Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Aggaarootti namichi ijoollee dhiiraa sadi gudeede hidhaan adabame
Godina Jimmaa aanaa Gommaa Magaala Aggaarootti himatamaan ijoollee dhiiraa sadii kanneen umuriin isaanii waggaa 18 gadirratti yeroo adda addaatti saal-qunnamtii saala wal fakkaataa raawwate hidhaan adabame.
Ittigaafatamaan waajjira abbaa Alangaa aanaa Gommaa Obbo Milkeessaa Dirribaa BBC'tti akka himanitti, namtichi Abdurahmaan Muusaa jedhamu ijoolee sadiirratti ocha safuu hawaasaa cabse raawwachuu himan.
Abdurahmaan jiraataa magaala Aggaaroo ta'e kun guyya adda adddaatti ijoolleerratti raawwate.
"Caamsaa bara 2016 mucaa umriinsaa waggaa 10 hanga 12 ta'erratti irra deddeebiin gocha kana raawwachaa ture.
Bara kana Onkololeessa 22 Ijoollee lama kan umriin isaanii 11 hanga 16 gidduu ta'urratti yakka walfakkaataa kana raawwate" jedhan.
Himatamaan kun tibbuma yakka kana ijoollee lamaanirratti raaawwatetti ijoollee biraa lamarrattis yakka walfakkaataa raawwachuuf gara manaatti fudhatee galaa osoo jiruu poolisiidhaan to'atame jedhan.
"Ijoollee lamaan kanneen umuriin isaanii waggaa 11 hanga 13 gidduu ta'anii fi ijoollee karaarra bulan qabatee gara manaatti osoo galaa jiruu poolisiin to'ate. Ijoolleen kun yeroo gaafataman galgala galgala yakka gudeeddii kana akka ijoollee sadanirratti raawwatu himanii, ijoolleen kun bakka jiranii barbaadamanii qorannaan eegale," jedhan.
"Abbaan alangaa Aanaa Gommaa poolisii aanichaa waliin qorannoo erga xumureen booda Abbaa Alangaa Godina Jimmaatif erge.
Abbaan alangaa Godina Jimmaas seera yakkaa bara 1996 tiin irratti himata saaqe."
"Ragaan barreeffamaa fi ragaan namaa dhihaataa ture. Himatamaanis ragaa ittisaa akka dhiheeffatu gaafatamee ofirraa ittisuu hin dandeenye" jedhan.
Dhimmicha kan ilaale Manni murtii olaanaa Godina Jimmaa dhaddacha ALI Gurraandhala 17, bara 2017 ooleen hidhaa cimaa waggaa 15 akka adabamu murteessuu himan.
Gochi akkanaa safuu hawaasaa cabse kuni naannnichatti waan amma dura dhagahamee hin beekne ta'uu kan himan Obbo Milkeessaan, hawaasni ijoolleen isaanii eessaafi maal keessa akka oolan hordofuu qaba jedhan.
Kana malees, yakkoonni sukaneessoon akkanaa uumamuu yeroo arganittis poolisiif eeruu kennuun miidhaa akkanaa ittisuu qabas jedhan.
Ijoollee sadan miidhaan gudeeddii saala walfakkaataarra gahe keessaas daa'imni irra deddeebiin miidhamaa ture tajaajila yaalaa argachaa jiraachuus himan.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.