Jarman Yukireen misaa'ela fageenya dheeraa akka omishtu gargaaruuf waadaa galte

Chaansilarri haaraan Jarman, Fireedrik Meerz'n, Barliin Kiiv haleellaa Raashiyaa irraa of ittisuudhaaf misaa'ela fageenya dheeraa qaqqabu omishuuf akka gargaartu, pirezidantii Yukireen Volodymiir Zeleniskiitti himan.

''Waa'ee omishaa dubbachuu barbaanna, garuu bal'inasaa ifatti hin ibsinu,'' jechuun Jarmaniin misaa'ela Taawuras ishee Kiiviif ni dhiheessiti jechuun Barliin keessatti gaazexeessita gaafatamaniif deebiisan.

Meerziin jalqaba baatii kanaa aangoo kan qaban yoo ta'u, deeggarsa Jarmaniin Yukireeniif taasiiftu cimsuuf waadaa galaniiru.

Torbana kana ammoo, meeshaalee waraanaa michoota biyyoota lixaa Kiiviif dhiyeessan irratti daangeeffamni kamuu "kana booda" akka hin jirre dubbataniiru.

Misaa'elli Taawurus fageenya kilomeetira 500 (maayilsii 310) kan qabu yoo ta'u, misaa'eloota fageenya dheeraa ilaman kan biroo caalaa daangaa Raashiyaa keessaa gadi fageenyaan gahuu danda'a.

Meerz ibsa gaazexeessitootaaf hogganaa Yukireen waliin kennan irratti misaa'ela Taawuras maqaa kan hin eerre ta'us, Roobii gara boodarratti ministeera ittisaa Jarmanii fi Yukireen jidduutti "waliigalteen wal hubannoo" misaa'ela fageenya dheeraa akka mallattaa'u dubbataniiru.

Kireemliin ammoo murtoon dhorkaa dheerina misaa'ela Yukireen fayyadamuu dandeessu dhaabuuf taasifamu kamiiyyuu jijjiirama imaammataa baay'ee balaa qabuufi tattaaffii waliigaltee siyaasaa irra ga'uuf godhamu miidhu akka danada'u akeekkachiifte.

Haata'u malee, Meerz ergasii murtoon dhorkaa fageenya meeshaalee kaasuun ji'oota dura michoota warra lixaatiin akka fudhatame cimsee ibseera.

Chaansilarri haaraan kun deeggarsa Yukireen irratti hogganaa Jaramn isaan dura turan Olaaf Scholz caalaa baay'ee mirkanaa'aa ta'e jabbeessuuf yaalaa jiru. Hanga ammaatti milkaa'aa jira.

Bal'ina karoora tumsa misaa'elaa Meerz ilaalchisee gaaffiin hedduun jiraachuu danda'a. Haata'u malee, labsiiwwan gurguddaa Kireemliin mormuu dandeessu baasuuf fedhiin inni qabu eeggannoo mootummaa isa duraa qabaachaa tureen baay'ee faallaadha.

Meerz ibsa Zelensikii waliin gaazexeessitootaaf kennaniin, hanga barbaachisaa ta'etti Yukireen deeggaruu akka itti fufan waadaa kan seenan yoo ta'u, Moskoon marii nagaa dabalataa irratti hirmaachuu diduunshee "bu'aa dhugaa" akka qabaatu akeekkachiisan.

Zeleniskiin mariichi hoggantoota sadii; "Tiraamp-Puutiin-ana" hirmaachisuun marii waraanicharratti waliigaltee irra ga'uuf kaayyeffate akka gaggeeffamu gaafateera, akkasumas, bifa kamiif iyyuu qophii ta'uu isaa dabaluun dubbateera.

Dubbi himaan Kireemliin Dimitrii Peeskoov yaada kana battalatti hin kufne, garuu walgahiin akkanaa kan raawwatamuu danda'u erga ''jila lamaan gidduutti ''waliigaltee qabatamaa'' irra ga'amee booda qofadha'' jedhan.

Yukireen fi Raashiyaan jalqaba baatii kanaa Istaanbul keessatti waggoota sadii oliin booda kallattiin marii isa jalqabaa taa'anilleen, walgahiin kun qondaaltota sadarkaa gadaanaa kan hirmaachisuun booji'amtoota wal jijjiirruu qofaa irratti waliigaluu danda'an. Booji'amtoonnis dhuma torbee darbeewal jijjiramaniiru.

Roobii darbe ammoo Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa, Sargee Laavroov dhuguma Moskoo Kiiv waliin marii nagaa marsaa lammaffaa gaggeessuuf qophii ta'uu ibsan.

Akka ibsa dhaabbata oduu mootummaa Raashiyaa, Tass irratti maxxanfametti, mariin marsaa ittaanu Waxabajjii 2 Istaanbul keessatti gaggeeffama.

"Namoonni jecha qofaan osoo hin taane garaarraa, milkaa'ina adeemsa nagaa kanaaf fedhii qaban hundi marii kallattiin Raashiyaa fi Yukireen marsaa haaraa gaggeessuu akka deeggaran abdii qabna," jedhan Laavroov.

Oduun kunis kan ba'e erga itti gaafatamaan jila Raashiyaa marii nagaa Yukireen irratti hirmaatn, Vliaadimiir Medinskiin, lola kana dhaabuuf waliigaltee wal hubannoo (ykn haal-duree) waljijjiiruuf guyyaa fi bakka ilaalchisee karoora dhiyeessuun gara Kiivitti erguu isaanii erga dubbatanii boodadha.

Laavroov's kaan dura, Moskoo Yukireen ''haala giddu galeessa, kan hin loognee fi niwukilaraa hin taane'' mirkaneessuuf akka ilaaltu ifa godhanii ture.

Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp torban kana keessa Raashiyaan marii dabalataa gara fuulduraatti tarkaanfachuu dhabuusheetiin obsi isaanii dhumaa akka jiru ibsaniiru

Haleellaa misaa'elaa Raashiyaan Yukireen irratti raawwachuun daa'imman dabalatee, lubbuu lammiilee Yukireen 13 ajjeeseetiin booda, Vilaadmiir Puutiin ''ibiddaan taphachaa jira'' jechuun himate.

Haata'u malee, qondaaltonni Raashiyaa Tiraamp haala waldhabdee kanaarratti odeeffannoo gahaa akka hin arganne yaada dhiyeessan.

Pirezdaantiin Yukireen Waashingitan damee baankii fi inarjii Raashiyaa irratti qoqqobbii akka keessuuf gaafataniiru.

Dhimma kanarratti Tiraamp waliin mari'achuu isaanii ibsuun, pirezidaantiin Ameerikaa ''Raashiyaan haleellaa yoo hin dhaabbanne qoqqobbii akka kaa'amu mirkaneessaniiru'' jedhan.

Sochiin dippilomaasii itti fufee jiraatus, waraanni Yukireen halkan hanga Roobiitti hanga ammaatti galma diroonii Raashiyaa irratti raawwate guddaa ta'e keessaa tokko raawwachuu kan gabaase yoo ta'u, Zeleniskiin ammoo Raashiyaan guyyoota sadii keessatti diroonii 900 ol furguggiftee Wiixata ganama barii xumuramuushee ibseera.

Lola lafootiin humni ittisaa Yukireen kaaba bahaatti keessatti humnoot Raashiyaatiin miidhaan irra gahu dabalaa dhufeera.

Zeleniskiin akka jedhanitti, Moskoon loltoota 50,000 ol adda waraanaa Saamii irratti ''walitti qabaa'' jirti. Kunis, bakka humnoonni Raashiyaa gandoota hedduu daangaa Yukireen ce'anii qabatanii fi kan Puutiin ''naannoo nageenyaa'' jedhee waameedha.

Bulchaan Saamii Oleh Hryhorov akka jedhanitti, humnoonni Raashiyaa gandoota afur qabachuudhaan naannawa qubsuma biroo naannoo sanatti argamutti ammoo lola itti fufee jira.

Waraanni Raashiyaafi Yukireen jidduutti gaggeeffamu amma waggaa afraffaa isaa qabateera. Lubbuu namoota kuma kudhaniin lakkaa'aman kan galaafate yoo ta'u, bahaa fi kibba Yukireen baay'eensasa diigamee jira.

Moskoo bara 2014tti Kiriimiyaa dabalatee naannoo biyyattii keessaa tilmaamaan harka shan keessaa tokko to'atti.

Zeleniskiin Moskoo adeemsa nagaa harkisaa jirtii jechuun himachuun, marii Istaanbulitti gaggeeffame hordofuunis ammallee waliigaltee wal hubannoo nagaa waadaa galame akka hin dhiyeessine dubbataniiru. Peskoov sanadni kun ''sadarkaa dhumaa'' irra akka jiru cimsee dubbateera.