Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Riqichi baabura imaltoota baatee deemaa ture irratti kufee namoonni du'an
Raashiyaatti riqichi daandii saffisaa baabura dhihoo daangaa Yukireen irra deemaa ture irratti kufee yoo xiqqaate namoonni torba du'uu hojjettoonni yeroo balaa beeksisan.
Sanbata kaleessaa riqichi Biraaniski keessatti argamu gaafa cabu konkolaataawwan gurguddaa baabura imaltootaa kara gadiin deemaa jiru irratti kuffise jennaan namoonni torba du'anii, namoonni 31 madaa'aniiru
Ministeerrii Balaa tasaa Raashiyaa tuutni ibiddaafi baraartotaa namoota baaburaan deemaa turan barbaadaa jiru jedhan.
Tajaajjilli Baaburaa Moskoo Telegiraamii irratti akka ibsetti riqichi kuni kan kufe ''oppireeshinii geejibaa irratti waanti seeraan ala itti bu'ame waan jiruufi,''
Dilbata ganama ammoo riqichi daandii saffisaa naannoo Kuurisk keessa jiru biraan kufee jedhan bulchaan Kuurisk Oblaast Aleeksaandar Kahiinistan.
Baaburri miya fe'ee riqicha kanarra deemaa kan ture yoo tahu walakkaan baaburichaa cabee daandii jala jiru irratti kufe.
Kanaan booda baaburichi ibidda qabatee, konkolaachisaan miila isaarra miidhaan qaqqabeera.
Balaa isa jalqabaarraa suuraaleen qoodaman akka agarsiisanitti namoonni caccabaa sibiilaa keessaa yeroo bahuuf yaalanitti mul'ata.
Bulchaan naannichaa Aleeksaandar Bogoomaaz Telegiraam irratti akka barreessanitti ''namoonni torba lubbuun darbee daa'imni tokko ammoo akka malee miidhameera.''
Namoonni madaa'an hundi gara buufata fayyaa Biraaniskitti geeffamaniiru.
Waajirri abbaa alangee geejiba naannolee Moskoo ka'umsi balaa kanaa qoratamaa jira jedhe.
Qondaaltoonni akka jedhanitti yeroo riqichi kuni kufe motora baaburaa dabalatee konkolaataawwan biroo caccabanii manca'aniiru.
Hojjettoota yeroo balaa dabalatee meeshaaleen namoota baraaruuf barbaachisan gara naannichaatti ergamaniiru jechuun miidiyaalee biyya keessaa gabaasaniiru.
Baaburri Kilinoovoo irraa ka'ee gara Moskoo deemaa ture naannoo Vaaygoonichiskii yeroo gahu dha riqichi kan kufe.
Yeroo balaan kuni uumame imaltoonni gara buufata dhihoo jiruttu geeffamuu Geejbni Moskoo hime. ''Baabura yeroo balaan akkasii uumamu hojjetuun imaltoonni kunneen gara Moskoos geeffamaniiru,'' jedhe.
Balaan kuni daangaaa Yukireem irraa lafa km100 fagaatu irratti mudate.