Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hogganaan Hamaas Mohaammad Sinwaar Israa'el tibbana ajjeessuu himte eenyu?
Ministirri muumee Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuun waraanni isaanii hogganaa Hamaas Gaazaa Mohaammad Sinwaar ajjeesuu beeksiise.
Mohaammad namoota Hamaas Israa'el cimsitee barbaadaa turte keessaa tokkoo fi obboleessa hogganaa garee kanaa duraan ajjeeffaman, Yaahyaa Sinwaar yoo ta'an waraannii Israa'el "dhabmsiiseera" jedhan Neetaaniyaahuun.
Waa'ee ajjeechaa kanaa ilaalchisee Hamaas garuu hin mirkanneessinees ykn ammoo hin haallees. Waa'ee hogganaa damee waraanaa Hamaas Birgeedii Izzedine al-Qaassaam beekamaa kan beeknu kunooti.
Mohaammad Sinwaar eenyudha?
Hogganaan garee kanaa fi arkiteektiin olaanaa haleellaa Onkoloolessa 7 bara 2023 kan waraana Israa'el fi Gaazaatiif ka'umsa ta'ee, Yaahyaa Sinwaar erga ajjeefamee booda, Mohaammad Sinwaar Gaazaa keessatti warra ijoo ta'an keessaa tokko ta'uunsaa bal'inaan amanama.
Namni kun Onkololeessaa darbe keessaa waraanaa Israa'eliin ajjeeffame.
Yaahyaan alattis Israa'el ajajaa damee waraana Hamaas, Birgeedii Izzedine al-Qaassaam Mohaammed Dee'if ajjeesteetti.
Kunis kan mudate waraanni Gaazaa keessatti ji'oota 19 oliif erga geggeeffamaa tureen boodadha. Akkasumas, mariin Israa'eliifi Hamaas gidduutti namoota booji'amtoota, hidhamtootaa fi kanneen qabaman wal jijjiiruuf waliigalteerra ga'uuf kaayyeffate bakka itti fufee jiruttidha.
Mohaammad Sinwaar Birgeedii Izzedine al-Qaassaam keessatti hoggantoota waraanaa beekamoo ta'an keessaa tokko akka ta'eetti kan ilaalamu yoo ta'u, Gaazaa keessatti dhiibbaa guddaa qaba ture.
Isaan dura ammoo hoggansa nageenyaan qabaniin kan turan yoo ta'u, obboleessa isaa Yaahyaa waliin hariiroo cimaa waan qabuuf carraa akka nama aangoo obbooleessa isaa bakka bu'uutti maqaansaa akka eeramuuf dabale.
Waggoota darban keessa Israa'el yoo xiqqaate yeroo shan irratti xiyyeeffachuuf ajjeesuf yaaltee turte, haata'u malee, yaaliiwwan kunneen hundi akka hin milkoofne himama.
Akkasumas, maqaan isaa butamuu loltuu Israa'el Gilaad Shaalit fi waraana Gaazaa amma gaggeeffamaa jiru keessatti gahee waraanaa waliin walqabatee ka'a.
Mohaammed Sinwaar ilaalchiisee maddeen Arabaa fi Filisxeem irraa odeeffannoon argame xiqqaadha.
Kunis sababii ejjennoo waraanaa isaafi waan maqaa gadi aanaa keessatti socho'uu barbaadu irraa kan ka'e ta'uu gaazexeessaan lammii Filisxeem BBC waliin dubbate tokko ibseera.
Ammatti waa'ee isaa wanti beeknu kunooti.
Obbooleessaa Yaahyaa Sinwaar
Mohammad Sinwaar bara 1975tti ture kan magaalaa Kaan Yuunis keessatti dhalate. Yeroo sanatti obboleessi isaa Yaahyaan umuriinsaa waggaa kudha sadii ture.
Maatiin isaanii bara 1948tti ganda naannoo Ashqaloonitti argamu irraa buqqa'anii kibba Gaazaa qubatanii turan.
Bara 1991tti ammoo Mohaammad Sinwaar ''gocha shororkeessummaatiin shakkamee'' Israa'el keessatti ji'oota sagaliif mana hidhaa Ketziot keessatti hidhame.
Akka gabaasni Jerusalem Post jedhutti, haleellaa Hamaas Israa'el bara 2000 irraa eegalee hammaataa dhufeen ofitti amanamummaa fi ejjennoo Mohaammad dabalaa dhufe. Akka 'obboleessa Yaahyaatti' maqaan Mohaammad yeroo Yaahyaan mana hidhaa Israa'el keessa ture daran cimee ture.
Ajajoota dirree kanneen boodarra dhaabbaticha keessatti namoota ijoo ta'anii fi isaan waliin wal cinaa dhaabbatanii hojjetan waliin hariiroo cimaa uumuunsaa ni yaadatama.
Kunis Mohammad Deef, Saad al-Araabiid fi kanneen dandeettii waraana Hamaas cimsuu keessatti hirmaatan akka dabalatu gaazexaan kun ni mul'isa.
Qondaaltonni Israa'el akka jedhanitti, Mohaammad Sinwaar bara 2006 loltuu Israa'el Gilaad Shaalit butamuuf itti gaafatamummaa kanneen fudhatan keessaa tokko yoo ta'u, kunis dhumarratti Shaalit waliigaltee hidhamtoota Filisxeem 1,027 jijjiiruuf taasifameen obboleessi isaa Yaahyaa akka gadhiifamu taasiseera.
Mohaammad Sinwaar waggoota kurnaniif humnoota nageenyaa Israa'eliin akka hin qabamne ykn hin ajjeefamneef dhokatee jiraachaa ture.
'Nama Gaaddidduu'
Mohaammad Sinwaar yeroo dheeraaf dhoksaadhaan hojjataa waan tureef maqaa masoo 'Nama Gaaddiidduu ("The Shadow Man") jedhu argateera. Akkuma muuxannoo hojii horachaa dhufeen tarsiimoo waraana Hamaas keessatti gahee olaanaa bahe.
Hanga bara 2023tti viidiyoonsaa waraana Israa'eliin gadhiifamutti namoonni hedduun Mohaammad Sinwaar hin beekan. Viidiyoon kunis yeroo inni konkolaataadhaan karaa lafa jalaa Hamaas kan Gaazaa keessatti argamu keessa imalu agarsiisa ture.
'Yaahyaa caalaa gara jabeessa'
Jerusalem Post maddeen waraanaa Israa'el wabeeffachuun Mohaammad Sinwaar obboleessa isaa Yaahyaa caalaa ''gara jabbeessadha'' jechuun ibseera.
"Ijaarsa waraanaa Hamaas waggoota 25 darban keessatti taasise keessatti taatee guddaa Mohaammad Sinwaar keessatti hin hirmaanne hin argattu. Ajajaa Kaan Yuunisitti,gulantaa olaanaan tajaajilaa ture, ajajoonni isa booda dhufanillee dhiibbaa isaa jala turan."
"Lafa jalaan bakka bu'aa Mohammed Dee'if ta'uusaa hubachuun barbaachisaadha, loltootaa fi ajajoota birgeedii fi kutaa waraanaa waliin haasa'uudhaan dhiibbaan isaa dabaleera."
Marii bojii'amtootaa fi hidhamtootaa
Miidiyaaleen Arabaa fi Israa'el akka gabaasanitti, mariin dhiheenya kana Gaazaatti dhukaasa dhaabuu irratti kaayyeffate ''guutummaatti hin xumuramne'', garuu ammoo Mohaammad Sinwaar ''marii kana keessatti obboleessa isaa ajjeefame Yaahyaa Sinwaar caalaa ejjennoo cimaa agarsiiseera'' jedhan.
Akkasumas, Mohaammad ''marii Israa'el waliin booji'amtoota Israa'el fi hidhamtoota Filisxeem gadhiisiisuu ilaalchisee" taasifame keessatti hirmaachuusaa fi Gaazaa keessatti ulaa lafa jalaa ijaaruu keessatti gahee guddaa akka qabu gabaasan.
Hamaasiin irra deebiin ijaaruu
Akka Wall Street Journal'tti, Mohaammad ''loltoota haaraa Gaazaa keessatti qacaruudhaan sochii kana deebisee ijaaraa ture, kanaanis Israa'eliin gara waraana balleessuutti dhiibaa ture.''
Gaazexaan kun akka ibsetti, "Hamaas ji'a darbe ajjeechaa Yaahyaa Sinwaar booda miidhaan hamaa irra ga'eera. H
aata'u malee, waraanni Gaazaa keessatti gaggeeffamaa jirus loltoota dhaloota haaraa uumuun Gaazaa meeshaa waraanaa hin dhoohiniin guutee jira. Akkasumas, sochiichis lola Gaazaa keessatti itti fufee jiruuf deebiisee gara boombiitti jijjiruun akka itti fayyadamu taasiseera.''
Gaazexichi Meejar Jeneraal Israa'el soorama ba'e, Amiir Afiifii wabeeffachuun, "duulli qacarrii fi lola hoggansa Mohaammad Sinwaar jalatti adeemsifamaa jiru Israa'eliif qormaata haaraadha" jedhan.
Afiifi Mohaammad Sinwaariituu ''waan hunda geggeessuu fi tattaaffii haaromsaa Hamaas keessatti ijoodha'' jechuun mirkaneessaniiru.
Yaahyaa Sinwaar ajjeefamuun booda qondaaltonni sochii kanaa biyya alaa jiran "dura taa'aa haaraa muuduu dhiisanii mana maree hoggansa waloo ijaaruuf murteessan. Haata'u malee qabsaa'onni Hamaas Gaazaa keessa jiran kanaaf osoo hin abboomamne, hoggansa Sinwaar nama dargaggeessa jalatti of danda'anii socho'aa jiru" jedheera.