Pirezidantiin Somaaliyaa gara Asmaraatti maaliif deddeebi'u?

Dureewwan lamaan dhimma waloorratti ''marii bal'aa'' taasisuun isaanii ibsameera

Madda suuraa, @ Yemane G. Meskel

Ibsa waa'ee suuraa, Dureewwan lamaan dhimma waloorratti ''marii bal'aa'' taasisuun isaanii ibsameera

Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohamud daawwannaa hojiif magaalaa guddoo Ertiraa, Asmaraatti imaluun Pirezidant Isaayyaas Afawarqii waliin mari'ataniiru.

Daawwannaan isaanii kuni erga Somaaliyaan Itoophiyaa waliin dhibdee waggaa tokkoof ture furuuf waliigaltee raawwattee booda kan jalqabaati.

Yeroo hariiroon Itoophiyaafi Somaaliyaa rakkoo godhatetti Somaaliyaan biyyoota Itoophiyaa waliin hariiroo cimaa hin qabne, Ertiraafi Masrii, waliin hariiroo cimsattee turte.

Ministirri Odeeffannoo Ertiraa Yamaana G/Masqal dureewwan lamaan dhimmoota waloofi naannichaarratti ''marii bal'aa'' taasisuu dubbataniiru.

Dabaluunis, Somaaliyaan Gaanfa Afrikaatti ''biyya hangafaa'' ta'u ibsuun, nageenya biyyattii mirkaneessuun naannicha tasgabbeessuuf akka gumaatu beeksisan.

Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqii Gaanfi Afrikaa ''gidduu seentummaa humnoota alaa hookkara uumanirraa of eeguu qaba,'' jechuu isaanii Obbo Yamaan X gubbaa barreessaniiru.

Kana dura Somaaliyaa, Ertiraafi Masriin waltumsuuf waliigaltee mallatteessaniiru.

Kaayyoon waliigaltee kanaa ''Somaaliyaatti nagaa buusuu akkasumas faayidaa biyyoota Gaanfa Afrikaafi Galaana Diimaa kabachiisuu,''akka ta'e ibsi bahe hima.

Pirezidantiin Somaaliyaa miidiyaa biyya keessaaf ibsa kennaniin ''Ertiraan waraanni Somaaliyaa akka cimu tarkaanfii taasistuuf'' galata dhiheessaniiru.

Itoophiyaafi Somaaliyaan erga rakkoo isaanii karaa nagaan furuuf waliigalanii booda tibbana Masriin Gamtaa Afrikaa jala loltoota gara Somaaliyaatti akka bobbaastu himteetti.

Maaliif deddeebi'u?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Pirezidantiin Somaaliyaa waggaa tokko darbe keessatti si'a sadii gara Ertiraa imala taasisaa turani.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad fi Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohamud Ankaraatti walarganii erga mari'atanii booda waliigalteerra ga'aniiru.

Dureewwan biyyootaa kunneen erga waliigalanii booda ibsa waloon gaazexeessitootaaf kennaniin Pirezidantiin Turkii Rasiip Xayyib Erdogaan waliigaltechi biyya handaara galaanaa hin qabne Itoophiyaaf ulaa galaanaa kan argamsiisu ta'uu dubbataniiru.

Akkaataa waliigaltee kanaan Itoophiyaan ''aangoo birmaduu Somaaliyaa jalatti ulaa galaanaa amansiisaa, nageenyummaansaa mirkanaa'ee fi itti fufiinsa qabu,'' akka argattuuf biyyoonni lameenuu hariiroo daldalaa fi gar-lamee uumuun walitti dhiheenyaan ni hojjetu.

Siyaasa Baha Afrikaa fi Baha Giddugaleessaa xiinxaluun kan beekamanii fi amma Landan kan jiran Obbo Abdurrahman Sa'id ''daawwannaan kun waliigaltee Ankaaraa boodadha kan ta'e. Tarii gama Somaaliyaan qabiyee fi hojiirra oolmaa waliigaltee kanaa irratti hubannoo waliinii qabaachuuf barbaadanii ta'uu danda'a,'' jechuun waan daawwannaa kanaaf sababa ta'uu malu eeran.

Ertiraa, Masrii fi Somaaliyaan sadi ta'anii waliigaltee walii mallatteessanii waan turaniif ''warri Somaaliyaa waliigaltee biraa Itoophiyaa waliin wayita mallatteessan yaada waliigaltecha keessaa jiru irratti ibsa kennuu fi irratti mari'achuun waanuma hojii dippiloomaasii keessaa jirudha,'' jedhan.

Pirezidantiin Somaaliyaa waggaa darbe irra deddeebiin gara Ertiraa imalaa turan

Madda suuraa, @ Yemane G. Meskel

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidantiin Somaaliyaa waggaa darbe irra deddeebiin gara Ertiraa imalaa turan

Itoophiyaa fi Somaaliyaan Ankaraatti waliigalanis ''hariiroonsaanii garuu ammallee hin fooyyofne. Yeroo fudhachuu dand'a,'' jedha xiinxalaan siyaasaa kun.

''Loltoonni Itoophiyaa akka Somaaliyaa keessaa ba'an ni barbaadumoo hin barbaadan?'' kan jedhu qormaata ijoodha.

''Sadarkaa kanarra erga darbanii boodadha waliigaltee kana hojiitti hiikuutti kan ce'an. Kun akka jirutti ta'ee garuu rakkoowwan gidduu kanatti mudachuu danda'an dhaabsisuu waan danda'an natti hin fakkaatu,'' jedha Abdurrahmaan.

Sababa ''rakkoowwan turaniin'' Somaaliyaan Masrii, Ertiraa, Turkii fi biyyoota kaan waliin hariiroo qabdu cimsitee itti fufuu barbaaddi jechuun ibsa xiinxalaan kun.

Bu'uura waliigaltee Ankaraatiin aanga'oonni Itoophiyaa fi Somaaliyaa birmadummaa, bilisummaa fi tokkummaa daangaa bulchiinsaa waliisaanii akkasumas seerota idiladdunyaa kabajuu qabu.

Somaaliyaan loltoota Itoophiyaa ergama nagaa eegsisuu Gamtaa Afrikaa jalatti ramadamuun biyya keessa jiran aarsaa isaan kaffalaniif beekamtii akka kennuu qabdus qabxii waliigaltee keessa jira.

Qindoomina Somaaliyaa, Masrii fi Ertiraa

Qindoominni biyyoota sadeen gidduutti cime Itoophiyaan waliigaltee Ankaaraa akka fudhattu dhiibbaa uumeera jedhee amana Abdurrahmaan.

Itoophiyaan gara waliigalteetti dhufuunshee ''qindoomina kana dhaabsisuufis ta'uu mala'' jedha.

''Somaaliyaanis kana waan beektuuf hariiroo Ertiraa fi Masrii wariin qabdu dhaabuu hin barbaaddu. Sababni isaa gama Itoophiyaan hanga yoonaa waan amansiisaa ta'e hin arganne,'' jechuun ibsa xiinxalaan siyaasaa kun.

Pirezidantiin Somaaliyaa gara Ertiraatti deddeebi'uu ilaalachisee gaaffii ka'uuf ''dhimmichi dhimma nageenyaati,'' jedha.

''Gama daldalaa fi diinagdeen Ertiraa waliin hariiroo uumuun Somaaliyaan waan buufattu hin qabdu. Ertiraan ofiiyyuu diinagdeenshee gara hin qabu. Diinagdeen dhuunfaas kan mootummaas akkaan laafaadha. Sababni ijoon isaan itti walargan dhimmuma nageenyaati. Ertiraa fi Somaaliyaan ammoo yaaddoon nageenyaa waloo isaan qaban Itoophiyaadha,'' jedhe Abdurrahmaan.

Somaaliyaan loltoonni Itoophiyaa daangaa ce'uun ''haleellaa raawwatteetti,'' jechuun himatti, Itoophiyaan ammoo himannaan Somaaliyaa kun soba jechuun waakkatteetti.

Himannaa Somaaliyaan dhiheessiteef Itoophiyaa ''qaama sadaffaa'' ittiin jettetti quba qabdeetti. Qaamni sadaffaan sun eenyu akka ta'e garuu hin ibsine.

Biyyoonni lameen osooma wal himatanii ammoo tibbana qondaaltonni isaanii walarganii mari'ataniiru.

Deetaan Ministeera dhimma alaa Itoophiyaa jila Somaaliyaa gitasaaniin durfamee gara Finfinnee imale waliin akkaataa waliigaltee Ankaraa hojiirra oolchuu fi hariiroo biyyoota lameenii cimsuun danda'amurratti dubbataniiru.

Daarektarri olaanaa tajaajila nageenya odeeffannoo biyyaalessaa Ambaasaaddar Redwaan Huseen gitasaanii kan Somaaliyaa Abdullaahii Mohammad waliin mari'aniiru.

Biyyoonni lameen ammas wal himachuunsaanii waliigaltee Ankaaraatti yaaddoo hin ta'uu jennee kan gaafanne xiinxalaan siyaa obbo Abdurrahmaan ''eeyyeen yaaddoo ni ta'a. Baayyee balaafamaadha,'' jedha.

------------------------------------------

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.

BBC Afaan Oromoo Facebook akkasumas Chaanaalii WhatsApp haaraa eegalleerratti hordofuu dandeessu.