Ministiirri Ittisaa Itoophiyaa gara Somaaliyaa imalan

Ayishaa Mohaammad

Madda suuraa, EHPR

Ministiirri Ittisaa Itoophiaa Ayishaa Mohaammad Kamisa har'aa Somaaliyaa galuu Rooyitars gabaase.

Ministira deetaa hajaa alaa Somaaliyaa, Alii Omaar eeruun Rooyitars akka gabaasetti Ministiirri Ittisaa Itoophiyaa Moqaadishoo galaniiru.

Haa tahu malee dhimma irratti marii'achuuf garas imalan kara mootummaa Itoophiyaan waan ibsame hin jiru jedheera gabaasichi.

Ayishaa Mohaammad gara Somaaliyaa kan imalan biyyooti lameen hariiroo isaanii wal-dhibdee keessa gale yerootti haaromsuuf yaalaa jiranittiidha.

Gama biraan gabaasa Biluumbargi baaseen ministiira deetaa hajaa alaa Somaaliyaa eeruun daawwannaan Ministiira Ittisaa Itoophiyaa kuni Gamtaa Afrikaa jalatti Ergama Deeggarsa fi Tasgabbii (AUSSOM) Somaaliyaa keessatti loltoonni Itoophiyaa hirmaannaa qabaatanirratti marii'acuufi jedheera.

Ministar deetaan biyyattii, ''Somaaliyaa fi Itoophiyaa gidduu dhibdeen jiru waliigaltee Ankaaraan furamuu hordofee Somaaliyaan loltoota Itoophiyaa ergama AUSSOM keessatti hirmaachisuuf yaadaa jirti,'' jechuu isaanii gabaasichi ibseera.

Somaaliyaan loltoota Itoophiyaa AUSSOM keessatti akka hin hirmaachifne murtoo dabarsitee geeddaruuf yaaduus Biluumbarg gabaaseera.

Somaaliyaan Gamtaa Afrikaa jalatti isa Ergamni Deeggarsaa fi Tasgabbii Somaaliyaa Ergama Ce'umsaa Somaaliyaa bakka bu'uuf jedhu keessatti loltoota Itoophiyaa hirmaachisuu akka hin barbaanne akeektee ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Biyyooti lameen waliigaltee Ankaaraatti hariiroo isaanii haaromsuun booda muddamni isaanii kan hir'isaa jiru fakkaata.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti manni maree nageenyaa AUSSOM dhaafa eeyyama kennuun ni yaadatama.

Mootummaan Ce'umsaa Somaaliyaa Itoophiyaa loltootashee gara daangaa isaattii akka hin galchine gaafachuun booda waggoota 17 darbaniif humni nagaa kabachiisu Gamtaa Afrikaa jala jirutti Itoophiyaan loltootashee bobbaastee turte.

Itoophiyaan Somaaliyatti Ergama Ce'umsaa Afrikaa (ATMIS) jalatti loltoota kuma sadii akkasumas Somaaliyaa waliin waliigaltee qabduun loltoota kuma torba tahan bobbaasteetti.

Tahus Itoophiyaa Somaalilaand waliin waliigaltee mallatteessuu hordofee Somaaliyaan loltoonni Itoophiyaa daangaasheetii akka bahan gaafattee ture.

Loltoonni Itoophiyaa Somaaliyaatti hin bobbaafamiin yoo hafan lola al-shabaab waliin taasifamu irratti qaawwa guddaa uuma yaaddoon jedhu dhagahamaa ture.

Itoophiyaan Somaalilaand wajjin hulaa galaanaa fayyadamuuf waliigaltee wal-hubannoo mallatteessuun booda Somaaliyaan dheekkamsiisuun muddama uumeera.

Baatii darbe Itoophiyaafi Somaaliyaan jaarsummaa pireezidantii Turkiin Ankaaraatti marii taasifameen waliigalteerra gahaniiru.

Waliigaltee kanaan booda jilli ministara deetaa Somaaliyaan hogganamu daawwannaa hojiif Finfinnetti imaluun qondaalota mootummaa wajjin marii geggeesseera.

Yerooma mariin taasifamaa jirutti ammo loltoonni Itoophiyaa daangaa ce'anii loltoota Somaaliyaa irratti haleellaa raawwataniiru jechuun muddama kaasee ture. Itoophiyaan himannaa kan waakkachuun qaama 'sadaffaa' gaafatamaa gooteetti.

Waggootaaf Somaaliyaa keessatti nagaa kabachiisaa kan ture loltuun Itoophiyaa achii akka bahu mootummaan biyyattii irra deddeebiin gaafachaa ture.