Jilli Somaaliyaa qondaalota Itoophiyaa waliin Finfinneetti maal mari'ate?

Gidduu kan jiran lamaan Ambaasaaddar Alii Mohammad Omaar (bitaa) fi Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa (mirgarraan)

Madda suuraa, FBC

Ibsa waa'ee suuraa, Gidduu kan jiran lamaan Ambaasaaddar Alii Mohammad Omaar (bitaa) fi Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa (mirgarraan)

Erga waliigalteen Ankaaraa Somaaliyaa fi Itoophiyaa gidduutti mallattaa'ee mariin sadarkaa qondaaltota mootummaa olaanoo biyyoota lamaaniitti kan jalqabaa ta'e Finfinneetti gaggeeffameera.

Jilli Ministeera Dhimma Alaa Somaaliyaa jalatti hoogganamu gara Finfinnee wayita imaletti akkaataa waliigaltee Ankaaraa gara hojiitti galchuun danda'amuu fi hariiroo biyyoota lameenuu cimsuun danda'amurratti xiyyeeffachuun gitasaanii gama Itoophiyaan jiran waliin mari'ataniiru.

Gareen lameenuu ''waliigaltee seena qabeessa'' Anakaaraa booda hariiroosaanii haaressuuf dhimmoota irratti xiyyeeffatanii hojjechuu qabanirratti waliigalaniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa Itoophiyaan waliigaltee Ankaaraa hojiirra oolchuuf qophii guutuu qabaachuu ibsan.

''Kanatti aansuun waliigaltee Ankaraa akkamiin hojiirra oolchina kan jedhurratti dubbanneerra. Waliigalticha guutummaatti hojiitti hiikuu fi marii itti aansee gaggeeffamuufis Itoophiyaan qophii guutuu qabaachuu ibsineerra,'' jedhan Amb. Misgaanuun.

Itoophiyaa fi Somaaliyaan hariiroo obbolummaa baroota dheeraa lakkoofsiseen beekamu kan jedhan qondaalli Itoophiyaa kun ''marii keenyas miira obbolummaa keessaa taanee akka maatiitti gaggeessine,'' jedhan.

Egereen biyyoota lameenii kan walirratti hirkatee fi wal utubee deemuu qabu ta'uurrattis bal'inaan mari'achuu kaasan.

Kanaafuu dantaa fi faayidaa waloof jecha waltumsuun miira tokkummaan hojjechuun akka barbaachisu irratti walta'uus ibsan.

''Biyyoonni lameen carraawwan walitti hidhatan hedduu walin qabu, gargar ba'uu hin danda'an. Adda ba'anii fayyadamuu hin danda'an. Nageenyi Somaaliyaa nageenya Itoophiyaati.

''Somaaliyaan tasgabboofe jechuun Itoophiyaan tasgabboofte jechuudha. Tasgabbiin Itoophiyaa ammoo naannawa kanaaf murteessaadha,'' jedhan Ambaasaaddar Misgaanuun.

''Kanaafuu mariin kun akkaataa carraa walirratti hirkate kana walin itti fayyadamnu akkasumas badhaadhina waloo fi walitti hidhamaniinsa naannawa kanaa cimsuuf waliin hojjechuu akka qabnu akeekeera. Gama kanaan mariin kun ga'ee guddaa gumaacheera.''

Mariin hariiroo biyyoota lameenuu suphuun michummaa ture bakkatti deebisu akkasii itti fufee akka gaggeeffamus ibsan.

Minisiter Deetaan Ministira Dhimma Alaa fi Hariiroo Idil-addunyaa Somaaliyaa Alii Mohammad Omaar jalqabarratti simannaa Itoophiyaatti taasifameef galateeffatan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Itoophiyaa fi Somaaliyaaf hariiroosaanii cimsanii waliin jiraachuun filannoo osoo hin taane dirqama jedhan qondaalli Somaaliyaa kun.

Rakkoo dhiheenya kana biyyoota lameen mudate keessaa ba'uufis waan danda'an hunda gochaa jiraachuu ibsan.

''Kanneen fuuldura kiyya teessan keessaa eenyu lammii Itoophiyaa eenyu Somaalee akka ta'e adda baasuun hin danda'amu. Walitti hidhamiinsi keenya haga kana,'' jedhan.

Akka qondaalli kun jedhanitti Itoophiyaa fi Somaaliyaan gidduusaaniitti rakkoo uumuuf sababi tokkollee hin jiraatu.

''Ji'oonni 11 darban nuuf yeroo qormaataa turan. Dhimma hin taanetti yeroo dheeraa gubneerra. Rakkoolee ji'oota 11 keessatti nu mudataa ba'anirraas dandamachuu qabaanna. Kanarratti cimnee hojjechuu qabna,'' jedhan.

Akkaataa daandii daddabe sirreessuun danda'amurratti marii bu'aa qabeessa gaggeessineerra jedhan qondaalli Somaaliyaa kun.

''Obboleessa kiyya Misgaanuu waliin marii bu'aa qabu mari'anneerra. Gara fuulduraattis mari'achuu itti fufna. Yeroo dhihootti gara Somaaliyaa dhufanii marii keenya itti fufna jedheen abdadha.''

Somaaliyaa fi Itoophiyaan hariiroosaanii cimsuun hojjechuun waliin fayyadamuuf carraawwan hedduu akka qaban kan eeran Ambaasaaddar Alii Mohammad Omaar ''carraa kana faayidaa uummataaf oolchuu qabna,'' jedhan.

''Nuti gama keenyaan Baha Afrikaa keessatti walitti hidhamiinsa daldalaa keessa jirra. Itoophiyaa fi Somaaliyaan seenaa keessatti taateewwan gaddisiisoo hedduu dabarsaniiru. Amma yeroo itti qormaata kunneen irra aannee gara fuulduraatti deemnuudha.''

Handaara galaanaa Somaaliyaan itti badhaatee fi carraa daldalaa bal'aa Itoophiyaan qabdu akka carraa guddaatti kan eeran qondaalli Somaaliyaa kun, ''Somaaliyaan Itoophiyaaf iddoo daldalaa filatamtuu ta'uuf fedhii guddaa qabdi,'' jedhan.

''Kun garuu marii teeknikaa Guraandhala dhufu keessatti gaggeeffamurratti kan baramu ta'a. Ammaaf marii kanaan giddu seentummaa qaama sadaffaa malee akkamiin akka waliin hojjechuu dandeenyu haala aanjessineerra.''

Akkaataa waliigaltee Ankaraan Itoophiyaa fi Somaaliyaa hariiroosaanii cimsuun walitti hidhamiinsa naannawa kanaaf akka hojjetan ibsaniiru.

Bitaa gara mirgaatti MM Abiy Ahmad, Pirezidanti Rasiip Xayyib Erdogaan fi Pirezidanti Hasan Sheek Mohamuud

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Itoophiyaa fi Somaaliyaan Mudde 11, 2023 Ankaaraatti waliigaltee mallatteessan, Pirezidantiin Turkii Rasiip Xayyib Erdogaan jaarsummaan gidduu turan

Itoophiyaan bara haaraa faranjoota darbe bulchiinsa Somaaliyaan ana jalatti bulti jettu Somaalilaand waliin ulaa galaanaa argachuuf waliigaltee raawwatte hordofee ji'ootaaf muddama guddaa keessa turte.

Birmadummaa kootu sarbame kan jettee himataa kan turte Somaaliyaan, hawaasa idila addunyaa maratti Itoophiyaa himattee, waliigalteen kun akka haqamu dhiibbaa gochaa baate.

Itoophiyaan gama isheen carraa ulaa galaanaa arachuuf qabduun guddinaaf hiree uumuu malee biyya kamuu miidhuuf fedha akka hin qabaanne ibsaa turte.

Dhibdeen biyyoota lamaanii ji'ootaaf ture yaalii irra deddeebii Turk gaggeessaa turteen torban muraasa dura milkiin argame.

Ministirri Muumme Itoophiyaa Abiy Ahimaadiifi Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud bakka pirezidantiin Turkii argamanitti waliigaltee Ankaaraa mallatteessaniiru.

Waliigaltee kana booda Somaaliyaan yeroo jalqabaaf jilashee gara Itoophiyaatti kan ergite.

Gama biraan ammoo mootummaan Somaaliyaa loltoonni Itoophiyaa Wiixata darbe magaalaa Dooloow jedhamutti loltootasaarratti haleellaa raawwachuun himatus, mootummaan Itoophiyaa ''himannaan kun dhugaa miti'' jedhe.

Ministeerri Haajaa Alaa Somaaliyaa ibsa Wiixata galgala baaseen ''loltootni Itoophiyaa weerara rifaasisaa raawwatan cimsinee balaaleffanna'' jedhe.

Ibsi kun kan kenname Ministirri Dhimma Alaa biyyattii waliigaltee Ankaaraa jabeessuuf jecha gara Finfinnee imalaa jiraachuun ibsamee sa'aatii muraasa booda ture.

Ministeerri Haajaa Alaa Itoophiyaa ibsa Kibxata waaree booda baaseen ''ibsa Ministeera Haajaa Alaa Somaaliyaarraa Mudde 23/ 2024 bahee Itoophiyaa himatetti rifadheera'' jedha.