Masriin ergama Gamtaa Afrikaa jalatti loltoota Somaaliyaatti bobbaasuufi

Ministira Dhimma Alaa Masrii Badrii Abdallaatii

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Ministira Dhimma Alaa Masrii Badrii Abdallaatii

Masriin loltoonnishee ergama haaraa Gamtaa Afrikaa Somaaliyaatti bobba'u keessa akka hirmaatan beeksiste.

''Gaaffii mootummaa Somaaliyaarraa dhihaateen ergama nagaa kabachiisaa keessa seenuuf murteessiteetti,'' jechuun Ministirri Dhimma Alaa Masrii Badrii Abdallaatii dubbachuu Rooyitars gabaaseera.

Ministirri Dhimma Alaa Somaaliyaa Ahimad Mowaalim Fiqii gara Masrii daawwannaa erga taasisan booda ibsa waloo kennanirratti kuni kan ibsame.

Dubbiin aangawaa Masrii kuni turtiin Ergama Ce'umsaa Gamtaa Afrikaa (ATMIS) Mudde 31,2024 xumuramuu dura dhagahame.

Ergamni haaraan Ergama Tasgabbiifi Deeggarsaa Gamtaa Afrikaa (AUSSOM) jedhamu Amajjii 2025 eegalee ergama raawwata.

Masriin ergama haaraa keessa akka hirmaattu Gamtaa Afrikaaf beeksisteetti.

Ta'us, kana dura biyyoonni hirmaatan yeroo ifa ta'an maqaan Masrii hin eeramne ture.

''Haala Somaaliyaa keessa jiruurratti marii gooneerra. Somaaliyaan tookkummaa daangaafi birmadummaa ishee mirkaneessuuf carraaqqii taasistu Masriin ni deeggarti,'' jedhan aangawaan Masrii.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ergama haaraa keessatti hirmaannaan Masrii hangam akka ta'e Ministirri Dhimma Alaa Masrii hin dubbanne.

Kana dura Itoophiyaafi Somaalilaand dabalatee Masriin loltoota ishee Somaaliyaatti akka bobbaastu yeroo ibsame 'naannicha jeeqa' jechuun mormaniiru, callisanii akka hin ilaalles ibsanii turan.

Waggaa darbe Itoophiyaafi bulchiinsi Somaalilaand kan Somaaliyaan qaama kiyya jettu waliin walii galtee ulaa galaanaa mallatteessite Gaanfa Afrikaatti muddama uumee ture.

Dhimma kanaan kan mufatte Somaaliyaan biyyoota Itoophiyaa waliin hariiroo gaarii hin qabne, kanneen akka Masriifi Ertiraa waliin hariiroo cimsatteetti.

Eegasii Somaaliyaan Masrii waliin waliigaltee waraanaa tolfachuun deeggarsa meeshaa waraanaas argatteetti, qondaalonni Masriis gara Somaliyaa imalaa turan.

Faallaan hanga Itoophiyaan waliigaltee ulaa galaanaa haqxutti loltonni Itoophiyaa ergama haaraa Gamtaa Afrikaa jala akka hin seenne Somaaliyaan ibsaa turte.

Dhihoo immoo Itoophiyaafi Somaaliyaa jaarsummaa Pirezidantii Turkii Reseeph Xayyiib Erdogaaniin taasifameen ''waliigaltee seena qabeessa'' raawwataniiru.

Ta'us, hireen loltoota Itoophiyaa ergama haaraa keessa seenuufi seenuu dhabuu ammatti hin beekamu.

Ankaaraatti Itoophiyaa fi Somaaliyaan muddama waggaa tokkoof isaan gidduu adeemaa tureefi Gaanfa Afrikaafuu yaaddoo uume furuuf waliigalaniiru.

Akkaataa waliigaltee kanaan, Itoophiyaan ''birmadummaa Somaaliyaa jalatti ulaa galaanaa amansiisaa, kan nageenya qabuufi waarawaa ta'e'' akka argattu waliigaltee taasisuun waliin akka hojjetan ibsameera.

Somaaliyaafi Masriin karaa dinagdeenis hariiroo isaanii cimsachuuf waliigalaniiru

Madda suuraa, MFA Somalia

Ibsa waa'ee suuraa, Somaaliyaafi Masriin karaa dinagdeenis hariiroo isaanii cimsachuuf waliigalaniiru

Guyyaa Wiixataa erga Itoophiyaafi Somaaliyaan waliigaltee raawwatan booda jilli Somaaliyaa gara Finfinnee imaleera.

Jilli kuni gara Itoophiyaa kan imale ''waliigaltee Ankaaraatti waadaa seename jabeessuufi'' jedhame.

Alii Omaar kan Ministira Haajaa Alaa fi Walta'iinsa idila addunyaa ta'an jila isaanii waliin Finfinnee kan jiraniif ''murannoo hin raafamne Somaaliyaan hariiroo Itoophiyaa waliin qabdu cimsuuf qabdu agarsiisa'' jedha ibsi bahe.

Gama kaaniin loltoonni Itoophiyaa Somaaliyaa keessa jiran buufata waraanaa Somaaliyaa haleelan jechuun Somaaliyaan himatteetti.

Himannaa kanarratti deebii mootummaa Itoophiyaa argachuuf BBC'n yaalii taasisuus ammatti hin milkoofne.

-------------------------------------------------------

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.

BBC Afaan Oromoo Facebook akkasumas Chaanaalii WhatsApp haaraa eegalleerratti hordofuu dandeessu.