Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Magaalaa Afrikaa wiirtuu yakkaa irraa gara hawwatamuutti ce'aa jirtu
Gubbaa gamoolee beekamoo magaalaa Afrikaa Kibbaa Johaannesbarg keessatti argaman keessaa tokko kan ta'e Ponte Tower irraa yoo asii gadi ilaalamu wanti mul'atu nama ajaa'ibsiisa.
Gamoon kun bara 1975 kan ijaarame yoo ta'u, dheerinni isaa gara meetira 200ti. Innis yeroo dheeraaf samii magaalattii keessatti kan dhaabatu yoo ta'u, yeroo tokko gamoo mana jireenyaa Afrikaa keessaa isa dheeraa ture.
Haata'u malee, magaalattii bu'aa fi ba'ii mataashee qabdi turte. Bara 1980moota keessa gareewwan yakkamtootaan kan fudhatame ture.
"Gamoon kun butamee ture. Tajaajilli sababii hin jirreef, namoonni baay'een balfaa manasaanii gamoo sana keessatti darbachaa turan, kunis hanga darbii 14ffaa ga'utti," jedha Deliit Sitoole gamoo kana kan daawwate.
Itti dabaluunis, ''Akkasumas reeffi namoota muraasaa, meeshaa waraanaa seeraan alaa, qorichi sammoo hadochus achi ture. Ajaan gamoo sana keessaa bahu akuma jaanaba lafarraati.
''Osoo naannawa gamichaatti maal akka raawwatamu enyuunu gaafattee, waan nama sodaachisu ykn adda ta'e kan himu hidhamu'' jedha Siifiisoo Zikaalii kan Mr Sitool waliin dhaabbata Dlaalaa Njee afaan Zuuluutiin ''taphadhu'' jedhu keessa waliin hojjatan.
''Namoonni waa'ee ollaa sanaa baayyee sodaatu'' jedha.
Johaansibargi akka magaalota addunyaa kanaa balaafamoo keessaa akka tokkootti ilaalamaa turte.
Garuu gamoon kun waggoota 15 dura waancaa addunyaa Fifaa Afrikaa Kibbaatti qophaa'e hordofee jijjiramuudhaan, deebi'anii namoonni seenuu jalqaban.
Weerara Covid-19n booda namoonni gamoo kanatti deebi'uudhaan amma gamichi harka afur keessaa sadii namaan guutee jira.
Afriikaa Kibbaatti Istaatistiksii dhiheenya kana bahe mallattoon fooyya'iinsa haa agarsiisu malee, yakki ammallee dhimma guddaadha.
Adda ciccituun ibsaa waggootaaf magaalattii dhiphisaa ture, amma garuu erga waggaa tokkootii as rakkoo bishaaniitu mul'achaa jira. Jiraattoonni hedduun bishaan malee hafaa jiru.
Balaan ibbidaa gamoo Giddugaleessa daldala Kutaa (CBD) keessatti bara 2023tti mudachuun namoota 80tti siqan galaafatee kan ture yoo ta'u, dhimma gamoowwan qabamuu, mana jireenyaafi kutaalee appaartimantiiwwan namoonni keessa hin jiraannee gareewwan yakkamtootaan dhunfatamuun namoota achi jiraatan kanfalchiisaa jiraachuusaanii kan saaxilee ture.
Kun naannoo dhaabbata qabeenyaa Iteembaa kan afaan Zuluutiin "abdii" jedhamuuti. Innis dhaabbata daldala Johaanisbarg keessatti guddachaa jiru argaa jiruudha.
Guyyoota muraasaan booda, daawwannaa misooma mana jireenyaa ijoo Iteembaa keessaa tokko kan 'Jewel City' jedhamurratti, hogganaan olaanaa Alaan Taayit jijjiirama kana ibsa.
"Fedhiin jiru waan ajaa'ibaati, fedhiin sun immoo addatti jidduugala magaalaa (CBD) keessa jiraachuudha," jedhan.
Dhaabbatichi yeroo ammaa qabeenya kuma 7, 200 kireessaa kan jiru yoo ta'u, waggoota lamaan dhufan keessattis dachaa lamaa akka guddisu eegama jedhan.
Maqaa ka'umsa isaa kan moggaafame akka aanaa daldala daayimandii akkuma gamoo Poonte kan naannoon barbadaa'ee deebi'ee ka'eeti.
"Jewel City gara waggaa shanii dura akkuma Covid mudatee turen jalqabne. Kanaaf yeroonsaa xiqqoo addadha. Haata'u malee, akkuma Covid badeen, gamoowwan atattamaan guutaman," jedhu.
Yeroo qarqara misooma sanaatti dhihaannu, daandii balali'aa jalatti ibsaa dheeraa tokko akeeka. Naannoo yeroo muraasaaf dukkanaa'aa turetti ifa akka kennan kan kaa'aman yoo ta'u, kunis sababa guddaan fe'umsa magaalattii irratti dhiibbaa uume irraa kan ka'edha.
Innis qaama kaka'umsa garee JoziMyJozi jedhaman kan bara 2023tti eegalameedha. Pirojektoota jalqabaa isaa keessaa tokko riqicha Nelsan Maandeellaa, giddugala magaalattii ta'e ibsuu ture. Kanaanis namoonni itti fayyadamuudhaaf naga qabeessa akka ta'e deebii'anii akka argatan gochuudha.
"Kanaaf kaayyoon JoziMyJozi, guutuun abdii jiraattota magaalattii deebisuudha," jedhan Bee Iswaanepuul, hojii gaggeessaa olaanaan dhaabbatichaa, mooraa waajjira ishee Rosebank, kan kaaba giddugala magaalattii duuba jiru keessatti.
"Abdii deebisuudhaan, fooyya'iinsa mul'ataa fi pirojektoota dhiibbaa qabaatan muraasa agarsiisuu barbaadna akkasumas bakka amma jirru keessaa karaan ittiin bahan jiraachu isaaniitti agarsiisuu barbaadna, magaalaa gara fuula duraa, bakka itti namoonni nageenya qabaachuu danda'anii fi bakka itti guddachuu danda'anii akkasumas bakka hojiin jiru keessa jiraachuu akka danda'an argasiisuu barbaadna."
Gareen kun pirojektii karra, seensa gurguddoo kurnan magaalattii qulqulleessuuf tattaaffii taasifamus kan jalqabe yoo ta'u, boollarraa kaasee hanga barnoota kanneen mana jireenyaa hin qabneetti waan hunda furuu jalqabaniiru.
Waa'een Johaannesbarg gaaf tokko akka Landan, Paaris ykn Niiw Yoorkitti dubbatamuu danda'amaa laata?
"Eeyyee, akeekni jiru kanumadha," jedhan Aadde Iswaanepuul. "Wanti Joburg keessatti ta'aa jiru baay'een isaa ilaalcha irraa kan ka'edha. Karaa imalluu dheeraa qabna. Kana jechuunkoos, waa'ee isaarratti shakkiin hin jiru, garuu waan hin danda'amne miti. Kaanee magaalota Afrikaatiif ulaagaa warqee ta'uu qabna."
Magaalattiin dhuma bara kanaarratti garee G20 keessummeessuu qophaa'aa kan jirtu yoo ta'u, kunis invastimantii fi xiyyeeffannoo haaraa magaalattiif fida.
Masaraa Ponte gamoo 51ffaa irratti deebi'uun, Sifiso Zikhali foddaa keessaa gadi ilaala. Dlaalaa Nje ergama isaatiin milkaa'aan jira jedhee yaadaa?
"Eeyyee jirra, sababni isaas qormaanni keenya guddaan tokko namoota akka as dhufan gochuu ture. Amma hawwata magaalattii keessaa isa tokko taatee jirti. Kun magaalaa keenya, waanuma nu mudatu kamiyyuu dhumarratti furmaata barbaaduu qabna," jedhan.