Prezidantii Masrii: 'Waraana keenya ergama Somaaliyaaf bobbaasuun kaayyoo biyya kamuu dorsiisuu hin qabu'

Madda suuraa, Getty Images
Masriin waraanaashee Ergama Deeggarsa fi Tasgabbii Somaaliyaa Gamtaa Afriikaa haaraa jalatti bobbaasuunshee ''kaayyoo dorsiisa biyya kamuutu'' hin qabu jedhan Pirezidantiin Masrii Abdul Fattaah Al Siisii.
Pirezidantiin Al Sisiin kan kan dubbatan wayita pirezidantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammad masaraasaaniitti simachuun Kamisa kaleessaa Amajji 23, 2025 ibsa waloo taasisaniitti ture.
Waraanni ishee ergama haaraa keessatti hammatamu ilaalchisuun pirezidantii Somaaliyaa waliin yeroo arfaffaadhaaf kan wal argan yoo ta'u, kanaanis yeroo bal'aa fudhachuu marii'achusaanii pirezidanti Al Sisiin ibsuusaanii ibsi Tajaajilli Odeeffannoo Masrii baase ibseera.
Biyyisaanii ergama Gamtaa Afriikaa haaraa ilaalchisuun ''hirmaannaan qabaannu Somaaliyaa keessatti nageenyaa fi tasgabbii buusuudhaaf malee biyya kamuu dorsiisuudhaaf kaayyoo hin qabnu'' jedhan.
Itti dabaluudhaanis ''hirmaannaan keenya kan danaa gaarii qabatudha. Waggoota 30'n darban keessatti haalli Somaaliyaa keessa jiru nu yaaddeessaa jira. Ergamni keenya adda durummaadhaan ummata Somaaliyaatiif waliin ta'insa keenya agarsiisuudha'' jedhan.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Manni maree Nageenyaa ergamni Gamtaa Afriikaa haaraan akka ergama ce'umsa Somaaliyaa Gamtaa Afriikaa bakka bu'uuf yaada murtee dabarse dhiheenya raggaasisuunsaa ni yaadatama.
Haala murtee kanaattis, biyyoonni miseensa Gamtaa Afriikaa hanga dhuma Waxabajjii dhufuutti miseensoota poolisii 1,040 dabalatee miseensoota nageenyaa gara kuma 12 erga haaraa keessatti akka bobbaasaniif hayyameera.
Itoophiyaa fi Somaaliyaan ergama Gamtaa Afriikaa haaraa keessatti wal ta'insaan hojjachuuf waliigaltee irra gahusaanii kanaan dura Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa beeksiisuun isaa ni yaadatama.
Ministeerri Dhimma Alaa ibsa dhuma baatii Muddeerratti baaseen, cufaadhumatti biyyoonni lamaan ergamicharratti waloon ni hojjatu jedhuulleen loltoonni Itoophiyaa ergama haaraa amma bobbaafamu keessatti hammatamusaanii ilaalchisee kan jedhe hin jiru.
Waldhabdeen Itoophiyaa fi Somaaliyaa jidduu ture waliigaltee Ankaaraatiin furamu hordofee Somaaliyaan loltoota Itoophiyaa ergama Gamtaa Afrikaa haraa keessatti akka hin hammannee murtee dabarsitee turte jijjiruudhaan ergamicha keessatti hirmaachiisuudhaaf yaadaa akka jirtu gabaafamee ture.

Madda suuraa, Somalia National News Agency
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Itopophiyaan hanga waliigaltee Somaaliilaand kan walabumaashee labsite waliin mallatteessite sana hanga haqxuutti waraanni ishee ergamicha keessatti akka hin hammatamne qondaaltoonni Somaaliyaa irra deddeebiin akeekkachiisaa turan.
Waliigaltee Ankaaraa waldhabdee Somaaliyaafi Itoophiyaa jidduu ture kan tasgabbeessee mallatteeffamuu hordofee dhiheenya kana Pirezidantiin Somaaliyaa hasaan Sheek Mahaammad Finfinneeti argamuudhaan MM Itoophiyaa Abiy Ahimad waliin wal arguun mari'ataniiru.
Kamisa kaleessaa ammoo Pirezindatiin Somaaliyaa affeerraa pirezidanti Abdul Fattaah Al Sisiitiin gara Masiriitti qajeeluusaanii maddi oduu Somaaliyaa Sonaan gabaaseera
Pirezidantiin Masrii gitasaanii Somaaliyaa kan affeeran ''yaalii waloo shorrkeessummaa dhabamsiisuuf taasisan cimsuu fi nageenyaafi tasgabbii qaxanichaa irratti walta'u'' irratti mari'achuuf akka ta'e Sonaan dabaluun gabaaseera.
Biyyoonni lamaan waliigaltee waraanaa kanaan dura waliin mallatteessaniin alattis walitti dhufeenya siyaasaa, aadaa fi diingadee haala hammateen gara walta'iinsa tarsimootti guddiisuudhaaf waliigaltee siyaasa waloo irra gahaniiru jedheera.












