Itoophiyaa fi Somaaliyaan ergama haaraa Gamtaa Afrikaarratti 'wal tumsuuf' waliigalan

Madda suuraa, MFA Ethiopia
Itoophiyaafi Somaaliyaan ergama haaraa Gamtaa Afrikaa (AUSSOM) eegaleerratti ''wal tumsuuf waliigaluu'' Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibse.
Jilli olaanaa Itoophiyaa Ministira Ittisaa Injinar Ayishaa Mohaammadin durfamu guyyaa Kamisaa Moqadiishootti imalee aangawoota Somaaliyaa waliin mari'ateera.
Kaayyoo ijoo daawwannaa jila Itoophiyaa keessaa tokko ergama haaraa Gamtaa Afrikaa jalatti waa'ee egeree waraana Itoophiyaa mari'achuu akka ta'e gabaafamee ture.
Biyyoonni lamaan hariiroo isaanii cimsuuf walii galuu isaanii Itoophiyaan ibsiteetti.
Ergamni haaraa, Ergama Gamtaa Afrikaa Tasgabbii fi Deeggarsa Somaaliyaa (AUSSOM) Amajjii, 1, 2025 eegalee hojii eegaleera.
Jilli Itoophiyaatii imale Pirezidantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud waliin ''marii milkaa'aa'' taasisuu gabaafameera.
Akkasumas ergaa MM Abiy Ahimadirraa Pirezidantii Somaaliyaaf ergame geessuu miidiyaan biyyaalessaa Itoophiyaa gabaaseera.
Jilli aangawoota olaanoo mootummaa Somaaliyaa biraa dhihoo gara Finfinneetti akka imalu miidiyaaleen mootummaa Itoophiyaa ibsaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Itoophiyaan waliigaltee ulaa galaanaa Somaalilaand waliin mallatteessite yoo haqxe malee loltoota kanneen akka baaftu Somaaliyaan dhaadachaa turte.
Muddama waggaa tokko booda dhihoo jaarsummaa Turkiin erga araaraman booda garuu biyyoonni lamaan hariiroo isaanii fooyyessaa jiru.
Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Somaaliyaatti ergama haaraaf torban darbe eeyyama kenneera.
Itoophiyaan waliigalamuun ibsamuu malee waraana hangamii akka hirmaachistus ta'e dhimmoota dabalataarratti wanti ifatti dubbatame hin jiru.
Gama mootummaa Somaaliyaa ammatti wanti jedhamee hin jiru.
Itoophiyaan ergama Gamtaa Afrikaa jalattis akkasumas waliigaltee biyyoota lamaan loltoota 10,000 ta'an Somaaliyaa keessaa qabdi.
Kunneen, hidhattoota al-Shabaab loluuf kanneen bobba'anidha.
Jilli Ministir Di'eetaa Ministeera Dhimma Alaa Somaaliyaa Ali Mohaammad Omaariin hoogganamu gara Itoophiyaa imaluun akkaataa waliigaltee kana cimsanirratti mari'ateera.
Eegasiiti jilli Itoophiyaa Injinar Ayishaan hoogganamu gara Somaaliyaa kan imale.
Aangawwoonni Itoophiyaa mariin Mootummaa Federaalaa Somaaliyaa waliin Moqadiishuutti taasifame marii kana dura taasifameerra itti aane ta'uu ibsan.
Ministir Di'eetaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Obbo Misgaanuu Argaa mariin kuni ''jijjiirama abdachiisaa'' hariiroo biyyoota lamaanii gidduu jiruurratti xiyyeeffate.
''Mariin kuni abdachiisaadha. Somaaliyaafi naannicha keessatti nagaafi tasgabbii jajjabeessuuf kutannoo qabnu hubachiifne,'' jedhan.












