'Beekamtii argachuuf kan dandeenyu ni goona garuu isaaf jecha si'ol hin gallu'

Madda suuraa, MFA Somlailand
Ministirri Dhimma Alaa Somaaliilaand haaraan, waliigaltee walhubannoo Itoophiyaafi bulchiinsi isaanii taasisan ''wantoota ifa hin taane sababii qabuufan mormee'' jedhan.
Ministirri Dhimma Alaa Somaaliilaand, Obbo Abdiiraahimaan Daahiin Adan, beekkamtii argachuuf waan dandeenyu hunda ni raawwanna ''garuu ammoo beekkamtii argachuuf jecha gara si'olitti hin imallu. Ummata keenyas hin miinu'' jedhan.
Aangaa'aan kun haasaa Dilbata kaleessaa Amajjii 5, 2024 paarlaamaa irratti gaaffii koree dhimmoota alaatiin dhiyaateef deebii wayita kennanitti, waliigaltee Itoophiyaafi Somaaliilaand taasisanirratti dhimmoonni ifa hin taane sababii jiraniif jecha akka morman dubbata.
Waliigaltee walhubannoo Itoophiyaan akka ulaa galaanaa argattuufi isaan booda ammoo Itoophiyaa Somaaliilaandiif beekkamtii akka kenniitu taasisa jedhames Amajji 1, 2024 mallatteeffame.
Waliigalticha kan mallatteessan pirezidantiin duraanii Somaaliilaand Muusee Biihii fi mootummaan Itoophiyaa ''waliigalticha ilaalchisee kan dubbatan kan wal hin simneedha'' jechuun waliigaltichi iftoominni akka hir'atu kaasuu Abdiiraahmaan Daahiir Adar.
Ministirichi waliigalticha mormaa akka turan kaasuun, ''Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuudhaaf, dhimmi beekamtii kan isaan booda itti yaadnudha jedhu. Bakkeen Somaaliilaandiif beekkamtii ni kennina itti jedhame hin jiru'' jechuun paarlaamaa irratti dubbatan.
Itoophiyaan Somaaliilaand kan walabummaashee labsiite garuu ammoo beekkamtii idil-addunyaa hin argatii waliin ulaa galaanaa dheerina kiloomeetira 20 haguuguu argachuuf waliigaltee mallatteessuun ni yaadatama.
Deebii kanaatiif ammoo Itoophiyaan Somaaliilaandiif beekamtii kennuu, akkasumas dhaabbilee misoomaa Itoophiyaa keessaa gahee ni qabaatti jedhamee ture.
Itoophoyaanis ulaa galaanaa sanarratti humna galaanaa akka hundeessituufi Somaaleelaandiif beekkamtii ni kenniti jedhamu hordofee Somaaliyaan kan Somaaliilaand akka qaama bulchiinsa isheetti lakkooftu dhimmicha gara mana maree nageenya Biyyoota Gamtoomaniitti geessuunshee ni yaadatama.
Bulchiinsa waliigalticha Ministira Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waliin waliigaltee mallatteesse bakka kan bu'ee ministirri dhimma alaa bulchiinsi haaraa, paaraalaafi waajirri alaa biyyatti waliigalticha sakkata'uu qaba jedhan.
Somaaliilaand filannoo pirezidantii jahaffaa gaggeessiteen dursaan paartii mormitii, Waadaanii kan morkataa pirezidanti Muusee Biihii kan ta'an , Abdurhimaan Mohaammad Abdullaahii (Iroo)n injifachuunsaanii ni yaadatama.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii biyyummaa argachuuf wagga 33f gaafachaa kan jiru Somaaliilaand, beekamtii kana argacuuf ammas bakka olaanaa kan kennitu ta'uu ministirri kun paarlaamaarratti dubbataniiru.
Haata'u malee, beekamtiif jecha "wanta biyya keenya miidhaa keessa galchu keessa hin seennu," jechuun ibsan.
"Beekamtiif jechu waan hunda ni goona garuu beekamtiif jecha gara si'olitti hin qajeellu, akkasumas ummata keenya hin balleessinu. Beekamtichi faayidaa Somaaliilaandiifi kan biyyattii [ishee beekamtii kennituu] bifa wal sismsiiseen ta'uu qaba," jechuun cimsanii dubbatan ministirri kun.
"Beekamtii isiniif kennineera jechuudhaaf biyya keenya biyya biraatti gurguruu, akkasumas qabeenya keenyaafi lubbuu keenya kanneen biro akka to'atan gochuun waan hiika hin qabnedha," jedhan itti dabaluun.
Biyyi beekamtii akka biyya of dandeessuutti beekamtii kenneef jiraachuu baatu, wantota biyya tokkoof barbaachisan hunda kan guuttu Somaaliilaand, waggoota 30 darban filannoowwan Afrikaa keessatti dimokiraatawaa ta'uun eeraman kan gaggeeffatteefi Gaanfa Afrikaa keessatti tasgabbooftuu kan taatedha.
Filannoon dhiyeenya kana gaggeeffattes paartiin mormituu mo'achuufi ce'umsi aangoollee bifan aga qabeessaan taasifamuu hrdofee Embaasiin Ameerikaa "seenaan filannoo Somaaliilaand ajaa'ibaa, akkasumas karaa nagaatiin aangoo waliif dabarsuun naannicharrayyu darbee fakkeenyadha," jechuun dinqisiifatee akka ture ni yaadatama.
Namoonni siyaasaashee waggootaaf biyyisaanii akka beekamtii argattuuf hojjechaa kan jiran ta'ullee, ministirri dhimma alaa haaraa "wanta ummata keenya miidhu hin fudhannu" jedhan.
"Ummanni keenya badhaadhuu qaba. Dinagdee keenya fooyyeessuu qabna. Maqaa bekamtiidhaan roorroo hin fudhannu. Biyyi kamiyyu taanaan kana fudhadhee beekamtii siifan kenna wanti jedhamu hin jiru. Beekamtii kan kennu Waaqadha, yeroosaati ni dhufa," jedhaniiru.
Ulaa galaanaa kan hin qabne Itoophiyaan fedhii ulaa galaanaa argachuuf
Carraaqxuun bara darbe Somaaliilaand waliin waliigaltee taasifterratti dabalataan Somaaliyaa waliin ulaa gara galaanaatti ittiin darbitu amansiisaafi waara'aa ta'e argacuuf waliigaltee dandeessisudha dandeessisudha kan jedhame Ankaaraatti mallatteessiteetti.
Kanaanis, birmadummaa biyyaa mootummaa Somalaiyaa jalatti Itoophiyaan karaa ittiin gara galaanaatti ittiin dabartu nageenyi isaa eegameefi walitti fufiinsa qabaatu akka argattu waliigaltee dandeessisurra kan gahan biyoonni lamaan, kan hojiitti hiikuudhaaf ammoo yeroo dhiyoo keessatti waliigaltee kan waliif mallatteessan ta'uun ibsameera. kana hojiirra
Waliigaltee Somaaliyaafi Itoophiyaa gidduutti taasifamerratti, akkasumas isaan booda kan Somaaliilaand waliin kan taasifamerratti gama biyyoota lamaaniin hanga ammaatti ifatti wanti jedhame hin jiru.
Waliigaltee kana hordofee ministirri beeksisaa Somaaliyaa Daawud Aweeyis sanadiin waliigaltee Itoophiyaafi Somaaliyaan waliif mallatteessan "guutummaan guuuutti kufaa ta'eera"jedhanillee sanada Ankaaraarrattis ta'e karaa hoggantootaatiin wanti kana akeeku hin eeramne.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook gubbaa hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












