Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yukireen xayyaarota waraanaa Raashiyaa dirooniin barbadeessuun Mooskoof ergaa maalii qaba?
Yukireen haleellaa diroonii buufataalee xayyaarota waraanaa irratti gaggessuun kasaaraa dolaara biliyeena torbatti shallagamu Raashiyaarraan gahuu ibsite.
Haleellan diroonii buufataalee xayyaarota waraanaashee irratti gaggeeffamuu Raashiyaanuu amanteetti.
Yukireen oppireeshinii "Spider Web" jedhamuun moggaaste kana gaggeessuuf waggaa tokkoo ol irratti hojjataa turte.
Biyyattiin kanaan dura haleellaa garaa garaa daangaa Raashiyaa keessatti raawwatteetti.
Akkuma waraanni eegalee tureen doonii waraanaa Raashiyaan ittiin boontu Moskova jedhamu haleeluun dhidhimsitee turte.
Haa ta'u garuu haleellaan alanaa akkaan guddaafi Yukireen milkii waraanaa guddaa kan itti argatte fakkaata.
Humni Tikaa Yukireen (SBU) odeeffannoo miidiyaleef kenneen, oppireeshinii kana qindeessuun ji'oota 18 fudhate.
Haleellaa kana Raashiyaarratti gaggeessuf dirooniwwan xixiqqoon dhibbaan lakkaa'aman dhoksaan gara daangaa Raashiyaa bakkeewwan garaa garaa geeffamun bakka buufataalee xayyaarota waraanaa Raashiyaatti dhiyoo jiran dhokfaman.
Dirooniwwan kunneen fageenyarraa kan to'taman yoo ta'an, xayyaaronni Raashiyaa heddu akka manca'an Yukireen beeksifteetti.
Haleellaa diroonii Yukireen raawwwatte kanaan xayyaaronni waraanaa Raashiyaan haleellaa misaa'elaafi boombii gaggeessuf itti fayyadamtu "Strategic bombers" jedhamun heddu akka manca'an himama.
"Oppireeshiniin odeeffannoo tikaan daabalamee raawwatame akkanaa addunyaarratti ta'ee hin beeku," jedha xinxaalan waraanaa Serhii Kuuzan turtii TV Yukireen waliin taasiseen.
"Xayaaronni waraanaa kunneen fageenyarraa haleellaa nurratti gaggeessuu kan danda'aniidha. [Raashiyaan] xayyaarota gosa kanaa 120 qofa qabdi. Isaan keessaa 40 mancaasnerra. Kuni ragaa qabatamaadha," jedha.
Miidhaa xayyaarota waraanaa Raashiyaarra gahe gargar baasun rakkisaa ta'us, Yukireen haleellaa akkasii raawwachuu danda'uunsheetuu Raashiyaarratti dhiibban fidu salphaa akka hin taane hima biloogara waraaraanaa Yukireeen kan ta'e Oleeksaandar Kovaaleenkoo.
Raashiyaan haala amma irra jirtuun xayyaarota waraanaa haleellaa misaa'elaaf boombii gaggeessuf gargaaran jalaa manca'an deebistee bakka buusuu akka hin dandeenyes ibsa.
Xayaaronni Raashiyaa haleellaa Yukireen gaggeessiteen manca'uun himamu kunneen Tu-95, Tu-22, fi Tu-160 fa'aa akka ta'an kan himu Oleeksaandar, xayyaaronni kun ammatti omishamaa hin jiran. Raashiyaan xayyaarota kanneen bakka buusus ta'ee suphuu hin dandeessu jedha.
Keessumaa xayyaarri supparsoonikii Tu-60 jalaa haleelamuun Raashiyaaf kasaaraa guddaa akka ta'e kaasa.
Miidhaa qabatamaa xayyaarota waraanaa Raashiyaa irra gaheen olitti, Oppireeshiniin "Spider Web" Yukireen gaggeessite Raashiyaa qofaaf osoo hin taane biyyoota lixaa michuu Yukireen ta'aniifis ergaa kan qabuudha.
Waa'ee haleellaa Yukireen kanaa odeeffannoon dursaa akka ishee hin geenye US beeksifteetti.
Waraana Raashiyaafi Yukireen gidduutti waggaa sadiif gaggeeffamaa jiru kanaan, Yukireen waraanichaan mo'amaa jirti jechuun abdii kutataa waan dhufan fakkaata.
Yukireen haleellaa qindaa'aa akkasii daangaa Raashiyaa keessatti gaggeessiti jedhaniis yaada keessaa waan qaban hin fakkaatu.
Ji'ootan dura atakaaroo Tiraampifi Zeleniskii gidduutti uumameen, "kaardii ittiin xaphattu hin qabdu" jechuun Tiraamp Zeleniskiitti dheekkamuun ni yaadatama.
Gaazexeessaa waraana Yukireen kan taate Iliyaa Ponomareenkoo, "Biyyi haleellaa jala jirtu kanneen Yukireen mo'amuuf ji'a jaha qofatu hafe, kaardii hin qabdan, nagaaf jecha harka laadhaa, Raashiyaan mo'amuu hin dandeessu jedhan dhgahuu gaafa diddu waan ajaa'ibaa akkasii hojjatti" jechuun fuula X gubbaatti barreessite.
Yukireen kaardii hin qabdu jedhamtus har'a kaardii akka qabduufi xaphachuu akka dandeessu ifatti agarsiistetti jechuun biyyoota lixaaf ergaa dhaamaa jiru lammiilen Yukireen.
Gama biraan ammoo marii marsaa lammataa gaggeessuf Raashiyaafi Yukireen Turkiitti wal-arguuf jiru.
Bakka bu'oonni Yukireen hatattamaan dhukaasni akka dhaabatu jechuuf kaardii kana baattatanii gara Istaanbul qajeelu.
Raashiyaan adda waraanatti olaantummaa argachaa dhuftus, Yukireen salphaatti mo'amuu akka hin dandeenye haleellaa buufataalee xayyaarota waraanaa Raashiyaarratti dhuma torban kanaa gaggeessite Raashiyaafis ta'ee Tiraampif ergaa waan dhaamte fakkaatti.