Dhimma karoora dhukaasa dhaabuu Gaazaa ilaalchisee kan jidduu galaa jirtu Ameerikaa dabalatee qaamooleen wal lolaa jiran Israa'eliifi Hamaas waan jedhan qabu.
Waayit Haawus akka jedhutti, pirezidaant Doonaald Tiraamp fi ergamaan addaasaanii Isteev Wiitkoof waliigaltee dhukaasa dhaabuu Hamaasiif dhiyeessan kan Israa'el ''mallatteessitedha'' jedha.
''Mariin sun ammas itti fufee jira,'' jechuun ibse Waayit Haawus Kamisa darbe. Haata'u malee, qabiyyee yaada dhihaate jedhameerratti bal'inaan hin ibsine.
Mootummaan Israa'el ammoo karooricharratti ifatti yaada hin kennine.
Haata'u malee, Ministirri Muummee biyyattii Beenjaamin Netaaniyaahuun walgahii Kamisa darbe maatii namoota firoonni jalaa booji'aman waliin taa'aniin karoora kana fudhachuusaanii fi Hamaas batalatti deebii akka hin kennine himaniiru.
TVn Israa'el Chaanaalii 12 akka gabaasetti, Netaaniyaahuun walgahii sanarratti akkas jedhe: "Karoora Witkoof isa haaraa galgala kana nuuf dabarfame fudhachuuf waliigalleerra. Hamaas ammallee deebii hin kennine. Hamaas namoota bute kan dhumaa ni gadhiisa jennee hin amannu. Hanga namoonni butaman hundi harka keenyatti deebii'aniitti Istiriippicha keessaa hin baanu."
Hamaas ammallee waliigaltee kana ilaalaa kan jiru yoo ta'u, yaada ofiisaa hin baafne.
Haata'u malee, qondaalli olaanaan Hamaas tokko BBCtti akka himaniitti, dhukaasa dhaabuun yeroo gara dhukaasa dhaabuu dhaabbataatti akka geessuu wabii kennuu, ykn gara pirootokoolii namoomaa kan akka yeroo dhukaasa dhaabuu xumurameetti konkolaattonni gargaarsaa dhibbaan lakkaa'aman guyyaatti Gaazaa akka seenan hayyametti deebi'uu dabalatee, karoorichi gaaffii isa ijoo ka'an akka hin deebiifne dubbatan.
Haata'u malee, qondaalli kun Hamaas jiddu-galeessitoota waliin qunnamtii kan qabu yoo ta'u, yeroo isaa eeggatee deebii barreeffamaa akka dhiyeessu dubbatan.