Itoophiyaan himannaan waraannishee Somaaliyaa haleele jedhu 'dhugaa miti' jette

Madda suuraa, Getty Images
Mootummaan Somaaliyaa loltoonni Itoophiyaa Wiixata darbe magaalaa Dooloow jedhamutti loltootasaarratti haleellaa raawwachuun himatus, mootummaan Itoophiyaa ''himannaan kun dhugaa miti'' jedhe.
Ministeerri Haajaa Alaa Somaaliyaa ibsa Wiixata galgala baaseen ''loltootni Itoophiyaa weerara rifaasisaa raawwatan cimsinee balaaleffanna'' jedhe.
Ibsi kun kan kenname Ministirri Dhimma Alaa biyyattii waliigaltee Ankaaraa jabeessuuf jecha gara Finfinnee imalaa jiraachuun ibsamee sa'aatii muraasa booda ture.
Ministeerri Haajaa Alaa Itoophiyaa ibsa Kibxata waaree booda baaseen ''ibsa Ministeera Haajaa Alaa Somaaliyaarraa Mudde 23/ 2024 bahee Itoophiyaa himatetti rifadheera'' jedha.
Dabaluunis ''himannaan sun dhugaa miti'' jechuun morme.
Ibsi Mootummaa Somalaiyaarraa bahe akka jedhutti, loltoonni Itoophiyaa haleellaa ittiin himataman kan raawwatan ganama naannoo sa'aa afuriitti magaalaa Dooloow jedhamuttidha.
''Loltoonni Itoophiyaa haleellaa lafaa ka'uun, tasa kan raawwatan buufata Loltoota Biyyaalessaa Somaaliyaa Godina Geedoo magaalaa Dooloow jirutti.''
Haleellaan kun itti karoorfameefi ta'e jedhamee raawwatame kan jedhu ibsi mootummaa Somaaliyaa kun, xiyyeeffannoon haleellaa kanaa buufata waraana biyyaalessaa Somaaliyaa, Tikaa fi Nageenya Biyyaalessaa akkasumas Poolisii Federaalaa Somaaliyaati jedhe.
Mootummaan Itoophiyaa gama isaan ta'iin sun kan raawwate qaamolee hariiroon biyyoota lamaanii fooyya'uu hin feeneeni jedhe.
''Qaamoleen sadaffaa kunniin kaayyoonsaanii Gaanfa Afrikaa tasgabbii dhowwuu fi yeroo dheeraaf tasgabbii naannichaa warra jeeqani.''
Mootummaan Itoophiyaa ibsasaa keessatti qaamoleen kunniin eenyu akka ta'an ifatti maqaa hin dhoofne.
Ammoo qaamoleen kunniin murannoo biyyootni lamaan waliigaltee Ankaaraa irratti hundaa'uun nageenya mirkaneessuutti qabatan dura akka dhabatan hayyamamuufii hin qabu jedhe ibsi mootummaa Itoophiyaa.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haleellaa ''gaddisiisaa'' jechuun ibse kanaan lubbuu darbuu ibseera.
Ibsi mootummaan Somaaliyaa baase ''Wayita haleellaa kana loltoonni Itoophiyaa lammiilee Somaaliyaa buufataalee kanneen keessa jiran irratti ajjeechaafi miidhaa qaamaa qaqqabsisaniiru,'' jechuun himate.
Dabalataan namoota nagaa naannichaarra miidhaan gahuu ibse. Ammoo lakkoofsa qaamolee nageenyaafi kaan ajjeefamaniifi miidhamanii hin ibsine.
Mootummaan Itoophiyaa aanga'oota Somalaiyaa waliin ta'uun ta'iin akka kana aakka irra deebi'ee hin raawwanne akka hojjetus ibseera.
Mootummaan Somaaliyaa booda kana mootummaa Naannoo Jubaalaand waliin wal dhabaa jira.
Hoogganaan nageenyaa Jubaalaand Yuusuf Huseen Osmaan ibsa Dooloow keessa kennaniin waraanni Somaaliyaa ''xiyyaara jila Jubaalaand qabatee tue akka rukutan ajajaman,'' jechuun himatan.
Xiyyaara sana keessa aangawoonni olaanoo Jubaalaand akka jiran ibsan.
Waraanni Itoophiyaa hidhattoota al-Shabaab loluuf bobba'e namoota siyaasaa kana baraaruuf gidduu seene jechuun dubbatani.
Haleellaa kun kan raawwatame wayita mootummaan Somaaliyaa waliigaltee Ankaaraa hojiitti hiikuuf aanga'oota olaanoo gara Itoophiyaatti bubbaafamanitti ta'uus hime.
''Gochaan akka feetee Itoophiyaa kun waliigaltee Ankaaraa, qajeeltoo Gamtaa Afrikaa, Chaartara Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniifi duudhaa ollummaa gaarii kan sarbeedha'' jedhe ibsi Ministeera Haajaa Alaa Somaaliyaa.
Ibsichi gocha dubbii barbaaduuti jedhe kanaafi nageenya naannichaa jeequ cimsee balaaleffateera.
''Mootummaa Somaaliyaa wayita birmadummaafi tokkummaan daangaa sarbamu callisee hin ilaalu'' jechuun akeekkachiise.
Mootummaan Itoophiyaa ammoo ibsa isaa keessatti ''bu'uura waliigaltee Ankaaraan obbolummaafi hariiroo biyyoota lamaanii'' jabeessuuf murannoo qabaachuu beeksise.
Itoophiyaa fi Somaalilaand Amajjii 1/2024 waliigaltee Itoophiyaaf ulaa galaanaa argamsiisu Finfinneetti waliimalletteessuu booda hariiroon biyyoota lamaanii sadarkaa hammaatti ce'ee ture.
Ji'oota darban Somaaliyaan himannaa sadarkaa adda addaan dhiyeessiteen waliigalteen kun akka raawwii hin qabaanne dhiibbaa gochaa baate.
Dhumarrattis yaalii jaarsummaa Turkii marroo hedduu booda guyyoota 10 dura waliigalteen hiree uume Ankaaraatti mallatteeffamee ture.
Pirezidantiin Turkii Xayyiib Erdogaan waliigaltee Ankaaraa kanaan ''seenaa qabeessa'' jechuun ibsan.
Abdiin Ankaaraa inni guddaan "golee Afrikaa" Somaaliyaa fi Itoophiyaa gidduutti nagaa fi tasgabbii uumuudha jedhanii turan.
-----------------------------------------------------------
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.
BBC Afaan Oromoo Facebook akkasumas Chaanaalii WhatsApp haaraa eegalleerratti hordofuu dandeessu.












