Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Seenaan daa'ima haadhasheen gurguramtee uummata qalbii cabsee, boossise
Gochaa akkasii kana baayyee dhagahee hin beeku. Haadha daheetu namoota biraa lama waliin ta'uun intalashee kan umuriin waggaa jahaa gurgurattee bakka buuteenshee dhabame
Jarreen kunneen sadanis balleessaa raawwataniitti sababii gaabbii hin agarsiifneef jedhamuun haala wal qixa ta'een hidhaan umurii guutuu kaleessa itti murtaa'eera.
Viidiyoon Joshlin Ismiiz wayita kofaltu agarsiisu dhaddacha keessatti yemmuu agarsiifamutti hirmaattonni dhaddachichaa hedduun ni boo'an.
Daa'imni kichuun umurii waggaa jahaa kun waggaa tokko dura ture achi buuteenshee kan dhabame.
Haata'u malee dhabamuu daa'ima kanaa duuba adda durummaan kan shakkame harmeeshee garaatti baattee ishee deessedha.
Harmeen daa'ima kanaa Keelii Ismiiz ji'a tokko dura ture manni murtii yakka daa'ima waggaa jahaa intalashee taate butuun akkasumas daddabarsuun balleessaadha kan jedheen.
Sababni harmeen kun daa'imashee itti gurgurtemmoo maallaqa waan araadasheef tahu ittiin bitattu argachuuf akka ta'e amanama.
Himatamtuun umrii waggaa 35 kun jaalalleeshee Jaakuwiin Appoolis akkasumas hiriyaa jara lamaanii kan ta'e Stevenoo Vaan Rin waliini murteen balleessummaa kan irratti murame.
Kanneen murtiif jecha ragaa kennan keessaa tokko harmeen kun intalashee waggaa jahaa kan taate Joshlin hakiima ''aadaa Afrikaa'' Kibbaa keessatti "sangoma" jedhamuun beekamutti akka gurgurte dubbatan. Hakiimni aadaa kunis "ijaa fi gogaa daa'ima kanaa barbaada" jedhan.
Paastariin naannichaa tokkos himatamtuun ijoolleeshee sadeen yoo ta'e tokkon tokkonsaanii Raandii 20,000 (Birrii 144,000'tti) yoo hin taane ammoo birrii 36,000 osoo argatteyyuu akka gurgurtu yeroo dubbattu dhagahuusaa hime.
Haadha himatamtuu kan ta'anfii ijoollee lamaan hafan guddisaa kan jiran Amaandaa Ismiiz, "akkamiin rafuufii jiraachuu dandeessa?" jechuun intalasaanii dhaddacharratti gaafatan.
Harmeen kun wayita viidiyoon Joshlin dhaddacha keessatti agarsiifamutti hinqirfatanii booyan.
Wanta Joshlin mudate namuu hinbeeku
Daa'imni waggaa jahaa Joshlin, Guraandhala 2024 erga eessabuuteenshee dhabamee booda maaltu akka ishee mudate yookiin maal akka taate namuu hinbeeku.
Haata'u malee, daa'imni kun akka badde dhagahamnaan guutuu biyyattiitti rifaatuun uumame.
Qorattuu yakkaafii Afrikaa Kibbaatti qindeessituu dhimma daa'imman dhabamanii kan taate Biyaankaa Vaan Asweegeen, dhimma Joshlin kana mudannoo daa'ima Biriteen bara 2007 Porchugaal keessatti baddee Maadelin Maak-kaan waliin walqabsiisuun dubbatte.
Waqtii sanatti daa'ima umrii waggaa sadii kan turte Maadalin maatiishee waiin gara Porchugaal bashannanaaf erga deemtee booda mana keessa turan keessaa badde.
Mudannoon Maadelin kunis seenaa namoota badanii dhabamanii hafan keessatti mudannoowwan icciitii ta'anii hafan keessaa tokko ta'e.
Dhabamuun eessa buutee Joshliinis lammiilee Afrikaa Kibbaaf gaaffii waggaa tokkoo oliif hindeebine ta'eera.
Dhaddacha booda BBC'tti kan dubbatte Biyaankaan, "himatamtoota sadeen irratti murteen darbuunsaa boqonnaa sammuu kan laatu ta'ullee Joshlin eessa akka jirtu beekamuu dhabuunsaa gaaffii lammiileen Afrikaa Kibbaa gaafachaa jiranidha" jette.
Jireenya rakkoon guutame…
Harmeeshee himatamtuu Keeli Ismiiz fi abbaashee Hoozee Emke irraa ALA Onkololeessa 2017 kan dhalatte Joshlin, umriishee gabaabduu keessatti rakkoo heddu agarte.
Joshlin fi obboleessishee hangafaa yeroo ammaa daa'ima waggaa 11 ta'e maatiisaaniin dagatamanii akka turan hojjetaan hawaasaa dhaddacharratti ragaa baheera.
Gama biraatiin akaakayyuushee waliin kan guddatte harmeensaanii Keeli Ismiiz umriishee waggaa 15 irraa eegalee araada keessa turuusheefii ijoolleeshee miidhaa akka turte hojjetaan hawaasaa kun dubbate.
Kana malees Keeliin wayita akkaakayyuunshee sababa araadasheetiin manaa ishee ariitetti daa'ima ofii haadaan akka waraantu dhaadachuunshees himameera.
Murtee kennamefii barbaacha itti fufe
Manni Murtii Afrikaa Kibbaa waahillanshee waliin ta'uun intalashee buttee daddabarsiteerti jedhee kan amane Keelii Ismiiz, jaalalleeshee Jaakuwiin Appoolis akkasumas hiriyaasaanii Stevenoo Vaan Rin irratti adabbii cimaa murteesse.
Manni murtichaa himatamtoota sadeen irratti yakka daddabarsa namaan hidhaa umrii guutuu akkasumas yakka daa'ima waggaa jahaa butuun hidhaa dabalataa waggaa 10 irratti murteesse.
Qorattuun yakkaafii qindeessituun dhimma daa'imman dhabamanii kan taate Biyaankaa Vaan Aswegen, yakkoonni akkanaa Afrikaa Kibbaa keessatti baay'inaan raawwatamanillee kan Joshlin garuu qalbii lammiilee biyyattii kan hawwate ta'uu dubbatte.
Dhimmichi dhageettii akka argatu gama gochuutiin miidiyaan hawaasaa gumaacha olaanaa taasisuufii dhaabbileen siyaasaallee dhimmicha hordofuusaanii kaaste.
Marsariitiin miidiyaa Afrikaa Kibbaa IOL akka himutti bara 2024 darbe keessa biyyattii keessatti daa'imman 632 baduunsaanii gabaafameera. Waggoota 10 darban keessattimmoo daa'imman 8,743 baduusaaniitu gabaafame.
Dubbi himtuun Poolisii Afrikaa Kibbaa Atileendaa Maatee, daa'imman dhabaman kunneen keessaa baay'eensaanii argamanii maatiisaanii waliin makamuu himaniiru.
Kana malees poolisiin barbaacha Joshlin akka itti fufu himameera.