Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Addunyaarratti magaaloonni jireenyaaf mijatoo ta’an 10 isaan kam?
Addunyaarratti magaaloonni jireenyaaf mijatodha jedhaman 10 ifa ta’aniiru. Magaaloonnis kan dansaadha jedhamuun filataman sababii jireenyaaf mijatoo ta’aniifiidha.
Magaalonni Awurooppaa sadarkaa 1-3 qabataniiru.
Haaluma kanaanis magaalaan guddoo Awustiriyaa-Veeyinaan addunyaarratti jiraanyaaf mijattuu ta'uun dursaa jirti.
Itti aansee ammoo Deemnaark-Koppan Haagan fi magaalaan Siwiizarlaand- Zuuriik sadarkaa lammaaffaa fi sadaffaa qabataniiru.
Magaalaan Kaanaadaa Kaalgaariifi Vaankuvar ammoo sadarkaa arfaffaa irra kan ta’aan yoo ta’u, magaalaan Siwiizarlaand-Jeeneev, magaalaan Jarman-Firaankifart, kan Kaanaadaa-Toroontoon, kan Neezerlaand- Ameestardam, kan Jaappaan-Osaakaafi magaalaan Awuustiraaliyaa-Meelbarn duraa duubaan sadarkaa jalqabaa 10 qabachuu danda’aniiru.
Sadarkaa kana ifa kan taasise Economic Intelligence Unit akka jedhuutti yoo ta’e, mijaachuun magaaloonni jireenyaaf qaban dabalulleen, jidduuggalli idil-addunyaa garuu ammalleen gadaanaadha jedhameera.
Dhimmoota jireenyaaf mijachuuf ilaalaman keessaa tokko dhiibbaa tatamsa’ina Covid ta’un eerameera.
Waraanni Yukireen ammoo magaalaan Kiiyeev qorannoon adda akka taatu yoo dirqisiisu, qabxii magaaloota Raashiyaa Mooskoo fi Seent Piitarsbarg irrattis dhiibbaa taasiseera.
Sababii waraana kanaatiin sadarkaan magaaloota baha Awurooppaa gadi akka bu’u ta’eera. Sadarkaan magaaloota Awurooppaa lixaafi Kaanaadaa ammoo dursaa jiru.
Damaasqoo, Tiriippooliifi Leegoos ammoo tasgabbii hawaasummaa dhabuu, shororkeessuummaafi walitti bu’insaan walqabate sadarkaa irratti dhumarra kaa’amaniiru.
Akkasumas, qorannoo bara kanaatiin magaaloonni haaraan 33 itti dabalamaniiru.
Magaaloonni sadarkaa gadaanaa irratti argaman baayyee fooyyee hin agarsiifne jedhameera.
Magaalaan Sooriyaa Damaasqoon magaalaa sadarkaa dhumaa taateedha.
Teehiraan, Duwaalaa, Haaraaree, Daakaar, Poort Morsibaay, Kaaraachii, Aljeersi, Tiriipoolii, Leegoos fi Damaasqoon sadarkaa dhumaa 10 qabatan.
Haata’u malee, magaaloonni jireenyaaf mijachuun fooyyee agarsiisan mul’ataniiru.
Magaaloonni kunneen irra caalaa isaanii Awurooppaa lixaatti kan argaman kanneen akka Jarman, UK fi Firaans fa’idha.
Magaalaan Firaankifart Sadarkaa 32 irra turte fooyyeessuun gara sadarkaa torbaffaatti ol dhufte.
Hambuurg ammoo sadarkaa 16ffaatti ol guddatte.
Magaaloonni Niiwuzilaandiifi Awustiriyaa biroon ammoo sadarkaa irraa gadi bu’uutu gabaafame. Kanaanis Weeliingitan fi Oklaand sadarkaa 46 fi 33tti gadi bu’an.
Dhaabbatichi sadarkaa kana baasuuf haala tasgabaa’ina magaalootaa, dame fayyaa, aadaafi naannoo, barnootaafi bu’uraalee misomaa hubannoo keessa galcheera.
Dhaabbanni sadarkaa kana ifa taasisee kunis, waraanni Yukireeniifi Covid baroota dhufan irratti haala mijaa’in magaaloti jireenyaaf qaban irratti dhiibbaa ni qabaata jedhe.
Economist Intelligence Unit waggoota 70 darbaniif xinxalawwan diinagdee kennuun kan beekamu yoo ta’u, kampaanii obbooleessa gaazexaa The Economisitiiti.