Shamarran 'fedhiin nu kittaanaa' jedhaniif hawwan akkamiin adabaman?

Aanaa Dadaritti shamarran qarabaa bitatanii mana kittaantuu deemuun dhaqna qabatanii jennaan kittaantonni hidhaan adabaman.

Kittaannaa yookaan dhaqna qabaan dubartootaa barmaatilee boodatti hafoo seera yakkaatiinis kan nama adabsiisu ta'uun labsameera.

Godina Harargee Bahaa aanaa Dadaritti taateen tibbana dhagahame ammoo dubartoonni umriin isaanii ganna 18ti gadi ta'e 12 haadholii lamaan kittaanamanii dhimmi isaanii mana murtii qaqqabe.

Itti Gaafatamaan waajjira abbaa Alangaa Aanaa Dadar Obbo Ibraahiim Hasan BBCtti akka himanitti, gochi kun guyyaa adda addaatti aanicha araddaa Ganda Biyyoo jedhamu keessatti raawwatame.

Gocha kittaannaa kanaan kan himataman ammoo haadholii lama, Saafiyaa Mohaammad fi Kaadiyyaa Abiraahim jedhaman.

Akka ragaan Abbaa Alangaa ibsutti, himatamtoonni kunneen dubartoota kana mana isaanii deemanii hin kittaanne.

Dubartoota 12 keessaa garri caalaan ofumaa qarabaa bitatanii mana aayyolee kunneenii deemuun of kittaansisan.

Kaan ammoo maatiitu mana himatamtoota kunneenii geessee kittaansise jedhan Obbo Ibraahim.

"Shamarran kun irra hedduun ofumaa qarabaa bitatanii itti dhaqan. Gochi kuni hamma yakka ta'etti ammoo warri kittaane kuni diduu qabu ture malee kittaannaa raawwachuun irra hin turre.

''Kanaaf ittigaafatamuu jalaa hin baane" jedhan.

Kittaannaan shamarran 12 kuni eeruu hawaasni kenneen dhimmichi poolisii qaqqabuu kan himan abbaan alangaa Aanaa Dadar, miidhamtoonnis 12 fi warri gocha kana raawwate walumaan to'atamanii dhimmi isaanii qoratame.

"Warri gocha kana raawwate kittaannaa kana raawwachuu isaanii hin waakkanne mana murtii irratti amananiiru" jedhan Obbo Ibraahim.

Dhimmicha kan ilaale manni murtii aanaa Dadar akkaataa seera Yakkaa Keewwata 565 irratti tumamee jiruun dhaddacha Gurraandhala 30 bara 2017 ooleen himatamtoota lamaan irratti murtii balleessummaa kenneera.

Haaluma Kanaan himatamtuu duraa Aadde Saafiyaa Mohaammad adabbii hidhaa salphaa waggaa tokkoo fi qarshii 1,000 akkasumas himatamtuu lammaffaa ammoo hidhaa salphaa ji'a ja'aa itti murame.

'Qaawwatu jira'

Itti gaafatamaan abbaa Alangaa aanaa Dadar Obbo Ibraahim Hasan, murtii gocha barsiifata seeraan alaa kana hambisuuf kennamu xiqqaa fi barsiisaa kan hin taanedha yaada jedhu qabu.

Kanaaf sababni ammoo qaawwa seeraa dhimma kanarratti jiru eeru.

"Seerichi adabbiin dhimma kanaaf kaa'e hidhaa salphaa ji'a sadii gadi hin taane yookiin adabbii maallaqaa qarshii 300 gadi hin taane jedha. Gochi kuni miidhaan hawaasarraan gahuu fi adabbii seeraa kaa'ame yoo laalte adabbichi barsiisaa miti" jedhan.

Gochi dhaqna qabaa dubartootaa kuni naannawa isaaniitti gocha yakkaa yeroo hedduu mudatu akka ta'e kan himan ogeessi seeraa kun, adabbiiwwan dhimma kanarratti ammaan dura kennaa turanirraa kan ammaa kuni inumaa fooyyee kan qabu jedhu.

"Qaawwa seeraatu jira. Adabbiin seeraan dhimma kanaaf taa'e silaa adabbii sodaachisaa ta'uu qabaayyu. Manni murtii ammoo daangaa adabbii seeraan tumame kana keessaa bahuu hin danda'u. Kuni waan ilaalamuu qabu" jedhan.

Seerri Yakkaa balleessaa gocha dhaqna qabaa dubartoota irratti raawwamuun walqabatee adabbiin olaanaa jedhee kaa'e hidhaa salphaa waggaa sadiiti.

Waa'ee dhaqna-qabaa kana beektuu?

  • "Qaama saalaa dubartii gara irra keessaa gariin ykn guutummaatti muruu ykn sababii fayyaa tokko malee madeessuu/miidhaa irraan ga'uudha"
  • Biyyoota Afirkaa 30 fi biyyoota Eeshiyaafi Baha Giddu-galeessaa garii keessatti kan baramedha.
  • Waggaa waggaadhaan ijoolleen durbaa miliyoona sadii ta'an guutummaa addunyaarraa rakkoo kanaaf saaxilamu
  • Kanneen miliyoona 125'tti tilmaaman ammoo rakkoo sababa dhaqna-qabaatiin uumame waliin rakkachaa jiraatu.
  • Yeroo baayyee dhaqna-qabaan ijoollee durbaa umurii xiqqummaatii hanga waggaa 15 keessa jiran irratti raawwatama,
  • Yeroo baayyee dhaqna-qabaadhaaf kan akka ka'umsaatti fudhatamu akka amala saalqunnamtii sirrii ta'e qabaattuuf, shammarra ykn dubartii tokko dubartummaadhaaf qopheessuun heerumsiisuun "amala dubartummaa qulqulluu" akka qabaattu taasisuuf jedhama.
  • Balaan dhaqna-qabaa dhiiguu akka malee, maseenummaafi rakkoo fayyaa walxaxaa yeroo da'umsaa mudatuufi yeroo da'umsaa daa'imni du'uu qaqqabsiisa.