Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hubannoo Nam-tolchee (AI): Roobootiin abukaatummaa dhaabbatee akka isinii falmu ni hayyamtuu?
Abukaatoon keessan egeree tarii roobootii ta'uu danda'aa?
Waan ta'uu hin dandeenye fakkaachuu mala garuu sirnoonni moosaajii 'Artificial Intelligence' ykn hubannoo nam-tolchee fayyadaman, sagantaaleen kompiyutaraa ofiin of haaromsanii fi ofiin yaaduu danda'an hojii seeraa keessatti tajaajilarra oolfamaa jiru.
Jooshuwaa Biroowdar appii isaa 'DoNotPay' jedhamu "roobootii abukaatoo addunyaa isa jalqabaa" ittiin jedheera.
Fayyadamtoonni xalayaa seeraa akka wixineessan gargaara. Rakkoon keessan maal akka ta'e karaa 'chatbot' ykn ergaa gabaabaa itti himattu. Jechoota seeraa akkamii fayyadamuu akka qabdan gorsa isinii kenna.
"Namoonni falmii karaa isaanii jechoota fedhaniin barreessu, moosaajichi karaa seera qabeessa akkamiin jechuu akka qaban itti hima," jedha.
Dargageessi ganna 24 kuni fi kaampanii isaa Kaalifoorniyaa Silikan Vaalii keessa buufate. Kaampaniin kuni bara 2015 Landan keessatti wayita Jooshuwaan ganna 18 ture hundaa'e.
"Hanga waggaa 20 guutuutti sirriitti konkolaachisuu hin danda'u ture," jedha. "Yeroo hedduu tikeettiin adabbii natti kennama - barataa sadarkaa lammaffaa waanan tureef kaffaluu hin danda'u ture," jedha.
Yaalii fi qorannoo hedduu booda fala argate. "Waan jettu sirrii ta'e yoo qabaatte, tikeettiin sitti hin kennamu, yeroo kees maallaqas qusachuu dandeessa."
Yeroo hunda xalayaadhuma tokko irra deddeebi'uurra, osoo moosaajiin hojjetamee jedhee yaade. Kanarraa ka'uun bara 2015 appii 'DoNotPay' kana kalaqe.
Wayita ammaa appiin kun UK fi US keessatti fayyadamtoota horatee, namoonni hedduun xalayaawwan seeraa dhimmoota adda addaa irratti barreessuuf itti fayyadamu.
Dhimma inshuraansii, iyyannoo viizaa, ol-iyyannoo daldalaa fi aanga'otaaf barraa'uufi kaanis.
'DoNotPay' wayita ammaa namoota kaffalanii fayyadaman 150,000 horateera. Namoonni gorsi seeraa appiin kun kennuu dogoggora qaba jedhan jiraatanillee, bara darbe tajaajila seeraa dhaqqabamaa gochuun badhaasa argateera.
Abukaatonni roobotonni hojii isaanii jalaa fudhachuutti waan mufatan sitti fakkaachuu mala. Garuu inumaa gariin isaanii gammadoodha, moosaajiin hojii baay'ee yeroo dheeraa fudhatu yeroo gabaabaatti akka hojjetan isaan gargaara.
Ogeessi seeraa tokko Saalii Hoobsan - kan dhaabbata seeraa yakkoota irratti hojjetu qabdudha. Yeroo dhiyoo yakka ajjeechaa wal-xaxaa irratti AI fayyadamteetti. Dhimmichi yeroo gabaabaa keesatti dookumantiiwwan 10,000 ol xiinxaluu kan gaafatu ture.
Moosaajiin hojichi osoo namaan hojjetamee yeroo fudhachuu malu torbee afur dursuun xumure, kanaanis paawundii 50,000 qusateera.
Ogeeyyiin seeraa deeggarsaaf AI fayyadaman yeroo gara yerootti dabalaa jiru.
Biyyoota 55 keessatti dhaabbileen seeraa 300 ol kan afaanota gara garaa 80n hojjetan AI fayyadamu.
AI ogeeyyii seeraa dookumantiiwwan xiinxaluun deeggaruu qofa osoo hin, dhimma isaanii sirnaan akka caaseffatan akkasumas adeemsa seeraa sirrii hordofuu qaban agarsiisa.
Loorans Liibarmaan Landanitti dhaabbata seeraa Teeyilar Weesiingi jedhamu hoggana. Moosaajii Israa'eeliin hojjetame 'Litigate' jedhamu fayyadama.
"Guduunfaa dhimma kee fi himannaa kee itti galchita, dhimmicha keessaa eenyu eenyu akka qooda qaban adda baasee, maaltu akka uumame taateewwan hunda xiinxalee yeroo isaa waliin siif kenna."
Moosaajiin biraa TAX-I jedhamu ammoo murtiiwwan ol-iyyannoo gibiraa irratti amma dura kennaman xiinxaluun, ol-iyyannaan kee bu'aa akkamii fiduu akka danda'u hima.
Dhibbeentaa 70 bu'aan isaa sirrii ta'uu kanneen moosaajichatti fayyadaman ni himu.
AI ykn hubannoon nam-tolchee xalayaa seeraa barreessuu, ragaalee xiinxaluu fi hojilee kaaniin ogeeyyii seeraa deeggaruu bira darbanii guutummaatti ogeeyyii seeraa bakka bu'uu danda'uu?
Ogeeyyii hedduun sanarraa fagoo jirra, ittuu hin dhiyaanne jedhu.
Pirofeesar Riichaard Saskiind kan walitti qabaa garee gorsitoota AI jaarmayaa 'Lord Chief Justice' biyya Ingilaand ta'an garuu hin danda'amu hin jedhan.
Pirofeesar Richaard baroota 1980 keessa yaada 'abbaa seeraa kompiyuutaraa' jedhu hin fudhatu ture, amma sodaa irraa hin qabu.
Koronaavaayirasiin durayyuu Biraaziil galmeewwan miliyoona 100 ol qabdi turte, carraan ittiin abbootiin seeraa dhimma namoota kanaa ilaalanii murtee itti kennanii fixan hin jiru jedha.
Kanaaf yoo sirnoonni AI bu'aa mana murtee (fakkeenyaaf dhibbeentaa 95) sirriin tilmaamuu danda'an, tilmaama kana akka murtiitti fudhachuu itti yaaduu qabna jedhu.
Keessumaayyuu biyyoota kuufama galmee olaanaa qabaniif AI furmaata gaarii ta'uu akka danda'u akeeku.