Aanga'ootni Somaaliyaa daawwannaa hojiif Finfinneetti imalan

Alii Omaar

Madda suuraa, Anadolu

Waliigaltee Itoophiyaafi Somaaliyaan Ankaaraatti mallatteessan booda yeroo duraaf aanga'oonni Somaaliyaa Finfinneetti imaluu Moqaadishoon beeksifte.

Ministeerri Haajaa Alaafi walta'iinsa Idila Addunyaa Somaaliyaa ibsa Wiixata kana baaseen jilli Alii Omaariin durfamu waliigaltee Turki, Ankaaraatti waliigalame cimsuu kaayyeffachuun gara Finfinnee imaluu beeksiseera.

Alii Omaar kan Ministira Haajaa Alaa fi Walta'iinsa idila addunyaa ta'an jila isaanii waliin Finfinnee kan jiraniif ''murannoo hin raafamne Somaaliyaan hariiroo Itoophiyaa waliin qabdu cimsuuf qabdu agarsiisa'' jedha ibsi bahe.

Itoophiyaan bara haaraa faranjoota darbe bulchiinsa Somaaliyaan ana jalatti bulti jettu Somaalilaan waliin ulaa galaanaa argachuuf waliigaltee raawwatte hordofee ji'ootaaf muddama guddaa keessa turte.

Birmadummaa kootu sarbame kan jettee himataa turte Somaaliyaan, hawaasa idila addunyaa maratti Itoophiyaa himattee, waliigalteen kun akka haqamu dhiibbaa gochaa baate.

Itoophiyaan gama isheen carraa handaara galaanaa arachuuf qabduun guddinaaf hiree uumuu malee biyya kamuu miidhuuf fedha akka hin qabaanne ibsaa turte.

Dhibdeen biyyoota lamaanii ji'ootaaf ture yaalii irra deddeebii Turk gaggeessaa turteen torban muraasa dura milkiin argame.

Ministirri Muumme Itoophiyaa Abiy Ahimaadiifi Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammuud guyyaa10 dura bakka pirezidant Tayiip Erdohaan argamanitti waliigaltee Ankaaraa mallatteessaniiru.

Erdohaan waliigaltee kanaan ''seenaa qabeessa'' jechuun ibsan.

Abdiin Ankaaraa inni guddaan "golee Afrikaa" Somaaliyaa fi Itoophiyaa gidduutti nagaa fi tasgabbii uumuudha jedhan.

Waliigaltee kana booda Somaaliyaan yeroo jalqabaaf jilashee gara Itoophiyaatti ergite.

Kaayyoon ijoon imala kanaa bu'uura waliigaltee Ankaaraan michummaa wal-kabajuu, fedhii waloofi waltumsurratti hudaa'e ijaaruun haala danda'amu hubachuudha'' jedha ibsi mootummaa Somaaliyaa.

Waa'ee daawwannaa kanaa mootummaa Itoophiyaarraa ammatti ibsi kenname hin jiru.

Sababa waldhibdee waliigaltee ulaa galaanaa Somaalilaand waliin mallattaa'een hirmaannaan loltoota Itoophiyaa Somaaliyaa keessa duulanii falmii guddaa ta'ee ture.

Itoophiyaan Somaaliyaan shororkeessummaa akka loltu deeggaruun cinaatti nageenyaa biyyaalessaaf jecha hirmaachuu akka qabdu ibsaa turte.

Somaaliyaan ammoo hanga yeroo dhiyootti waraanni Itoophiyaa qaama nagaa kabachiisaa haaraa biyyashee keessa bobbaafamuun ala akka ta'u ejjennoo qabatteetti.

Qabxiilee ijoon waliigaltee Ankaaraa maali?

Biyyoonni lamaan jaarsummaa Pirezidantii Turkiin dhimmoonni ijoo irratti wal ta'an 'Labsii/Murtee Ankaaraa' sanada jedhuurratti ifa ta'eera.

Waliigalteen gama Daarektoreetii Kominikeeshinii Mootummaa Turkiin ifa ta'e kuni, dura aantummaan dhimma ulaa galaanaa argachuu Itoophiyaafi Somaaliyaa wal dhabsiiseerratti xiyyeeffata.

Akkasumas dhimma waraana Itoophiyaa Somaaliyaan baatii Amajjii dhufu eegalee ergama eegalu keessaa akka bahu ibsite ilaalchisee qeeqa Somaaliyaan kaastes kan shaaru qaba.

Dhimmoonni ijoo irratti waliigalan kunooti:

  • Dureewwan Itoophiyaafi Somaaliyaa birmadummaa, walabummaafi tokkummaa daangaa akkasumas seerota idil-addunyaa UN akkasumas Gamtaa Afrikaa jalatti eeraman kabajuuf waliigalaniiru.
  • Dhibdeewwaniifi dhimmoota falmisiisaa duubatti dhiisuun fuuladuratti badhaadhina waloof hojjechuufi wal tumsuuf waliigalaniiru.
  • Somaaliyaan aarsaa waraanni Itoophiyaa Gamtaa Afrikaa jalatti biyyasheetti bobba'e kanfaleef beekamtii ni kenniti.
  • Tokkummaa daangaa Somaaliyaa haala kabajeen Itoophiyaan ulaa galaanaa amansiisaa argachuun ishee faayidaa garaagaraa qabu biyyoonni lamaan beekamtii kennu
  • Biyyoonni lamaan qooda fudhannaa Turkiin dhuma ji'a Guraandhalaa keessa dhimmoota teknikaarratti marii taasisuu kan eegalan yoo ta'u, kunis baatii afur keessatti xumurama.
  • Birmadummaa Somaaliyaa jalatti Itoophiyaan ulaa galaanaa amansiisaa, kan nageenya qabuufi waarawaa akka argattu waliigaltee, kiraa fi tooftaawwan daldalaa dandeessisu waliin ta'un xumuruuf waliigalaniiru.
  • Biyyoonni lamaan deeggarsa Turkii simachuun hiikkaafi hojiirra oolmaa waliigaltee kanaan walqabatee garaagartee uumamu gama Turkiin mariifi karaa nagaa qabuun furuuf waliigalaniiru.