Lammiileen Itoophiyaa Puuntlaand jiran humnaan biyyatti deebifamaa jiraachuu himatan

Lammiilee Itoophiyaa Puuntilaandi jiran humnaan biyyatti nu deebisaa jiru jedhan

Madda suuraa, Abdii

Lammiilen Itoophiyaa Puuntlaan magaala garaa garaa keessa jiran haleellaa garaa garaaf saaxilamuufi humnaan biyyatti deebifamaa jiraachuu himatu.

Namni naannoo Oromiyaa, Baalerraa gara Puuntlaand magaala Garowwee keessa jiraatu BBCtti akka himetti, torbee kana gaafa Amajjii 25 kaasee laammilee Itoophiyaa irratti xiyyeeffatamuun saamichi, reebichifi hidhaan gaggeeffamaa jira.

Haleellaa lammiilee Itoophiyaarratti xiyyeeffate kanaaf sababni ammoo lammiilee Itoophiyaa keessaa kanneen gareewwan akka ISIS waliin hiriiranii mootummaa lolaan akka jiran mootummaan ibsuu hordofee ta'uu ibsa jiraatan kun.

"Dheengadda gaafa [Amajjii] 25 mootummaan biyya kanaa seera wayii baase. Seerri inni baase, ijoollen Oromoo ykn Itoophiyaarraa dhufte namni tokko tokko shorokeessaa biyya kana keessa jiru keessatti hirmaattannii jirtani.

"Nama waraqaa [kan baqatummaa] qabuufi kan hin qabnellee ammarraa kaafnee to'achuu jalqabna jedhee mootummaan seera baafnan, uummanni nutti duule," jechuun haleellan lammiilee Itoophiyaarra gajaa jiru dhalattoota achiitin ta'uu BBCti hime.

Lammiilen Itoophiyaa bulchiinsa Somaaliyaa kan taate Puuntlaand keessa jiraatan kun akka himanitti haleellan kun namoota waraqaa baqattummaa qabanis ta'ee kanneen hin qabne hundumaarratti kan xiyyeeffateedha.

"Namuu bakkuma itti dhiyaatuu nama waa dalagatu qabee saamun mootummaatti kenna," jechuun namoonni heddu humnaan fe'amanii biyyatti deebifamaa akka jiran hima.

"Nama waraqaa UN qabus, kan hin qabnes adda hin baasne, namuma magaala keessa jiru walumatti haranii nama 400 har'a oofan," jechuun konkolaatota Itoophiyaarraa muuzii fe'anii fidaniin akka fe'anii magaala Garowwee keessaa akka baasan hima.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Lammiin Itoophiyaa waggoota 15 oliif Puuntaand magaala Bosaasoo keessa jiraachuu himan BBCtti akka himanitti, lammiilen Itoophiyaa garee ISIS keessatti argaman oduun jedhu dhagahamuu hordoffee haleellaf saaxilamuu dubbatu.

Namni lammii Itoophiyaa ta'e garee ISIS waliin ta'uun loltoota mootummaa osoo loluu du'ee argame kan jedhuun dhalattoonni naaannichaa dheekkamanii lammiilee Itoopihyaarratti haleellaa gaggeessuu himu namni BBCn dubbise kun.

Gareen Daa'ish ykn ISIS loltoota mootummaa wajjin lola gaggeesserratti reeffi lammii Itoophiyaa argame jedhamuu kan himan jiraatan magaala Bosaasoo kun, "Kanarraa kan ka'e uummanni [dhalattoonni Puuntlaand] uummanni kun nu keessaa bahuu qaba jedhee haleellaa guddaa [lammiilee Itoophiyaarratti] geessisan" jedhu.

Puuntlaand keessa lammiilen biyyoota garaa garaa jiraatanis, lammiilee biyya biraa keessaa kan Itoophiyaa lakkoofsan guddaa akka ta'e himu jiraatan kun.

Taaten guyyootan dura magaala Bosaasoo keessatti ta'e ammoo lammiilee haleellan akka hammaatu taasisuu kaasu.

"Dhiyoo kana namni lammii Yamanii ta'e tokko halkan magaala Bosaasoo keessatti isaa boombii awwaaluu waraanni argee isas ajjeessee meeshaa inni awwaalutti jirus dhoose. Achirraa eegale waanni kun [lammiilee biyya biraa irratti xiyyeeffachuun]," jedhu.

Lammiilee Itoophiyaa Somaaliyaa, bulchiinsa Puuntilaand keessa jiran BBCtti akka himanitti, namoonni heddu sababa garaa garaan achi jiraatu.

Kanneen baqannaan achi jiraataniifi waraqaa UN qabanis akkuma jiran kanneen waraqaa osoo hin qabaatin seera ala jiraatanis akkasuma.

Haleellan amma lammiilee Itoophiyaarratti gaggeeffamu osoo gargar hin baasin akka ta'e dubbatu lammiin Itoophiyaa waggaa 15 oliif Bosaasoo keessa jiraatan.

"Waraqaan Afaan Oromoon barraa'e nama du'e [miseensa ISIS] sana keessatti argame," oduun jedhu jiraachuu kan himan lammiin Itoophiyaa kun "nama keenya roorroo guddaan kan itti jirtu mootummaarraa osoo hin taane hawaasa [dhalattoota achii] kan amma rakkoo guddoo ta'e" jedhu.

Dargaggoonni dhiiraa dubaraan bahanii lammiilee Itoophiyaa saamuu, reebufi waan harkaa qaban irraa fudhachuun akka biyyaa bahan itti roorrisaa jiraachus BBCtti himan.

Haleellan lammiilee Itoophiyaarratti xiyyeeffate akka dhaabatuuf jaarsolii biyyaafi aangawoota mootummaa qunnamuun mariyachuu kan himan jiraatan kun.

"Uummanni humna keenya ol ta'ee aaridhaan bahe, nutis qabbaneessuf yaalaa jirra," kan jedhu deebii qaama mootummaarraa argachuus himan.

Yeroo ammaa lammiilen Itoophiyaa 400 ta'an mana hidhaa magaala Bosaasoo keessa akka jiraniifi namni tokko ammoo du'uu odeeffannoon akka isaan gahe kan himan jiraatan magalaattii kun sababa du'a lammii Itoophiyaa kana sababa nageenyaf gadi bahanii adda baasuf akka hin dandeenye himan.

Haleellaafi humnaan biyyatti deebifamaa jiraachuu lammiilen Itoophiyaa himatan kana ilaalchisee qondaalota Puuntilaand dubbisneera.

Aanga'oonni Puntilaand lammileen biyya biraarraa dhufan, keessumaa warra seeraan ala achi jiraatan irratti tarkaanfii fudhatamaa jiru kana dhimma nageenyaa waliin walqabsiisu.

Bulchaan Naannoo Barii Abdirisaaq Alii Shaardon BBC Afaan Somaaleetti yoo dubbtan Puntilaand shororkeessitoota biyyoota gara garaarraa dhufaniin weeraramteetti jedhan.

Lammilee biyya alaa seeraan ala Pultilaand keessa jiran adda baasaa jiraachuu kan himan bulchaan naannoo Barii kun, lammileen biyya biroo sanada seeraa qaban akka gadhiifaman, kanneen seeraan ala ta'an ammoo gara biyyasaaniitti akka ari'aman dubbatan.

BBC

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.