Somaaliiland kan biyya ta'uuf barbaaddu jaalala Doonaald Tiraampiin qabamte

Shamarran Somaalilaand

Madda suuraa, AFP

Ummanni Somaalilaand hedduun, bulchiinsa pirezidantii haaraa Ameerikaan Donaald Tiraamp aangoo qabachuuf jiru jalatti, Rippabiliika of dandeessuu beekamtiin addunyaa kennameef kan jalqabaa ta'uuf qophaa'uushee of amansiisaniiru.

Naannoon kun waggoota 33 dura erga Somaaliyaa waraana biyya keessaatti galteen booda walabummaa labsatte. Ergasiin booda karaa hedduudhaan akka bulchiinsa ofiin of bulchiituu ta'ee hojjechaa jira.

"Doonaald baraaraa keenya. Nama ogeessaa fi qabatamaan hojiirra oolchuudha. Waaqayyo Ameerikaa haa eebbisu," jetti barattuun yunivarsiitii Ayishaa Ismaa'el, sagalee ishee abdiin guutameen.

Isheen magaalaa guddoo Somaaliilaand Haargeessaa kan magaalaa Moqaadishoo irraa gara kaabaatti kiilomeetira 850 (530 miles) fagaattee argamtu fi teessoo mootummaa Somaaliyaa irraa gabaaftuu BBC Meerii Harpariitti dubbatte.

Warra Moqaadishoo jiraniif ammoo Somaalilaandiin kutaa Somaaliyaa hin qoodamnedha.

''Donaald Tiraamp Somaaliland maal akka taate akka beeku nan shakka, eessa akka jirtu gonkumaa hin yaadu,'' jedha Moqaadishootti xiinxalaan daataa kan ta'e Abdi Mohammud sagaleensaa kirkiiruun.

"Ani ibiddan tufaa jira." Innis sababii wanti Aadde Ismaa'el eegaa jirtu yoo xiqqaate yeroo dheeraa keessatti kan dhugoomuu danda'u waan hin qabneef baay'ee aareera.

Rippabilikaanonni humna guddaa qabanii fi dhiibbaa guddaa taasisuu danda'an, miseensi Kongiresii Iskoott Peeriin kan ji'a darbe wixinee seeraa Ameerikaan Somaalilaandiif beekamtii sirnaa akka kennitu yaada dhiheesse dabalatee, waanuma walfakkaatuuf dhiibbaa taasisaa jiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kunis maxxansa Pirojaktii 2025 Ebla 2023,roodmaappii pirezidaantummaa Tiraamp lammaffaa irratti Faawundeeshinii Hambaalee leelliiftoota raayiti- Wiingiin fi dhaabbilee konsarvaatiivii biroo 100 ol ta'aniin qindaa'e hordofeeti.

Sanadni kunis daangaalee Afrikaa Sahaaraa gadii keessatti argaman lama, Somaalilaandii fi Jibuutii, qofa kan eeree yoo ta'u, "Somaalilaandiif akka biyyaatti beekkamtii kennuu, Ameerikaa kan Jibuutii keessatti to'annoonshee gadi bu'aa dhufeef akka ittisaatti" yaada dhiheessa.

Kanaanis sanada fuula 900 ol qabu irratti kutaa biyyoota Afriikaa Saaraan gadi ilaalatu fuula lama qofaa ta'unsaa, eddoon ardittiif kennamu baayyee gadaanaa akka ta'e kan agarsiisuudha.

Ta'us bulchiinsi dhufu haala Biluupirintii kana itti fayyadama ni fayyadama jechuudhaaf wabiin kan hin jirree yoo ta'u yaadni muraasnis Tiraamp dursee kuffisuunsaa ibsameera.

Ta'us wanti tokko ifaadha. Ameerikaan ejjannoo Somaaliilaand irratti qabdu jijjiruu eegalteetti. Kanaa dura imaalata ''Somaaliyaa tokko'' jechuun Moqaadishoo irratti xiyyeeffatee dhiisaa jiraachu agarsiiftuudha.

Ameerikaan shororrkeessitootan waraana jechuun Somaaliyaa keessatti baroota 1990mota haleellaawwan garaagaraa raawwachuun hedduun ajjeeffamaniiru.

Yeroo sanattis hidhattoonni Somaaliyaa hilikoptara Ameerikaa tokko kuffisuudhaan reeffa loltoota Ameerikaa 18 daandiiwwwan Moqaadishoo irra harkisuun saanii ni yaadatama.

Lolli sunis "Black Hawk Down" jedhamuun kan beekamu yoo ta'u, erga waraana Veetnaamiin booda lubbuu lammiilee Ameerikaa itti badee isa hamaa ture.

''Ameerikaan yoo Somaaliilaandiif beekkamtii kennite, walabummaa Somaaliyaa faalleessuun alattis haalla balaafamaa qaxanicha tasgabbii dhabiinsa keessa galchuudha'' kan jedhan Deetaan Ministira Dhimma Alaa Somaaliyaa, Alii Mahaamad Omaar BBCtti yoo dubbatan.

Gamtaan Afriikaafi humnootiin idil-addunyaa biraa dhimma walabummaa daangaa kabachiisuu kan dursa kennaniifiidha.

Looltoota Somaaliilaand

Madda suuraa, Getty Images

Somaaliilaandiif beekkamtii kennuun dhimma foxxoqtoota addunyaarratti beekkamtii argachuuf barbaadan deebii'ee akka kaka'u akka taasisu himu.

Loltoonni Ameerikaa deeggarsaa Al-qaa'idaa kan ta'e AL-Shabaabiin waraanan irra caalaan barra bulchiinsa Tiraamp duraatti Somaaliyaa keessaa kan baafaman yoo ta'u, bara aangoosaanii lammataa kanatti ammoo kun deebii'ee raawwatamu danda'a jechuun ministtiri kun yaaddoo saanii kaasaniiru.

Bara bulchiinsa pirezidantii amma aangoo gadi dhiisuuf deeman joo Baayidaniitti, loltoonni Ameriikaa gara 500 ta'an Somaaliyaa keessa qubataniiru.

Loltoonni kunneenis waraana addaa Somaaliyaa 'Danab' jechuunis 'Bakakkaa' jedhamu leenjiisaniiru. Waraanni kunis waraanaa idilee biyyattii caalaa Al-Shabaabiin waraanuudhaan milkaa'aadha jedhameera.

Ameerikaanotii kibba lixa Mooqaadishootti kan argamu Baaleedogleetti buufata waraanaa kan qaban yoo ta'u, eddoowwan buufata Al-shabaab bakkeewwan jedhan irratti haleellaa qilleensaa walitti fufaa raawwatu.

''Loltoonni yoo bahan qaawa nageenyaa olaanaa uuma. Al-shabaab gareewwan jajabeessuun Somaaliiyaa qofaa osoo hin taane, tasgabbii Gaanfa Afriikaas balaarra buusa'' jedhu Obbo Omaar.

Dubbiin ministirichaa haala walfakkaatuun kan madaalamu ta'us deebii Somaaliyaan waliigaltee Somaalilaandii fi Itoophiyaa gidduutti yoo Somaaliilaand Itoophiyaaf ulaa galaanaa kennite Itoophiyaa ammoo beekamtiin akka kennituuf himamee ture.

Somaaliyaan dhimma sanarratti aariuudhaan dhimmicha gara Dhabbata Biyyoota Gamtoomaniitti geessuun ishee ni yaadatama. .

Halkan galgala sanaa lammiilee Somaalee yaada falmisiisaa kana irratti hirriba rafuu hin dandeenye jedhee bilbila naaf bilbilame jedhu aanga'aan kun.

Doonaald Tiraamp

Madda suuraa, AFP

Ministirri Naannoo Somaaliyaa yeroo sanaa kan turan Adeen Ibraahim Aw Hirsi yeroo sanatti akkas jedhanii ture: "Yeroo hunda gabaasa keessan keessatti waa'ee 'haleellaa siyaasa boombiitu' jira."

"Namoonni as jiran waa'ee kirkira lafaa siyaasaa dubbachaa jiru. Kun sana caalaa hamaadha. Sunaamiidha."

Amma Somaaliyaan walitti dhufeenyi bulchiinsa Tiraamp waliin sababii ishee yaaddeessef, garee amansiisuu (lobbying) Waashingitaniitti mindeessitee jirti.

Dhaabbata Waashingitaniitti argamu 'BGR Gruop' jedhamu waggaatti doolaara 600,000 kanfaluuf waliigalte jirti.

Baatii darbe Ameerikaan murtee Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii humna gidduu seensaa Gamtaa Afrikaa yeroo dhiyootti Somaaliyaa keessatti hojii eegalu maallaqaan gargaaruuf baase irratti sagalee kennuu irraa of qusatteetti.

Arkiteektiin ijoo yaada Rippabilikaan Afrikaa, keessattuu dhimma Somaalee iratti xinxala kennuun kan maqaansaa ka'u, Joshuuwaa Meservey, gamasaanitiin ''dhimmi Somaaliilaand kan qalbii Ameerikaa hawwatuudha'' jedhan.

''Dhimmi Somaaleelaandiif jecha Ameerikaatiin baayyee dirqisiisaadha,'' jechuun falma. "Tiraampiif qabatamaadhaan dantaa biyyaalessaa Ameerikaatif waan gaarii ta'us, gaaffiin beekamtii kennuu irratti mari'achuun isaa hin oolu jedheen yaada."

"Dhimmi beekkamtii kennuu mariiwwan irratti akka ka'u nan beeka'' jechan.

Tibba bulchiinsa Tiraamp duraa keessatti,Barreessaa ittaanaa dhimmoota Afriikaa fi Itoophiyaatti Ambaasaadara ta'un kan tajaajilan Tiiboor Naash fi ergamaan addaa Afriikaa Piitar Faam kanneen Walabumaa Somaaliilaandi leelliisan keessaayi.

Akkuma riippablikaanoota baayyeetti,Ministirri Dhimma ALaa Somaaliilaand Amduurhimaan Daahiir Adan gamasanitii walitti dhufeenya Ameerikaa waliin qaban kallattii biyyasaanitiif faayidaa qabaatuun ilaalu.

''Waliigaltihchi nuuf gaarii yoo ta'e ni fudhanna. Ameerikaan buufata waraanaa kan barbaaddu yoo ta'e ni kenniinaaf'' jedhan.

BBC

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.