechuu dha.
Kanaanis hakiima tokko caalaa dhukkuba kaansarii baruu danda'eera.
Raadiyoolojistiin tokko dhukkuba kaansarii baruu irratti isa dogoggorus hir'iseera.
Doominiik Kiing Google Health irraa: ''Gareen keenyi bu'aa qorannoo argateen dhugumaan booneera, dhukkuba kaansarii sirriitti baruudhaaf meeshaa gargaaru hojjechuun danda'ama jechuu dha.''
Hakiimni tokko leenjii waggaa kudhanii ol fudhateetu raadiyolojistii tahee X-ray dubbisuu kan danda'a ture.
X-ray dubbisuun kan yeroo fudhatu haa tahuyyuu malee barabaachisaa dha.
Hubannoon namni tolchee nama bakka bu'aa?
Lakki. Namootatu hubannoo nam-tolchee hojjetee, leenjisa.
Kuni qorannoo dha, hanga yoonaa. kiliinika keessatti hojii akka hojjetu illee hin taasifamne
Yeroo hojii jalqabullee raadiyoolojistiin tokko itti gaafatamummaa ni fudhata.
Haa tahu malee ba'aa hojii hakiimotarraa jiruufi isa sirrii tahuu X-ray tokko baruuf hakiima lama gaafatu hri'isa.
Dhukkuba adda baasuufillee herreega kompiitaraa fayyadamuun sakandii keessatti baruun danda'ama jechuu dha.
Saaraa Haayoom dhimma hubannoo nam-tolchee kan hojjettu yoo tahu,''kuni bu'aa qorannoo abdii namatti horu dha.
Fuulduratti dhibee dhukkubsataa sirriitti baruufi ba'aa irraa hir'isuuf gargaara,'' jedhaniiru.