Himatamaan daa'imman 18 dabalatee namoota 31 karaa seeraan alaan daangaa ceesisuuf ture adabame

Miidhamtoonni 31 kun godinaalee naannoo Oromiyaa: Arsii, Baale fi Harargee Lixaarraa walitti qabaman.

Daddabarsi namootaafii godaansi seeraan alaa lubbuu lammiilee Itoophiyaa heddu galaafataa tureera. Ammas lammiileen jireenya dhuunfaasaanii fi maatiisaanii fooyyeessuf ifaajan heddu daangaa biyyasaanii ce'anii imala aarsaa hanga lubbuu gaafatu taasisu.

Kunneen gammoojjiiwwanfi galaanawwan jiruusaanii keessatti arganii hinbeekneen nyaatamanii hawwiin ofiif fi maatii isaaniif qaban isaan waliin karaatti hafe baay'eedha.

Miidhamtoonni 31 tumsa poolisii Godina Shawaa Bahaa Magaalaa Mataahaaraatiin hafanis "Silaa warra du'e sanitti makamuuf deeman ture" jedhu Abbaa Alangaa Godina Shawaa Bahaa kan ta'an Mulummabeet Zawdee.

Himatamaan ALI Guraandhala 21, 2017 tilmaamaan galgala sa'aatii 1:00 yemmuu ta'u miidhamtoota 31 osoo karaa seeraan alaatiin daangaa ceesisuuf jedhuu to'atame Izaddin Yaasin jedhama.

Izaddin, daddabarsa namootaa seeraan alaa cancalaan hojjetamu keessatti nama tokkodha. Garuu qoodni cancala keessatti qabufii yakki ittiin himatame cimaadha.

"Izaddin Yaasin kun konkjolaachisaadha, imalchiisaadha. Qindaa'anii hojjetu; garee ammaaf hinqabamnetu jira" jedhu Abbaa Alangaa Mulummabeet.

Miidhamtoota Guraandhala 21 seeraan ala godaansifamaa turan 31keessaa 25 dhiirolii yemmuu ta'an jaha immoo dubartoota. Kana malees namoota 31 kana keessaa 18 umriinsaanii waggaa 18 gadi kan ta'anidha.

"Daa'imman keessattuu dubartoota xixxiqootu jira Harargee Lixaarraa iddoo malawwaa gurguranirraa gowwomfamanii dhufanii asiti kan makaman. Dubartoonni kuni nama jaha, dhiirris jira umrinsaanii wagga 13, 14, 15 fi 16 kan ta'e" jedhan.

Miidhamtoonni kun godinaalee naannoo Oromiyaa sadeenirraa erga walitti qabamanii booda Magaalaa Adaamaa naannoo Kurfaa jedhamutti guyyoota lamaaf tursiifaman.

Iddoon miidhamtoonni kun keessa bulaa turanis galgala galgala barjaan 'Hoteela Yarar' jedhu kan irratti maxxanfamufii guyyaa guyyaammoo barjaan kun kan ka'udha.

Haalli miidhamtoonni iddoo kanatti mana kutaa tokko keessatti dhokatanii akka turan taasifamees hamaa ture.

"Namni 31 bakka tokkotti lafarratti afameefii mana jireenyaa hinjedhamu, hoteela hinjedhamu baay'ee sururii wayiiti. Namoonni kun gara qilleessaatti osoo hinbahin guyyaa lama achi keessa bulan" jedhu Abbaa Alangaa Mulummabeet.

Imala gara galaanaa…

Himatamaa Izaddin Yaasin ALI Guraandhala 21, 2017 namota 31 kutaa tokko keessatti guyyoota lamaaf turan kunneen konkolaataa geejiba ummataa maqaa 'Doolfin' jedhamuun beekamufii namoota 12 qofa fe'u keessatti fe'uun magaalaa Adaamaatii kallattii bahaan imaluu eegale.

Haa ta'u malee magaalaa Mataahaaraa yemmuu gahan to'ataan tiraafikaa konkolaaticha sakatta'uuf konkolaachisaan konkolataaa akka dhaabu ajaje, konkolaataanis ni dhaabbate.

"Miidhamtoonni baay'ee dafqanii turan, iyyaas turan jedhameera. Balballi konkolaataa akka hinbanamnetti cufamee ture. Fooddaan isaallee halluu gurraacha dibameera" jedhu Abbaan Alangaa haala wayita sana ture yemmuu ibsan.

Wayita kana himatamaa Izaddin to'annoo seeraa jala oolee gaafatamuuf akka jedhu yaade. Kanaafis qaamolee seeraa jalaa miliquuf yaalii taasise garuummoo hinmilkoofne.

Himannaawwan 31…

Himatamaan to'annoo jala oolee qorannoon erga taasifamee booda Abbaan Alangaa Godina Shawaa Bahaa Izaddin Yaasin irratti dhuunfaa dhuunfaa miidhamtootaan himatawwan 31 hundeesse.

Himatawwan kunneenis labsii yakka namaan daldaluufii nama karaa seeraan alaan daangaa ceesisuu ittisuufii to'achuf bahe kan bu'ureeffatanidha.

Manni Murtii Olaanaa Godina Shawaa Bahaas dhimmicha ilaaluufii falmii bitaaf mirgaa taasisuu eegale.

Himatamaanis "ani namoota imalchiisuufi malee (miidhamtoonnis) hojii barbaaduuf na duukaa deeman malee ani yakka hinraawwanne" jechuun falme.

Haa ta'u malee miidhamtoonni Izaddinfii waahillansaa gara Saawudi Arabiyaa akka isaan geessaniif akkasumas wayita galaanarra gahan tokkon tokkon isaanii birrii 35,000 kaffaluuf waliigalanii imala akka eegalan ragaa bahan.

Manni murtiis yaada bitaaf mirgaa erga dhaggeeffatee booda himatamaan akka ofirraa ittisu jalamurtii keenne. Himatamaanis ragaalee ittisaa dhiyeeffatee jecha ragummaasaanii kennan. Haa ta'u malee ragooliin himatamaa gaafilee qaxxaamuraa Abbaa Alangaan gaafataman akkaan deebisuu hindandeenye.

Abbaan Alangaas himatamaan miidhamtoota 31 konkolaataa nama 12 fe'un imalchiisuunsaa, yakkichi cimaa ta'uunsaa akkasumas himatamaan qaxxaamuraan duroomuuf jecha yakkicha rawwaachuunsa aakka dhimoota adabbii cimsanitti akka qabamaniif iyyate.

Manni Murtii Olaanaa Godina Shawaa Bahaas dhaddacha ALI Caamsaa 12, 2017 ooleen himatamaa Izaddin Yaasin hidhaa cimaa waggaa 15 fi birrii 20,000'n akka adabamu murteesse.

"Adabbiin kenname nun quubsine, haalli raawwii yakkichaafii adabbiin manni murtii kenne baay'ee walitti hindhufu" kan jedhan Abbaa Alangaa Mulummabeet Zawdee, Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatti oliyyannoo dhiyeeffachuuf adeemsarra akka jiran himaniiru.

Osoo himatamaan to'atamuu baatee…

Osoo himatamaan kun to'atamuu baatee miidhamtoonni kun "wanti gaariin isaan hinqunnamu ture" kan jedhan Abbaan Alangaa, tibba himatamaan kun itti to'atametti bidiruun godaantota feetee galaana keessatti dhidhimuu himan.

"Tibbuma sani (godaantota) galaanni kan nyaate. Isaanitti makamuuf deemaa turan. Silaa warra du'e sanitti makamuuf deeman ture. Carraa qabeessa ta'anii Poolisiin Mataahaaraa to'ate" jedhan.

Kana malees wayita galaanarra gahan daddabarsitoonni miidhamtoota sodaachisuun maallaqa maatiin akka ergu akka taasisanis himan.

"Qarshii saniyyuu kan hinkaffalletu jira. Albee itti qabanii maatiitti bilbilchiisanii sodaachisaniiti kan maallaqa ergisiisan. Hiyyeessi tokko birrii kuma 35 eessaa fida? Gowwomfamaniiti sana kaffaluuf waadaa kan galan" jedhan.

Kanaafis tumsi qaamoleen nagenyaa Magaalaa Mataahaaraa taasisan miidhamtoota kunneen dararaafii du'arraa hambisuu himan.

"Federaalli nudeeggaruu qaba…"

Yakki namootaan daldaluufii seeraan ala daangaa ceesisuu qindoomina namootaan akka hojjetamu kan himan Abbaa Alangaa Mulummabeet Zawdee, shakkamtuun ammaaf to'annoo jala hin oolle magaalaa Dirre Dhawaa akka jirtu himan.

"Isheetu waamaa ture. Adaamaa kana keessattiyyuu haala mijeessaafii turte. Baajaajii erguudhaan, konkolaataa erguudhaan" jedhan.

Dabaluunis "Dirre Dhawaan Federaala jala jira. Poolisiin Oromiyaa achi deemanii qabuun ni rakkisa waan ta'eef warri federaalaa gidduu seenuu qabu" jedhan.

Gama federaalaan deeggarsi taasifameefii shakkamtuun kun to'annoo jala yoo oolte himata akka irratti hundeessanis himaniiru.