Manni Maree Nageenya UN Somaaliyaatti ergama haaraa Tasgabbiifi Deeggarsa Gamtaa Afriikaaf hayyama kenne

Madda suuraa, SM
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Manni Maree Nageenyaa bobbii ergama haaraa kan ergama duraanii Ce'umsa Somaaliyaa Gamtaa Afriikaa bakka bu'uuf hayyama kenne.
Ergamni haaraan Gamtaa Afrikaa jalatti taliigamu kun Ergama Tasgabbii fi Deeggarsa Somaaliyaa- AUSSOM jedhama.
Manni marichaa murtee Jimata Muddee 27, 2024 dabarseen, ergama haaraa, ergama hanga ammaa hojiirra ture- Ergama Ce'umsaa Somaaliyaa -ATMIS jedhamu bakka bu'u-Tasgabbii fi Deeggarsa Somaaliyaa Gamataa Afriikaa -AUSSOM ragaasisuun, ittigaafatamummaa nageenyaa biyyattiitti dabarsuudhaaf kun tarkaanfii bu'uuraati jedheera.
Wixineen murte yaadaa kunis mormii tokko malee sagalee 14 fi Ameerikaa osoo sagalee hin kenniin sagalee caalmaan ragaasifameera.
Biyyoonni miseensa Gamtaa Afriikaa Amajjii dhufaarraa kaasee baatiiwwan 12f yaalii mootummaan Somaaliyaa Alshabaab dadhabsiisuuf taasisuuf tarkaanfii barbaachisaa ta'e hunda akka fudhaatuuf hayyameera
Manni marichaa Somaaliyaan nageenya biyyaaleessaa biyyattii eegsiisuuf humnoota nageenyaa nagaa kabachiisan 7,000 bara 2022 irraa kaasuun bobba'ee ture bakka buusuun ATMIS ittigaafatamummaa caalaa fudhachuun gahee bahaa jiruuf leelliseera.
Jilli Itoophyaa walgahicharratti hirmaates ce'umsi ATMIS irraa gara AUSSOM'tti taasifamu milkaa'aa kan ta'u, yoo humnootiin Somaaliyaa itti gaafatamummaasaanii guutuu bahu danda'an qofaadha jedheera.
Akkasumas jilichi adeemsa mana marichaa of eeggannoon guutame deeggaruun ce'umsoonni dabalataa ammoo adeemsa ilaaluun ta'u qabaata jedheera.
Itoophiyaan biyyoota kaan waliin ta'udhaan mootummaa Somaaliyaa deebiisanii ijaaru keessatti adda dura ta'unsheen kaasaaniiru.
Ergama guyyootaan booda ergamasaa xumur keessa Itoophiyaa, Keeniyaa, Yugaandaa, Buruundii fi Jabuutiin loltootasaanii gumaatanii ture.
Haata'u malee ergama haaraa ittaanee bobbaafamu keessatti loltoonni biyya kamii akka hirmaatan filachuu itti gaafatamummaa Somaaliyaaf kan kenname yoo ta'u, Itoophiyaa ergama haara kana keessatti loltootashee akka hirmaachiiftu hanga ammaatti hin baramne.
Walgahii kenninsa sagalee Manni Marichaan dura waa'ee ergama ce'umsa Somaaliyaa Gamtaa Afrikaa bakka bu'urratti kan gabaafne

Madda suuraa, ATMIS
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, Ergama Ce'umsa Somaaliyaa Gamtaa Afrikaa (ATMIS)n bakka bu'urratti sagalee kannuuf walitti qabameera.
Haaluma dambii hojjimaata yeroo mana marichaatti, walgahicharratti Somaaliyaafi Itoophiyaan ni hirmaatu jedhamee eegama.
Ergamni ATMIS Hagayya darbe irratti hanga Muddee 31 bara 2024tti dheerreeffame ture.
Wixiineen yaada murtoo Yunaayitid Kingidamiin qophaa'e, kan murtee Manni Marii Nageenya fi Tasgabbii Gamtaa Afrikaa, ATMIS ergama Tasgabbii fi Deeggarsa Somaaliyaa Gamtaa Afriikaa (AUSSOM)n bakka akka bu'uuf dabarse kan deeggaruudha.
Kana malees, miseensoonni Gamtaa Afriikaa haala kanaan tarkaanfii barbaachisaa baatiiwwan 12'f akka fudhataniif aangoo kannaaf.
Haala wixinee kanaatti miseensoonni Gamtaa Afriikaa hanga dhuma baatii Waxabajjii dhufuutti miseensoota poolisii 1,040 dabalatee, miseensoota nageenyaa gara 12,000 akka bobbaasuuf hayyameera.
Dabalataanis, hanga guyyaa kanaatti loltoonni Gamtaa Afriikaa hundi ATMIS irraa gara Ergama Tasgabbii fi Deeggarsa Somaaliyaa Gamtaa Afriikaa (AUSSOM) qindeessuu akka xumuran dabalata.
Manni Maree Nageenya Gamataa Afriikaa humna kabachiisan nageenyaa biyyoota garaa garaa irraa babbahan baatii jahaaf Somaaliyaa keessa akka turaniif bubbaasuunsaa ni yaadatama.
Haata'u malee humni nagaa eegsisu kan ergama ji'oota ja'aaf bobbaafamee ture waggoota kurna lamaaf Somaaliyaa keessa ture.
Humni nagaa eegsisaa Somaaliyaatti bobbaafame kun maqaasaa AMISOM irraa gara ATMIS kann geeddare waggaa lama dura.
Ergamni kun ammoo yeroonsaa guyyoota muraasa booda ni xumurama.
Itoophiyaan ergama ATMIS jalatti loltoota kuma 3 akkasumas addatti ammoo waliigaltee Somaaliyaa waliin qabdurratti hundaa'uun loltoota kuma 7 ta'an Somaaliyaatti bobbaastee jirti.
Itoophiyaan waliigaltee Somaalilaand waliin qabdu ergamni haaraan hojiitti seenuu dura yoo hin haqne loltoonni ishee hundi Somaaliyaa keessaa akka ba'an Gorsaan Nageenya Biyyaalessaa Somaaliyaa Huseen Alii kanaan dura ibsanii turan.
Itoophiyaan waliigaltee sana haquu bannaan loltoonnishee ergama Gamtaa Afrikaa (ATMIS) jala jiran akkasumas kanneen waliigaltee Somaaliyaa fi Itoophiyaan bobbaafamanii jiran akka ba'aniif yeroon dhumaa kan kennameefii ture hanga xumura Waxabajjii darbeetti ture.
Waliigalteen ulaa galaanaa Itoophiyaa fi Somaalilaand jalqaba bara faranjootaa darbe mallatteessan Gaanfa Afrikaa dhiphina hamaa keessa galcheera.
Somaaliyaan waliigalteen sun akka birmadummaasheetti sarbutti ibsuun akka itti mufatte himteetti.
Kana hordofuun Ministeerri Ittisaa Somaaliyaa loltoonni Itoophiyaa ergama nageenyaa, tasgabbii fi deeggarsaa Somaaliyaa Gamtaa Afrikaa jalatti akka haaraatti eegaluuf jiru keessa galuu akka hin qabne ibse.
Falmii kana hundaa booda garuu dureewwan Somaaliyaa fi Itoophiyaa jaarsummaa pirezidantii Tarkiitiin marii Ankaaraatti gaggeeffameen waliigaltee waldhabdee saanii furuu dandeessisu irra gahan.
Waliigaltee Ankaaraa Ministirri Mummee Itoophiyaa, Abiy Ahimadiifi Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad mallatteessan irratti, ''Somaaliyaan raayaa ittisa biyyaa Itoophiyaa ergama Gamtaa Afriikaa jala ta'uun biyyasaaniitti bobbafamuun haarsaa kanfalaniif beekkamtii kenniti'' jedhan.
Kana malees, waliigaltichi, ''haala walabummaa Somaaliyaa kabajuun Itoophiyaa ulaa galaanaa argachuunshee faayidaan dame hedduu qabaatu biyyoonni lamaanu beekkamtii ni kennu'' kan jedhu hammata.












